bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 22
Acts 22
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
1
“Obboleeyyanii fi abbootii tiyya! Amma falmata ani isinitti dhikeeffadhu kana anaaf dhage'a'a!” jedhe.
2
Inni afaan Yihudootaatiin dubbatuun yennaa dhage'ane, irra caalaa cadhisane; achiin duuba Phawuloos:
3
“Ani Yihudi'i; qachaa Xarseesii biyya Qiliiqiyaa keessaatitti dhaladhee, qachaa Yerusaalemiititti guddadhe. Ka ana barsiiselle Gamaali'el; ani Seera abbootii teennaa akka maltetti ka baradhee fi akkuma isin adhaa gootanu, anille Waaqaaf hinaafeeraayyu.
4
Ani namoota dhugeeffannaa kiristaanaa hordofanu haga du'aatitti miidhaa irra geessiseera; dhiiraa fi dubartii qabee, mana hidha'aatitti galcheera.
5
Tun dhugaa akka teete hayyicha gudda'aa fi korri mura'aa duudiin dhugaa anaaf hin bayan. Ani xalayaa eeyyamaa ka gara bulchitoota Yihudoota Damaasqoo jiranutti barreeffame isaanuma irraa fudhadhee, jara achi jirtu qabee adabiisaaf, Damaasqoo dhaqe.
6
“Karaa gubbaa adoo jiruu Damaasqo'otti yennaa dhikaadhe, gara sa'aatii jaatitti dedhuma ifi guddaan gubbaa irraa adaala kiyyatti balaqqise.
7
Ani lafatti jigee qoonqoo, ‘Saa'ol, Saa'ol! maaf ana miita?’ jettu dhage'e.
8
Anille, ‘Eennu ati Gootta'a?’ jedhee gaafadhe. Inni deebisee, ‘Ani Yesuusii Naaziretii, ka ati miitu’ jedhe.
9
Namooti ana woliin jiranu ifa dhaggane; ammoo qoonqoo anatti dubbattu san hin dhageenne.
10
Ani, ‘Maan godhu Gootta'a?’ jedhee gaafadhe. Goottaalle, ‘Ka'iitii, gara Damasqo'oo deem; akka ati gootuuf waan Waaqi murteesse mara, achitti sitti himama’ anaan jedhe.
11
Balaqqeettii ifaa irraa ka ka'e, ilti tiyya dhaggaa waan dadhaddeef, worri ana woliin jiru harka na qabee, gara qachaa Damasqo'oo na geesse.
12
Qachaa san keessa namichi Anaaniiyaas jedhamu tokko, ka Seera Muuse'ee eegatuu fi Yihudoota Damaasqoo jiranu duudii biralle'etti, ka ulfeeffame tokko jiraayyu.
13
Inni gara kiyya dhufee, ana bira dhaabbatee, ‘Obboleessa kiyya Saa'ol, ilti teeti deebitee sii dhaggitu!’ jedhe. Yoosuma ilti tiyya banantee, isa dhagge.
14
Achiin duuba inni, ‘Waaqi abbootii teennaa, akka ati fedha isaa beettu, tajaajilaa isaa balchaa akka dhaggituu fi afaanuma isaatiin dubbatuun akka dhageettu, si filateera.
15
Ati waan dhageettee fi dhaggite, nama duudi'iif dhugaa akka baatuuf, inni tana godhe.
16
Amma maan eedda ree? Ol ka'iitii, maqaa isaa waamaa cuuphamiitii, cubbuu teeti dhiqadhu’ anaan jedhe.
17
“Ani gara Yerusaalemii deebi'ee, Galma Waaqaa keessatti adoo daadimatiisatti jiruu, mudhii dhagge.
18
Mudhii san keessatti Goottaa dhagge. Inni anaan, ‘Kolbaan asii dhugaa ati anaaf baatu waan hin fudhanneef, dafiitii ariifadhuu Yerusaalem keessaa bayi’ jedhe.
19
Ani deebisee, ‘Gootta'a, akka ani Mana Waaqeffannaa Yihudootaa duudii dhaqee, worra si'itti dhugeeffate qabee tume, isaanuu hin beekan.
20
Yennaa Isxifanoosiin dhugaa bayaan keeti ijjeeffame, aninuu achi dhaabbadhee, ijjeefamuu isaatitti wolii galee, woyaa worra isa ijjeesuu eegisatti jiraayyu’ jedhe.
21
Goottaan anaan, ‘Ani fagoo gara worra Yihudoota hin te'iinii waan si ergeef beenu’ anaan jedhe” jedhee isanitti hime.
22
Gumiin haga Phawuloos tana dubbatu isa dhageette; duuba irra ammoo, qoonqoo ol qabattee, “Nami akkasii lafa irraa baduu ti! Inni jiraatuu hin qabu!” jedhaa iyyite.
23
Isaan iyyaa, woyaa ifii gatanee, aarii guddoo mudhisiisaaf bukuu gara ol-gubba'aa facaasane.
24
Ajajaan woraana Rooma'aa, Phawuloos qabanee addee quttii loltoota woraanaa akka geessanuu fi kolbaan maaf akka itti iyyitu, dikamaa akka qoratamuu ajaje.
25
Yennaa isaan isa dikiisaaf teephaan hidhane ammoo, Phawuloos ajajaa dhibbaa ka achi dhaabbateen, “Nama Rooma'aa tokko, muraa malee dikiisi keessan seeraa?” jedhe.
26
Ajajaan dhibbaa yennaa waan kana dhage'e, gara ajajaa woraana Rooma'aa deemee, “Maan godhiisatti jirta? Namichi kun nama Rooma'aa ti!” jedheen.
27
Maarre ajajaan woraana Rooma'aa, gara Phawuloosii dhaqee, “Anatti himi, ati nama Rooma'aatii?” jedheen. Phawuloos deebisee, “Ee” jedheen.
28
Ajajaan woraana Rooma'aa deebisee, “Ani nama Rooma'aa te'iisaaf, beesee hedduu kaffaleera” jedhe. Phawuloosille, “Ani nama Rooma'aa te'ee dhaladhe” jedhe.
29
Tanaaf worri Phawuloos qorqoriisaaf qophaye sun, isa irraa deebi'e; ajajaan woraana Rooma'aalle, Phawuloos nama Rooma'aa akka te'ee fi wodaroo sibiilaatiin akka hiisiseeru yennaa hubate sodaate.
30
Boruyya'aa, ajajaan woraana Rooma'aa, worri Yihudootaa maaf Phawuloos akka himate, sababa dhuga'aa beekisaaf barbaade; tanaaf moototi hayyootaatii fi miseensoti kora mura'aa duudiin akka wolitti qabamanu ajaje. Achiin duuba inni Phawuloos hiikee, isaan dura dhaabbachiise.
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 23 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28