bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 15
Acts 15
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Worri gariin biyya Yihuda'aa irraa gara Anxokiya'aa dhufee, “Akka Seerri Muuse'ee ajajutti haqanqabaa yoo qabatane malee, fayyuu hin dandeettanu” jedhaa dhugeeffattoota barsiisuu jalqabe.
2
Wonni kun akka Phawuloosii fi Baarnaabaas, namoota san woliin falmanuu fi moromanu goote. Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota dhibii ka biyya Anxokiya'aa keessa jiranu garii woliin gara Yerusaalemii dhaqanee, waan kana ergantootaa fi jaarsolee wolde'a kiristaanaa woliin akka ilaalanu murteeffame.
3
Tanaaf isaan wolde'a kiristaanaatiin ergamanee deemane; isaan Finiiqe'ee fi Samaariyaa keessa taraa, worri Yihudoota hin te'in gara Waaqaa akka deebi'ee fi dhugeeffate himane. Oduun tunille dhugeeffattoota duudii guddoo gammachiitte.
4
Yennaa isaan Yerusaalem geyane, wolde'i kiristaanaa, ergantootaa fi jaarsoleen isaan fudhatane; worri ergamelle Waaqi isaan woliin jiraatee waan godhe mara itti himane.
5
Golii worra Farisaayotaa keessaa dhugeeffattooti gariin ammoo ol ka'anee dhaabbatanee, “Worri Yihudoota hin te'in akka haqanqabaa qabatuu fi Seera Muuse'ee akka eegatu godhuun barbaachisa'a” jedhane.
6
Ergantootaa fi jaarsoleen dubbii tana ilaaliisaaf wolitti qabamane.
7
Moromaa heddu'uun duuba Pheexroos ol ka'ee, “Obboleeyyan tiyya, worri Yihudoota hin te'in karaa kiyyaan Oduu Gammadaa dhage'ee akka dhugeeffatuuf, tanaan dura Waaqi isin keessaa akka ana file hin beettan” jedheen.
8
Waaqi gadhaa namaa beeku, Ayyaana Woyyicha akkuma nu'uuf kenne, isaanille'eef kennee akka isaan fudhate dhugaa bayeef.
9
Inni gadhaa isaanii dhugeeffanna'aan waan qulqulleesseef, nu'uu fi isaan wodhakka'atti garaa garummaa hin goone.
10
Yoona ba'aa abbootii teennaalle te'e nuuti ba'atiisaaf hin dandeenne, qaacira dhugeeffattootaa irratti feetanee, maaf Waaqa haga ilaaltan?
11
Nuutille akkuma isaanii, badhaadha Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin akka fayyine hin dhugeeffanna” jedhe.
12
Baarnaabaasii fi Phawuloos baasaa fi bilbaasota Waaqi karaa isaaniitiin worra Yihudoota hin te'in oddu'utti huje yennaa dubbatanu, gumiin duudiin cadhi jettee dhageette.
13
Isaan dubbatanee fixataneen duuba Yaaqoob deebisee, “Obboleeyyan tiyya, na caqasa'a!
14
Waaqi dursee kolbaa maqaa isaatiin waammantu keessaa filatiisaaf, worra Yihudoota hin te'in attam akka ilaale, Simoon nutti himeera.
15
Dubbiin raagotaa yaada kana woliin guutumatti wolii galti; kunille akkuma Barreeffam Woyyichi,
16
‘Kanaan duuba ani hin deebi'a; mana Daawwitii ka jige hin ijaara; diigama isaalle deebisee ijaaree, adde'etti hin deebisa.
17
Worri hafe duudiille gara kiyya akka dhufu, worri Yihudoota hin te'in ka ani maqaa kiyyaan waame duudiin kiyya akka te'uuf, Goottaan tana godhu akkas jedha.
18
Kun duriin jalqabee ka beekkameeru’ jedhu.
19
“Tanaaf akka yaada kiyyaatitti, worra Yihudoota hin te'in ka gara Waaqaa deebi'anu rakkisuu hin qannu.
20
Addee akkasii, sagalee waaqotaaf dhikaatiisaan battootte hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; foon horii hudhamee du'ee akka hin nyaanne, dhiigalle akka hin nyaanne jennee, isaaniif barreessuu qanna.
