bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 20
Acts 20
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
Hogaan qabbanoyeen duuba, Phawuloos dhugeeffattoota duudii waamee, jajjabeesee, nageya itti dhaamee, isaan lakkisee gara Maqedooniya'aa dhaqiisaaf ka'e.
2
Inni lafa keessa dabaretti dhugeeffattoota gorsa heddu'uun jajjabeessaa, gara biyya Giriikii deemee,
3
ji'a sad achi ture. Inni hobolo'oon Sooriyaa dhaqiisaaf adoo qophawuu, worri Yihudootaa akka mala itti dhowe yennaa beeke, karaa Maqedooniya'aatiin deebi'iisaaf murteeffate.
4
Sophaaxros ilmi Phiirosii nama Beriya'aa, Arisxaarkosii fi Sekundos nami Tasaloniiqe'ee, Gaayos nami Derbe'ee, Ximootewos, Xikiqoosii fi Xirofomoos nami Asiya'aa, Phawuloos woliin deemane.
5
Jarri tun nuun dura dhaxxee Xiro'aasitti nu eedde.
6
Nuuti ammoo guyyaan Jila Daabboo Uukoo hin qanne dabareen duuba, Filiphisiiyusii irraa hobolo'oon kaanee, guyyaa shaniin duuba isaaniin wol dhagginee, torbaan tokko achi turre.
7
Torbaan keessaa guyyaa qaraa, daabboo caccaffatiisaaf wolitti qabannee adoo jirruu, Phawuloos boruyyaa deemiisaaf waan yaadeef, dubbii ifii dheeressee haga halkan wodhakka'aa kolba'atti dubbate.
8
Addee nuuti wolitti qabanne kolloo mana mana gubba'aa keessa ifi hedduun jiraayyu.
9
Dargaggeessi Oyxikoos jedhamu tokko foddaa irraa tee'eeraayyu; Phawuloos haasowa dheeressinaan, mugee dunquuqqayee, mana mana gubba'aatiin gubba'aa irraa bu'e; yennaa isaan ol isa fuudhane, inni du'eera.
10
Phawuloos ammoo gad bu'ee, gad itti jedhee hanqafatee, “Hin rifatina'a! Lubbuun isaa keessaa jirti” jedhe.
11
Achiin duuba inni gara mana mana gubba'aatitti ol deebi'ee, daabboo cassee nyaate; haga latti bariitu isaan woliin dubbateen duuba deeme.
12
Isaan Dargaggeessa jiraataa te'e san gara manaa geessanee, guddoo jajjabaatane.
13
Phawuloos karaa lafa irraa qachaa Asosii dhaqiisaaf waan yaadateef, nuuti isaan dura qachaa Asosii dhandhee, hoboloo akka isa yaabbachinnu waan nu ajajeef, tana goone.
14
Asositti wol dhagginee, isa fudhannee hobolo'oon qachaa Mixileene'eetitti dabarre.
15
Boruyyaa hobolo'oon achii kaanee, oddoola Kiiyosii bira geenne. Guyyaa itti aanulle oddoola Saamosii dhandhee, boruyyaa qachaa Miilexosii geene.
16
Phawuloos kutaa biyya Asiya'aa keessatti turuu waan hin barbaadiniif, gara Efesoonii goruu lakkisee, hobolo'oon dabaru'uuf murteeffate. Yoo dande'ante guyyaa jila shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu Yerusaalem geyisaaf ariifateeraayyu.
17
Phawuloos qachaa Miilexosii irraa gara Efesoonii nama ergee, Jaarsolee wolde'a Efesoonii gara ifii waansise.
18
Isaan gara isaa yennaa dhufane, inni isaaniin, “Ani guyyaa qara lafa Asiya'aa dhufeen jalqabee, yennaa duudii attam akka isin woliin jiraadhe isinuu hin beettan.
19
Yihudooti mala anatti dhowanee rakkadhulle, ani waan duudi'iin ifi gad qabee, imimmaaniin Goottaa tajaajile.
20
Waan isiniif te'u mara adoo hin hamburin, wolde'aa fi mana keessan irra deemaa, lallabee akka barsiise isin hin beettan.
21
Cubbuu irraa gara Waaqaatitti deebi'anee, Goottaa keenna Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffatanu, Yihudootaa fi worra Yihudoota hin te'iniif ani dhugaa bayeera.
22
Amma kunoo achitti waan anatti dhufu adoo hin beekin, akeettii Ayyaana Woyyichaatiin Yerusaalem dhaqaara.
23
Qachaa ani gewu duudii keessatti hidha'aa fi miidhaan akka ana eegattu, Ayyaanni Woyyichi anatti himeera.
24
Te'uu malee ergaa tiyya yoo fixee, hujii Goottaan Yesuus anatti kenne ta Wongeela badhaadha Waaqaalle yoo lallabee muummesse, jiruu tiyya woyittu hin laakkowu.
25
“Ani odduu teessan deddeebi'ee, marroo mootummaa Waaqaa lallabeera; amma ammoo, nami tokkolle deebi'ee akka ana hin dhaggine hin beeka.
26
Tanaaf isin keessaa nami tokko yoo bade, akka ani itti hin gaafatanne adha isinitti hima.
27
Sababille ani fedhii Waaqaa duudii isinitti himeera malee, waan isin irraa hambure hin qabu.
28
Maarre ifii fi hoolee Waaqaa akka isin eeddanuuf isinitti kennantelle'eef ifi eegadha'a; wolde'a kiristaanaa ka Waaqaa, ka inni dhiiga ilma ifiitiin ka ifii godhate tissa'a.
29
Ani deemeen duuba, worri akka yayyi'ii odduu teessan akka seenanu ani hin beeka.
30
Yennaan namooti gariin isinuma keessaa, dhugaa dassanee dhugeeffattoota ifi hordoffachiisanu hin dhutti.
31
Tanaaf dammaqa'a! Ani woggaa sadi halkanii fi guyyaa adoo gargar hin kutin imimmaaniin, tokko tokkoo keessan akka gorse qaabadha'a.
32
“Amma ani eeddoo Waaqaatitti, badhaadha ergaa isaa ka isin ijaariisa dande'uu fi eebba Waaqi kolbaa ifii duudi'iif kennutti, isin kenneera.
33
Ani meetii, worqii yookiin uffana eennulle hin kajeelle.
34
Anaa fi worra ana woliin jiruuf waan barbaachisu maraa dhaggatiisaaf harka kiyyaan akka huje isinuu hin beettan.
35
Jecha Goottaa Yesuusii, “Ka fudhatu caalaa ka kennu ka eebbifame” jedhe qaabatiisaan, harka keennaan hujaa, hiyyeeyyii qarqaaruu akka malle ani isinitti mudhiseera.
36
Phawuloos tana dubbatee fixeen duubba, isaan woliin jilbiiffatee daadimate.
37
Isaan duudiin booyaa morma isaatitti maratanee sunqatane.
38
Keessattuu inni isaaniin, haganaa achii deebitanee ana hin dhaggitanu waan jedheef guddoo gaddane; achiin duuba isaan haga hobolo'oo isa woliin deemane.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28