bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 10
Acts 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Qachaa Qisaariya'a keessa namichi Qorneelewos jedhamu tokko, kutaa woraana worra Rooma'aa ka “Ixaaliqaa” jedhamee waammamuuf ajaja dhibbaa ka ite'e jiraayyu.
2
Inni maatii ifii duudii woliin nama Waaqa waaqonfatuu fi Waaqa sodaatu. Inni ammalle worra Yihudootaa keessaa hiyyeeyyii guddoo qarqaaraa, yennaa mara Waaqa daadimataa ture.
3
Gaafa tokko saafowa gara saatii sagaliititti, ergamaan Waaqaa gara isaa dhufee, “Qorneelewos” jedhee isa waamuun mudhi'iin dhagge.
4
Qorneelewosille erganticha Waaqaa hubatee ilaalee soda'aan, “Gootta'a, maan?” jedhe. Ergamaan Waaqaa deebisee, “Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera.
5
Ammalle namoota gara qachaa Yophe'ee ergiitii, Simoon ka Pheexroos jedhamu tokko waansisi.
6
Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira” jedhe.
7
Achiin duuba ergantichi isatti dubbatee biraa deemeeruun, Qorneelewos tajaajiltoota ifii keessaa nama lamaa fi loltoota isaaf addatamanu keessaa nama tokko waamee,
8
waan te'e san duudii isaanitti himeen duuba, gara qachaa Yophe'ee erge.
9
Boruyyaa worri ergame qachaa Yophe'ee bira geyeeruun, Pheexroos gara saatii jaatitti daadimatiisaaf gara mana mana gubba'aa ol baye.
10
Yennaa san Pheexroos beeloyee waan nyaatu barbaade; adoo sagaleen qophoyiisatti jirtuu galaalchee mudhii dhagge.
11
Inni ol gubbaan banantee, wonni akka woyaa guddoo fakkattu roga afuriinuu gad bu'aartuun dhagge.
12
Woyaa san keessa bineensoti miila afur qabanu, ka gadha'aan lowanuu fi sinbirrooti koolaan ka'anu duudiin jiran.
13
Yennaa san qoonqoon, “Pheexroos, ka'i; bineensota kana qaladhuutii nyaadhu!” jettu dhage'e.
14
Pheexroos ammoo, “Hin teetu, Gootta'a! Ani waan aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqulluu hin te'in yookiin waan battii nyaadhee hin beeku” jedhe.
15
Ammalle qoonqoon deebitee, “Waan Waaqi qulqulleesse, ati akka batti'ii hin laakoyin” jetteen.
16
Tun yennaa sadi teetee, wonni akka woyaa guddoo fakkaattu sun gara ol-gubba'aa fudhatante.
17
Pheexroos mudhiin tun maan jedhee adoo baaseffatiisatti jiruu, namooti Qorneelewos erge mana Simoonii iyyaafatanee dhufanee, balbala dura dhabbatane.
18
Isaan qooqoo ol qabatanee, “Keessuntichi Simoon Pheexroos jedhamu tokko as jiraa?” jedhanee gaafatane.
19
Pheexroos ammalle marroo mudhi'ii adoo yaadatiisatti jiruu Ayyaanni, “Kunoo! Namooti sad si barbaadiisatti jiran.
20
Tanaaf ka'iitii gad bu'i; ka isaan erge ana waan te'eef adoo hin mamin isaan woliin deem” jedhe.
21
Maarre Pheexroos gad bu'ee isaaniin, “Nami isin barbaaddanu ana; maaf dhuttane?” jedhe.
22
Isaan deebisanee, “Ajajaa dhibbaa ka te'e, Qorneelewositti nu erge; inni nama qajeelaa Waaqa waaqonfatuu fi kolbaan Yihudootaa duudiin ulfeessitu; inni gara mana ifii si waanisisee, waan ati jettu akka dhage'u, ergamaan Waaqaa woyyichi isatti himeera” jedhane.
23
Pheexroosille ol isaan waamee, keessunsiisee bulche. Pheexroos boruyyaa ka'ee isaan woliin deeme; dhugeeffattooti qachaa Yophee keessaalle gariin isa woliin deemane.
24
Guyyaa itti aanu qachaa Qiisaariya'aa geyane; Qorneelewosille firootaa fi jaalota ifii waammatee, isaan eegate.
25
Pheexroos gara manaa yennaa seene, Qorneelewos isaa dhaggee, miila isaatitti jigee sagadeef.
26
Pheexroos ammoo, “Ka'i! Anille namuma akka keetii ti” jedhe.
