bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Acts 2
Acts 2
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Jilti guyyaa shantameesso'oo ta “Phenxeqostee” jedhantu yennaa geette, dhugeeffattooti duudiin addee tokkotti wolitti qabamaneeraniiyyu.
2
Dedhuma huuruun akka bubbee guddo'oo fakkaattu ol-gubbaa irraa dhuttee, mana isaan keessa jiranulle guutte.
3
Achiin duuba wonni bobe'a ibiddaa fakkaatu isaanitti mudhate; gargar cicciteelle tokko tokkoo isaanii gubba'atti bu'e.
4
Isaan duudiinuu Ayyaana Woyyichaan guutamanee, haga inni isaan dandeesisetti afaan adda addaatiin dubbatuu jalqabane.
5
Yihudooti Waaqa sodaatanu ka biyya biyya lafaa keessa jirtu mara irraa dhufane Yerusaalem keessa jiraniiyyu.
6
Yennaa huuruu tana dhage'ane, gumiin guddoon woliti qabante. Dhugeeffattooti afaan adda addaatiin dubbatanuun yennaa dhage'ane, isaan maadeffatane.
7
Isaan baaseffataa maadeffataa, “Kunoo worri akkana dubbataaranu duudiin worra Galiilla'aatii motii?
8
Attamiin ree isaan afaan keenna ka dhalootaatiin dubbatanuun, tokko tokkoon keenna dhageenna?
9
Nuuti worra biyya Phaarte'ee, Meediya'aa, Elaamii, Mesophotaamiya'aa, Yihuda'aa, Qaphadooqiya'aa, Phanxoosii, Asiya'aa,
10
Firiigiya'aa, Phinfiliya'aa, Gibxiitii fi lafa Liibiya'aa ta adaala qachaa Qereena'aa jirtu keessa leenu; gariin keenna worra biyya Rooma'aatii dhunne,
11
worra Yihudi'iitii fi worra Yihuudii hin te'in ka dhugeeffannaa Yihudi'iititti galle; akkasuma worri Qarxeesiitii fi Arabaa jiran; kunoo isaan martinuu hujii baasaa ta Waaqi huje afaan keennaan dubbataaranuun dhageenna” jedhane.
12
Isaan baaseffatanee, waan jedhanu dhabanee, “Wonni kun maan jechu'u?” jedhaa wol gagaafatane.
13
Worri dhibiin ammoo, “Kolbaan tun daadhii woyini'ii untee machooteerti!” jedhaa itti murge.
14
Yennaa san Pheexroos worra kudha tokko woliin dhaabbatee qoonqoo ol qabatee, gumi'iin, “Worri Yihuda'aatii fi isin worri Yerusaalem keessa leetanu duudiin, waan te'e kana beekiisaaf waan ani isiniin jedhu dhage'a'a.
15
Amma ganama keessa saatii sad waan teeteef, Kolbaan tun akka isin heddane san machoottee hin jirtu.
16
Tun ammoo afaan raagicha Iyyu'eliitiin,
17
‘Guyyaa muume'ee ani akkana tolcha jedha Waaqi: nama duudii irratti Ayyaana kiyya hin buusa. Ijoolleen tessan ta dhiiraatii fi ta durraa hin raagan; dargaggeeyyiin teessan mudhii hin dhaggiti, Maanguddooti teessanille oojjuu hin oojjatan.
18
Guyyoota san keessatti, garboota dhugeeffatane ta dhiiraatii fi ta dubarti'ii irrattuu, Ayyaana kiyya hin buusa; isaanille raaga hin dubbatan.
19
Ani ol-gubba'aatti baasa, gad lafa irralle'etti bilbaasa hin mudhisa. Dhiigaa fi ibiddi, hurrantaan aaraalle hin mudhata.
20
Guyyaan Gootta'aa guddichii fi ulfaataan adoo hin dhufin dura, aduun hin dukkanti; jiinille diimaa akka dhiigaa te'a.
21
Nami maqaa Gootta'aa waamu duudiin hin fayya’ jedhe.
22
“Worra Israa'elii dubbii tana dhage'a'a! Akkuma isin beettanu, eennummaan Yesuusii Naaziretii, hujii guguurdoo baasaa fi bilibaasota Waaqi karaa isaatiin odduu teessanitti muummesseen mirkanooteerti.
23
Nami kun akka Waaqi dur murteessee fi beekeen, harka keessanitti dabarfamee kenname; akka inni harka worra cubbaleyyi'iitiin fannifamee du'u gootane.
