bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
/
Mark 3
Mark 3
Oromo Bible (Waadaa Haarawa) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
1
Yesus'llee deebi'ee gara bakka woligayii isaanii ni aseene, achi'llee nama harki isaa naafaa tokkotu jira ture.
2
Yesusiin himachu'uuf namoonni barbaadan, «Guyyaa Sanbbataatiin ka fayyisuun yoo ta'e mee haa laalluu!» jedhanii, ni eegganiin ture.
3
Yesus'llee namicha harka naafaatiin, «Koottuutii jidduu dhaabadhu!» jedheen.
4
Achiin duubatti'llee, «Haa ta'u malee guyyaan Sanbbataatiin ka eeyyamame, waan mishaa raawwachu'u moo yookiin hama'a? Lubbuu fayyisu'uu moo yookiin balleesu'u?» jedhee isaan ni gaafate.
5
Yesus'llee waayee haddooddii onnee isaaniif gaddee, naannoo isaa worra jiran laaleeti namichaan, «Harka kee diriirssi!» jedheen. Inni'llee yeroo diriirsetti, harki isaa ni fayyeef.
6
Bakkumatti Fariisonni bayanii attami taasisanii Yesusiin akka balleessaniin, namoota Heerodisii woliin ni mari'atan.
7
Yesus barattoota isaa woliin gara garba ciisaa Galiila'aa ni deeme. Galiila'aa fi Yihuda'aa'llee namoonni baayi'een ni horddofaniin.
8
Ni taasisa waan ture mara'llee yeroo dhagayanitti namoonni baayi'een isa ni horddofaniin, isaan'llee Galiila'aa, Yihuda'aa, Yerusaalemii, Edomiyaas, Yordaanosiin gama biyya jiruu'llee, akkuma kana magaalota Xiiroosii fi Sidoonaatti'llee ka dhufan ni jiran ture.
9
Baayi'nna ummataa irraa kan ka'een akka isa hin haccuu'cineef, hoboloo qopheessanii akka dhiyeessaniif, barattoota isaa ni ajaje.
10
Namoota baayi'ee dhukkuba isaanii irraa, isaan fayyisee waan tureef, worri dhukkubaan makkaraaran marrinuu harka isaaniitiin isa tuqu'uuf barbaadanii, ni haccuucaniin ture.
11
Hafuuronni battiiwwan'llee yeroo isa arganitti isa duranatti kufa'aa, «Ati Ilma Waaqaati!» jedha'aa, ni iyyan ture.
12
Inni garuu eennummaa isaa akka hin ibisineef, ciminnaan isaanitti ni baanate.
13
Yesus gara gaaraa yeroo bayetti isaan worra barbaade sanniin gara isaa ni waame, Isaan'llee gara isaa ni dhiyaatan.
14
Isa woliin akka ta'anii fi haa barsiisaniif'llee akka isaan ergu kudha lamaan filatee, «Ergamittoota» jedhee, isaan ni moggaase.
15
Jinniiwwan akka baasaniif'llee aangoo isaaniif ni kenne.
16
Ergamittoonni filataman kudha lamaan'llee kanniin, Phexiros jedhee ka moggaase Simooniin,
17
Bo'anergees yookiin ijoollee hangaasu'uu jedhee ka moggaase, ijoollee Zabdewoosii Yaaqoobii fi Yohaannisiin,
18
Indriyaas, Filiphos, Bartolomewos, Maatewos, Toomaas, ilma Alfewosii Yaaqoobiin, Taadewosii fi Simoonii hinaafticha.
19
Yesusiin'llee dabarssee ka kenne, Yihudaa nama biyya keriyoot.
20
Kanaan duubatti'llee Yesus gara manaa ni aseene. Yesusii fi barattoonni isaa nyaatuma'llee nyaachuu haga dadhabanitti, deebi'ee namoonni baayi'een wol ni gayan.
21
«Yesus maraatee jira!» yoo jedhamu dhagayuu isaaniitiin worri isaa isa qabu'uuf, gara isaa ni dhufan.
22
Barsiisonni seeraa worri Yerusaalemii bu'an, «Inni Bi'el zebuliin qaba! Jinniiwwan'llee ka baasu, itti gaafatamaa jinniiwwanii ka ta'e, Bi'el zebuliii kanaan!» jedha'aa ni odeessan.
23
Yesus'llee isaan gara isaa waamee fakkeennaan akkana isaaniin ni jedhe, «Sheexanni attamitti sheexana baasu'uuniif danda'a?
24
Mootummaan tokko adda qoodamee ufii isaatii ka wolitti bu'u yoo ta'e, mootummaan sun jabaatee dhaabachu'uuf hin danda'u.
25
Akkuma kana maatiin tokko ufii isaatii yoo gargar fooyamee, jabaatee jiraachu'uuf hin danda'u.
26
Kanaaf Sheexanni ufii isaatii gargar yoo fooyyaye ni bada malee, jiraachuu hin danda'u.»
27
«Akkuma kana gara mana nama jabaa tokkoo aseenee, durssee nama jabaa san uduu hin hidhin, qabeenna isaa saamu'uuf ka danda'u hin jiru.
28
«Dhugamaan isiniin jedha, cubbuun namoonni hojjatanii fi dubbiin arrabaa ka dubbatan maraafuu, dhiifaminni ni taasfamaaf.
29
Garuu Hafuura Qulqulluu irratti dubbii arrabaa ka dubbatu marrinuu, liqaa bara baraa itti ta'a malee, gonkumaa cubbuu isaatiif dhiifamnni hin taasfamuuf.»
30
Yesus kana ka dubbateef, «Hafuura batti'iitu isa keessa jira» jechuu, isaaniitiin ture.
31
Haati yesusiitii fi obboleeyyan isaa gara isaa ni dhufan, ala'llee dhaabatanii gara isaa nama erganiiti, ni waamsisaniin.
32
Namoonni naannaya ta'anii jiran turan'llee, «Kunoo! Haatetii fi obboleeyyan kee, ala dhaabatanii si barbaadan» jedhanii, itti himan.
33
Inni'llee, «Haati tiyya eennu? Obboleeyyan kiyya hoo eennuun fa'a?» jechu'uun, ni deebise.
34
Gara worra naannaya isaa ta'anii jiran turanii laala'aa, «Kunoo! Haati tiyyaa fi obboleeyyan kiyya'llee kanniin!
35
Fedhii Waaqaa ka raawwatu marrinuu, inni obboleesa kiyya, obboleettii tiyyaa fi haadha tiyya'lle'e» jedhe.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16