27
Pheexroos isa woliin haasowaa yennaa mana seene, kolbaan hedduun wolitti qabanteertuun dhagge.
28
Inni isaaniin, “Nami gosa Yihudi'ii tokko, worra Yihudii hin te'in woliin firoomuu yookiin mana wolii dhaquu seerri dhugeeffannaa teennaa akka hin eeyyanne isinuu hin beettan. Waaqi ammoo, akka ani nama tokkolle'een aadaa dhugeeffanna'aatiin qulqullu'uu moti yookiin battii akka hin jenne anatti mudhiseera.
29
Tanaaf yennaa isin natti ergitane, ani adoo hin mamiin dhufe; yoona maaf akka anatti ergitane beekuu barbaada” jedhe.
30
Qorneelewos deebisee, “Guyyaa afuriin dura yennuma tana guyyaa keessa saatii sagalitti, ani mana kiyya keessatti daadimatiisatti jiruun, dedhuma nami woyaa calalaxxuu uffateeru tokko na dura dhaabbattee,
31
‘Qorneelewos! Waaqi daadimata keeti dhage'eera; hiyyeeyyii qarqaaruu keetille yaadateera’ jedhe.
32
Nama gara Yophe'ee ergiitii namicha Simoon Pheexroos jedhamu waansisi. Inni abbaayaa guddittii cinaa mana Simoonii gogaa duuguutitti keessummummaa jira.
33
Tanaaf anille yoosuma sitti erge; atille baga dhutte. Amma nuuti duudiin waan Goottaan sitti hime duudii si irraa dhage'iisaaf, fuula Waaqaa duratti asitti wolitti qabanneerra” jedhe.
34
Pheexroos isaaniin, “Dhugumaan Waaqi akka nama wol hin caalchinne hubadheera.
35
Nama biyya tamiille te'uutii, ka Waaqa sodaatuu fi waan sirrii godhu Waaqa biratti fudhatama qaba.
36
Waaqi Jecha ifii kolbaa Israa'eliitiif erguu isaa, Oduu Gammadaa ta nageyaa, karaa Yesuus Kiristoosii Goottaa nama maraatiin lallabuu isaa hin beettan.
37
Yohaannis marroo cuupha'aa lallabeen duuba, biyya Galila'aatii jalqabee lafa Yihuda'aa mara keessatti waan te'e hin beettan.
38
Waaqi, Yesuussii Naaziretii Ayyaana Woyyichaan muudee hunna akka isaaf kenne, Yesuusille Waaqi isa woliin waan jiruuf addee mara dhaqee hujii dansaa hujee, worra Seexanaan qabame duudii akka fayyise hin beettan.
39
Nuuti biyya Yihuda'aatii fi qachaa Yerusaalemiititti, waan Yesuus godhe maraaf dhugaa baatota; isaan ammoo isa fannoo irratti fannisanee ijjeesane.
40
Waaqi ammoo guyyaa sadeesso'oo du'aa isa kaasee, akka inni mudhatu godhe.
41
Mudhatuun isaa nama duudi'iif adoo hin te'in, nu worra dhugaa bayoota isaa akka teenuuf filannee, du'aa ka'a isaatiin duuba isa woliin nyaannee fi unnetti mudhateera.
42
Waaqi akka nuuti wongeela kolba'aaf lallannu, worra jiruu fi du'e irratti abbaa mura'aa akka te'uuf akka isa file, akka dhugaa baanuuf nu ajajeera.
43
Worri isatti dhugeeffatu duudiin, maqaa isaatiin araara cubbu'uu akka dhaggatanu, raagoti duudiin dhugaa bayaneeraran” jedhe.
44
Adoo Pheexroos tana dubbatiisatti jiruu, Ayyanni Woyyichi worra dubbii isaa dhage'iisatti jiru duudii irratti bu'e.
45
Yihudooti dhugeeffataneeranu ka Pheexroos woliin dhufane, Waaqi kennansa Ayyaana Woyyichaa worra Yihudoota hin te'iniifille kennuu isaa dhagganee baaseffatane.
46
Yihudooti dhugeeffatane, worri Yihudoota hin te'in afaan haareya dubbataa Waaqa leellifatanuun dhaggane. Achiin duuba Pheexroos,
47
“Kolbaan tun akkuma keenna Ayyaana Woyyicha fudhateerti. Akka isaan bisaaniin hin cuuphanne eentu dhoogga ree?” jedhe.
48
Maarre Pheexroos akka isaan maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphamanu ajaje. Achiin duuba isaan akka Pheexroos guyyaa diqqa'aaf isaan woliin turu kadhatane.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28