bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 9
Acts 9
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
1
Saa'ol ammalle barattoota Gootta'aa ijjeesiisaaf dhaadataa, gara Hayyicha gudda'aa dhaqe.
2
Worra karaa Gootta'aa hordofu dhiiraa fi dubartiille yoo dhagge, hidhee gara Yerusaalemii fidiisaaf akka dande'u, xaleyaa gara Mana Waaqeffannaa Yihudootaa ka Damaasqootti akka isaaf barreessu, Hayyicha Guddaa gaafate.
3
Saa'ol adoo deemuu qachaa Damaasqo'ootitti dhikaateeruun, dedhuma ifi ol-gubba'aa irraa adaala isaatitti balaqqise.
4
Inni lafatti jigee qoonqoo, “Saa'ol, Saa'ol maaf ana miita?” jettu dhage'e.
5
Saa'olille, “Gootta'a, ati eennu?” jedhee gaafate. Qoonqoolle, “Ani Yesuusii ati miitu;
6
ammoo, ka'ii gara qacha'aa seen. Wonni ati godhuu qaddu achitti si'itti himama” jette
7
Namooti Saa'ol woliin deemiisatti jiranu, qoonqoo dhage'ane malee, nama dubbatu hin dhaggine; isaan cadhisanee dhaabbatane.
8
Saa'ol addee jigee ka'ee ila ifii yennaa banate, womaa dhaggiisaaf hin dandeenne. Tanaaf isaan harka isaa qabanee, gara qachaa Damaasqo'oo isa geessane.
9
Inni haga guyyaa sadii womaa dhagguu hin dandeenne; hin nyaannelle'e yookiin hin unnelle'e.
10
Yennaa san barataan Ananiiyaas jedhamu tokko, Damaasqoo keessa jiraayyu. Goottaan mudhi'iin “Ananiiyaas” jennaan, inni deebisee, “Kunoo ani as jira, Gootta'a” jedhe.
11
Goottaalle, “Qophoyiitii, gara karaa ‘Qajeelaa’ jedhamu dhaqiitii, mana Yudaasiititti namicha lafa Xarseesii, ka maqaan isaa Saa'ol jedhamu tokko iyyaafadhu. Inni amma daadimatiisatti jira;
12
Saa'ol mudhi'iin namichi Ananiiyaas jedhamu tokko dhufee, harka ifii isa irra keyee akka fayyu dhaggeera” jedheen.
13
Ananiiyaas deebisee, “Gootta'a, namichi kun kolbaa teet ta Yerusaalem keessa jirtu waan hantuu akka inni godheeru nami hedduun anatti himeera.
14
Inni worra maqaa keeti waammatu mara hidhiisaaf, mooticha hayyootaa irraa baallii dhaggateera” jedhe.
15
Goottaan Ananiiyaasiin, “Inni maqaa kiyya worra Yihudoota hin te'iniif, moototaa fi kolbaa Israa'eliitiif akka beessisu, tajaajilaa kiyya ka ani filadhe waan te'eef gara isaa dhaqi.
16
Akka inni marroo maqaa kiyyaatiif guddoo rakkatu, aninuu isatti hin mudhisa” jedhe.
17
Maarre Ananiiyaas deemee, mana Saa'ol jiru seene; inni harka ifii Saa'ol irra keyee, “Obboleessa kiyya Saa'ol, Goottaan Yesuus, as dhufiisatti jirtuun karaa irratti ka si'itti mudhate, akka ati deebitee dhaggituu fi Ayyaana Woyyichaan akka guutantuuf ana ergeera” jedhe.
18
Yoosuma wonni akka solloqqee qurxummi'ii fakkaattu, ila Saa'olii irraa buutee, deebi'ee dhaggiisaaf dande'e. Inni ol ka'ee cuuphame;
19
sagalee nyaateen duuba jabaate. Saa'ol guyyoota diqqa'aaf lafa Damaasqo'oo keessa barattoota woliin ture.
20
Saa'ol adoo hin turin mana Waaqeffannaa Yihudootaa dhaqee, “Yesuus Ilma Waaqaa ti” jedhee lallabiisa jalqabe.
21
Worri isa dhage'e duudiin baasseffatee, “Inni Yerusaalem keessatti worra maqaa Yesuusii waamu ka balleessaa turee motii? Ammalle inni isaanuma hidhee gara Mootota hayyootaa geessisaaf asi hin dhunnee?” jedhane.
22
Saa'ol ammoo lallabi isaa irra caalaa hunna dhaggataa deemee, Yesuus Masiihii akka te'e mirkaneessinaan, Yihudooti Damaasqoo keessa le'anu waan jedhanu wollaalane.