21
Duriin jalqabee Seerri Muuse'ee sanbata mara Mana Waaqeffannaa Yihudootaatitti dubbiffameeraayyu; Jechi isaalle qachaa duudii keessatti lallabama” jedhe.
22
Achiin duuba ergantootaa fi jaarsoleen, wolde'a kiristaanaa duudii woliin kolbaa keessaa worra garii filanee, Phawuloosii fi Baarnaabaas woliin gara Anxokiya'aa ergiisaaf murteeffatane. Isaan namoota lama Yihudaa ka Baarnaabaas jedhamuu fi Siilaas, worra dhugeeffattootaan kabajamane filaanee ergane.
23
Xalayaan barreeffamee isaanitti kenname ka asii gad jiru: “Nu ergantootaa fi jaarsoleen obboleeyyan teessan, isin obboleeyyan teenna dhugeeffattoota Yihudoota hin te'in ka qachaa Anxokiya'aa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiyaa keessa jirtanuuf nageya keenna dhikeessina.
24
Nu keessaa worri gariin adoo nuuti isaan hin ajajin, gara keessan dhufanee, dubbii isinitti himaneen akka isin rakkisanee fi yaada keessan raasane dhageenneerra.
25
Tanaaf wolitti qabanneen duuba, ifi keessaa namoota foonee, jaalota keenna Baarnaabaasii fi Phawuloos woliin gara keessan ergiisaaf wolii galleerra.
26
Baarnaabaasii fi Phawuloos worra jiruu ifii Goottaa keenna Yesuus Kiristoosiif dabarsee kenneeru.
27
Woma nuuti barreessine, afaan isaaniitiin akka isinitti himanuuf, Yihudaa fi Siilaas isinii ergineerra.
28
Waan barbaachisaa te'e malee, ba'aa dhibii akka isinitti hin feene, Ayyaana Woyyichaa fi nu'utti dansaa teetee mudhatteerti. Kunille:
29
sagalee waaqotaaf dhikaatte hin nyaatina'a; foon horii hudhamee du'ee hin nyaatina'a; dhigaa isaalle hin nyaatina'a; sagaagala irraa fagaadha'a; yoo waan kana duudii irraa ifi eegattane, waan dansaa gootan; nageeyaan jiraadha'a.”
30
Worri ergame ka'anee gara Anxokiya'aa gad bu'ane; achitti wolde'a dhugeeffattootaa wolitti qabanee, xalayaa san itti kennane.
31
Dhugeeffattooti yennaa xalayaa dubbisane, ergaa jajjabeessitu saniin guddoo gammadane.
32
Yihuda'aa fi Siilaas raagota waan te'aneef, dubbii heddu'uun dhugeeffattoota gorsanee jajjabeessane.
33
Yihuda'aa fi Siilaas guyyoota diqqaa achi turaneen duuba, dhugeeffattootaan nageya wolitti dhaamanee, gara worra isaan ergee deebi'ane. [
34
Siilaas ammoo achitti hafiisaaf murteeffate.]
35
Phawuloosii fi Baarnaabaas dhugeeffattoota hedduu woliin te'anee, Jecha Gootta'aa barsiisaa, lallabaalle Anxokiyaa keessa turane.
36
Guyyoota diqqa'aan duuba Phawuloos, Baarnaabaasiin, “Koottu deebinee, qachaa Jecha Waaqaa itti lallanne duudii dhandhee, akka dhugeeffattooti dhugeeffanna'aan jajjabaatanee jiranu ilaalla” jedhe.
37
Baarnaabaas ammoo, Yohaannisiin Marqoos jedhamu isaan faana akka deemu barbaade.
38
Phawuloos ammoo, akka nami kun isaan woliin deemu hin eyyanne; sababille inni Phamfiliya'atti hafee, gara huji'iille isaan woliin hin deenne.
39
Tanaaf Phawuloosii fi Baarnaabaas wodhakka'atti wol dhab guddaan ka'ee gargar bayane; Baarnaabaas, Maarqoos ifi faana fudhatee, hoboloo gudditti'iin gara Qophiroosii deeme.
40
Phawuloos ammoo, Siilaas filate; dhugeeffattootille badhaadha Gootta'aatitti Phawuloos magannee kennataneen duuba, inni isaan biraa deeme.
41
Phawuloos wolde'a kiristaanaa jabeessaa, biyya Sooriya'aatii fi Qiliiqiya'aa keessa dabare.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28