bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 18
Acts 18
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Kanaan duuba Phawuloos qacha Ateena'aa lakkisee, gara qachaa Qorontoosii dhaqe.
2
Achitti Yihudicha biyya Phonxosiititti dhalate, ka maqaan isaa Aqiilaa jadhamu tokkoon wol dhagge. Kilaawudiiyosiin mootichi worra Rooma'aa, Yihudooti duudiin biyya Rooma'a keessaa akka bayanu waan ajajeef, Aqiilaan haadha manaa ifii Pharisiqiilaa woliin dhiyootti biyya Ixaaliyaatii dhufeeraayyu. Phawuloos isaan dhaggiisaaf dhaqee,
3
hujiin isaallee akkuma isaanii dunkanii hodhuu waan teeteef, isaan bira tee'ee hojjate.
4
Sanbata Sanbata Phawuloos Mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee, Yihudootaa fi Giriikoota dhugeeffachiisu'uuf wodhaane.
5
Siilaasii fi Ximootewos biyya Maqedooniya'aatitii yennaa deebi'ane, Phawuloos yennaa ifii mara Jecha Waaqaa lallabaa, Yesuus Masiihii akka te'e Yihudootaaf dhugaa baye.
6
Yihudooti isa mormanee arrassinaan, inni bukuu woyaa ifii irraa dhodhowatee, “Dhiigi keessan isinittuu deebi'a; ani itti hin gaafatamu. Ammaa jalqabee gara worra Yihudoota hin te'inii dhaqa” isaaniin jedhe.
7
Achiin duuba Phawuloos Mana Waaqeffannaa Yihudootaatii ka'e, gara mana namicha Tiitoosii Yusxos jedhamu, ka Waaqa waaqeffatuu dhaqe; manni namicha sanii mana Waaqeffannaa Yihudootaa bira jiraayyu.
8
Kiriisphos ka jedhamu bulchaan mana waaqeffanna Yihudootaa, nama ifii duudii woliin Gootta'atti dhugeefate; Qorontoos keessalle'ee kolbaan dhibiin hedduun, waan Phawuloos dubbate dhageettee dhugeeffattee, cuuphante.
9
Goottaan gaafa tokko oojju'uun Phawuloositti dubbatee, “Hin soodaatin; lallabuma lallabi malee, hin cadhisin.
10
Ani si woliin jira; ani qachaa kana keessaa kolbaa hedduu waan qabuuf, eenulle si hubiisaaf hin dande'u” jedhe.
11
Maarre Phawuloos woggaa tokkoo fi ji'a jaa, Jecha Waaqaa kolbaa barsiisaa ture.
12
Bara Gaalii'oon bulcha biyya Akaayya'aa te'etti Yihudooti wolii galanee, Phawuloos qabane; isaan gara mana mura'aa isa geessanee,
13
“Nami kun karaa seera keenna mormuun, kolbaa sossobaa akka Waaqa Waaqeffattu godha” jedhane.
14
Phawuloos adoo dubbatiisaaf jedhuu, bulchaan Gaalii'oon Yihudootaan, “Wonni kun yakkaa hantuu yookiin dogongora hojjatame adoo teete, himata keessan silaa hin dhage'aayyu.
15
Ammoo wonni kun marroo moromaa jechootaa, marroo moromaa maqa'aatii fi seera keessanii eega teete, isinuu fixadha'a. Ani waan kana irratti hin muru” jedhee,
16
mana mura'aa keessaa isaan ari'e.
17
Yennaa kana isaan martinuu, bulchaa Mana Waaqeffannaa Yihudootaa Sosteneesii qabanee, mana mura'aa duratti tumane. Gaalii'oon ammoo waan kana woyittuu hin laakkonne.
18
Phawuloos guyyaa hedduu dhugeeffattoota woliin Qorontoos keessa ture; achiin duuba nageya isanitti dhaamee, hobolo'oon Phirisqiila'aa fi Aqiilaa woliin gara Sooriya'aa dhaqe; Phawuloos waadaa Waaqaaf gale waan qabuuf, lafa Kanchire'aa jedhantutti mataa ifii haadate.
19
Qachaa Efesoonii yennaa geyane, Pharisiqiila'aa fi Aqiilaa achumatti lakkisee, Mana Waaqeffannaa Yihudootaa seenee Yihudoota woliin dubbate.
20
Isaan akka Phawuloos yennaa dheertuu isaan woliin turuuf gaafannaan, inni ammoo hin eeyyanne.
21
Ammoo “Yoo fedha Waaqaa teete deebi'ee hin dhufa” jedhee, nageya isaanitti dhaamee hobolo'oon Efesoonii ka'ee deeme.
22
Inni qachaa Qiisaariya'aa yennaa geye, gara Yerusaalemii dhaqee wolde'a kiristaanaatiif nageya dhikeessee, achiiin duuba gara Anxokiya'aa gad bu'e.
23
Yennaa diqqoo Anxokiyaa tureen duuba ka'ee, biyya Galaatiya'aatii fi Firiigiya'aa keessa dabaree, deddeemee dhugeeffattoota duudii jajjaabeesse.
24
Yennaa san Yihudichi Apholoos jedhamu tokko, ka qacha Iskindriya'atti dhalate gara qachaa Efesoonii dhufe. Inni nama Barreeffama Woyyicha miidhassee beekuu fi nama dandeettii dubbi'ii qabu.
25
Inni nama karaa Gootta'aa baratee fi gammada gudda'aan marroo Yesuusii sirri'itti lallabee barsiise. Te'uu malee inni cuuphaa Yohaannisii callaa beeka.
26
Inni sodaa malee Mana Waaqeffannaa Yihudootaa keessatti dubbatiisa jalqabe. Pharisqiila'aa fi Aqiilaan dubbii isaa yennaa dhage'ane, gara mana ifii isa fudhatanee marroo karaa Gootta'aa caalchisane sirri'itti itti himane.
27
Apholoos gara Akaayya'aa deemiisaaf yennaa barbaade, dhugeeffattooti Efesoon keessaa isa jajjabeessanee, dhugeeffattooti Akaayyaa keessaa akka isa fudhatanuuf xalayaa barreessaneef. Inni yennaa achi geye, worra badhadha Waaqaatiin dhugeeffattoota te'aneef qarqaarsa te'e.
28
Inni Yesuus Masiihii akka te'e Barreeffama Woyyicha keessaa isaaniif mirkaneessaa, kolbaa duratti Yihudoota mormi'iin injifate.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28