23
Guyyaa heddu'uun duuba Yihudooti, Saa'ol ijjeesiisaaf mala dhoyane.
24
Inni ammoo mala isaanii beeke. Isaanille isa ijjeesiisaaf halkanii fi guyyaa karra qacha'aatitti isa eegane.
25
Hordofattooti Saa'olii ammoo, gaafa tokko halkaniin, Saa'ol xaxxoo keessa keyanee, foddaa dalleya dhaka'aatiin gad buusane.
26
Saa'ol gara Yerusaalemii yennaa dhaqe, barattootatti makamiisaaf wodhaane; isaan ammoo akka inni dhugumaan barataa te'e waan hin dhugeeffatiiniif, duudinuu isa sodaatane.
27
Barnaabaas ammoo isa fuudhee gara ergantootaa geessee, karaa irratti Goottaan attamiin akka isa dhaggee fi attam akka itti dubbate, akkasuma Damaasqoo keessatti maqaa Yesuusiitiin sodaa malee akka inni lallabe isaanitti hime.
28
Maarre Saa'ol isaan woliin te'ee Yerusaalem duudii keessa dhaqee, sodaa malee maqaa Gootta'aatiin lallabe.
29
Inni Yihudoota afaan Giriki'ii dubbatanu woliin dubbataa itti moromaa ture; isaan ammoo isa ijjeesiisaaf wodhaanane.
30
Dhugeeffattooti waan kana yennaa beekane, gara Qisaariya'aa geessane; achille'een gara Xarseesii ergane.
31
Achiin duuba wolde'i kiristaanaa ka Yihudaa, Galiilla'aa fi Samariyaa keessa jiranu duudiin nageya dhaggatanee jabaatane; Goottaalle ulfeessaa, Ayyaana Woyyichaan jajjabaataa, lakkossaan heddatane.
32
Pheexroos addee duudii adoo deddeemuu, kolbaa Waaqaa ta lafa Liidaa keessa leetu ilaaliisaaf dhufe.
33
Inni achitti namicha Eneyaas jedhamu, ka nafi isaa laashoweeruu fi haga woggaa saddeetii taqee irraa ka'ee hin dandeenne tokko dhagge.
34
Pheexroos, “Eneyaas, Yesuus Kiristoos si fayyisa ol ka'iitii, taqee teeti afadhu” jedhe. Yoosuma Eneyaas ol ka'ee dhaabbate.
35
Kolbaan Liidaa fi Saaron keessa leetu duudiin isa dhaggitee, gara Gootta'aa deebite.
36
Qachaa Yophee keessa dubartittiin dhugeeffattuun, Xaabiitaa jedhantu takka jirtiiyyu. Maqaan isi'ii afaan Giriikitiin Dorqa'a; hiikkaan, “Buddannee” jechu'u. Isiin yennaa mara hujii dansaa hujaa, hiyyeeyyii qarqaaraa turte.
37
Yennaa san isiin dhibbantee duunaan, reeffa isi'ii dhiqanee kolloo mana gubba'atti ijaarantee keessa irkisane.
38
Liidaan Yophe'etti dhikoo waan teetef, dhugeeffattooti Pheexroos Liidaa keessa akka jiru yennaa dhage'ane, nama lama gara isaa erganee, “Maganne'ee ariifadhuutii gara keenna koyi” jedhanee kadhatane.
39
Maarre Pheexroos ka'ee isaan woliin deeme; yennaa inni achi geye, gara kolloo mana gubbaa jirtuu isa geessane. Haadhotiin hiyyeessaa duudiin isatti naannowanee, hidho'oo fi uffana Dorqaan jiru'uun yennaa jirtu hojjatte itti mudhisaa booyane.
40
Pheexroos isaan duudii kollo'oon alatti yaasee, jilbiiffatee daadimate; achiin duuba gara reeffaa gara galee, “Xaabiitaa, ka'i!” jedhe. Isiin ila ifii banattee, Pheexroos yennaa dhaggite ol jettee teette.
41
Inni harka isii qabee ol kaase. Achiin duuba dhugeeffattootaa fi haadhotii hiyyeessaa duudii waamee, jirtuu isi'ii isaan duratti dhikeesse.
42
Oduun tun Yophee duudii keessatti beekkante; kolbaan hedduulle Gootta'atti dhugeeffatte.
43
Pheexroosille namicha gogaa duugu ka Simoon jedhamu tokko woliin, guyyaa hedduu Yoophee keessa ture.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28