24
Waaqi ammoo hunna du'aa jalaa bilisa baasee, du'aa isa kaase; sababille duuti isa qaddee hamburuu hin dandeenne.
25
Daawwiti marroo isaatiif, ‘Ani yennaa mara Waaqa ifiin duratti dhagga; Inni midda kiyya waan jiruuf ani hin daaqu.
26
Tanaaf gadhaan kiyyalle gammadeera; arrabi kiyyalle gammadaan guutameera. Akkasuma nafi kiyya du'aan addi'iin jiraata.
27
Lubbuu tiyya addee worra du'aneetitti hin lakkittu; ati garbicha addatamaa keeti, addee awwaalaa keessatti akka tortoree hafu hin lakkittu.
28
Ati karaa jiru'uu anatti mudhiteerta; Ana woliin jiraatuun keeti gammadaan na guutta’ hin jedha.
29
“Obboleeyyan tiyya, abbootii teenna ta qaraa keessaa marroo mooticha Daawwitii ifa godhee isinitti hima. Inni du'ee awwaalameera; awwaalli isaalle haga ammaa asi nu'u bira jira.
30
Daawwiti raagicha waan te'eef, Waaqi sanyii isaa keessaa tokko hin moosisa jedhee kaku'uun waadaa akka galeeruuf beekera.
31
Tanaaf Daawwiti waan Waaqi gara duraa godhu dhaggee, marroo du'aa ka'iisa Masiihiitiif, ‘Inni addee awwaalaa keessatti isa hin lakkinne; foon isaalle awwaala keessatti hin tortorre’ jedhee raageera.
32
Waaqi Yesuusii kana du'aa kaseera; nuuti duudille waan te'eeru kanaaf dhugaa baatota.
33
Inni gara midda Waaqaa Abba'aatitti ol fudhatamee, Ayyaana Woyyicha isaaf waadaa galame, Abbaa biraa fuudhee erge; ka isin amma dhaggitanuu fi dhageettanu kun isa.
34
Daawwiti gara ol-gubba'aa hin baane; teetuu malee inninuu, ‘Goottaan Goottaa kiyyaan, haga ani diinoota keeti ijjata miila keeti jala godhutti, asi maddii midda kiyyaatitti tee'i’ jedhee dubbateera.
36
“Tanaaf Yesuusii isin fannittane, Waaqi Gootta'aa fi Masiihii akka godhe kolbaan Israa'elii duudiin dhugumaan beettuu ti!” jedhe.
37
Kolbaan yennaa waan kana dhageette, wonni kun gadhaa isaan nyaatee, Pheexroosii fi ergantoota dhibi'iin, “Jarana maan goona?” jette.
38
Pheexroos isaaniin, “Cubbuu teessaniif akka araarri kennamu, tokkoon tokkoon keessan cubbuu teessan irraa deebitanee, maqaa Yesuus Kiristoosiitiin cuuphama'a; kennansa Waaqaa, Ayyaana Woyyicha hin fudhatan.
39
Waadaan Waaqi gale isiniif, ijoollee teessaniif, worra fagoo jiranuu fi worra Goottaan Waaqi keenna waameefille'eef” jedhee deebise.
40
Pheexroos jecha hedduu dhibi'iin dhugaa isaanitti bayee, “Dhaloota badaa kanatti waan dhufu'uu jiru jalaa ifi baasa'a” jedhe gorse.
41
Worri hedduun waan inni jedhu dhugeefatee cuuphame; gaafas dhugeeffattooti gara kuma sadii dabalamane.
42
Isaan guyyaa mara barattoota irraa barataa, tokkumma'aan le'aa, sagalee woliin areerratiisaa fi daadimatiisaan jabaataa turane.
43
Baasaa fi bilbaasi hedduun karaa barattootaatiin yennaa san waan hujatamiisatti jiruuf, martinuu soda'aan guutamane.
44
Dhugeeffattooti duudiin addee tokko woliin jiraniiyyu; waan qabanu maralle woliin geyane.
45
Isaan karraa fi meya ifii gurguranee, tokko tokkoofuu akka barbaachittetti beesee qoqoodane.
46
Guyyaa guyya'aan Galma Waaqaa keessatti addee tokkotti wolitti qabamaa mana ifii keessalle'etti daabboo caccaffataa, gammadaa fi gadhaa qullu'uun areerrataa,
47
Waaqalle leellifataa, nami duudiille isaan ulfeessaaraayyu. Goottaalle guyyuma guyya'aan worra fayyanu isaanitti dabale.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28