bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 10
Matthew 10
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Yesuus barattoota ifii kudhanii lamaan gara ifii waamee ayyaanota hamoota akka baasanu, dhukkubaa fi dhibee mara akka fayyisanu baallii isaaniif kenne.
2
Maqaan ergantoota kudhanii lamaanii asii gad jira: ka matoomaa, Simoon ka “Pheexroos” jedhamee fi obboleessa isaa Indiryaas; ilmaan Zabdewoosii, Yaaqoobii fi obbolessa isaa Yohaannis;
3
Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa guuru, Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoos;
4
Simoonii hinaatticha, Yihudaa nama biyya keriyootii, ka dabarsee Yesuus kenne.
5
Yesuus worra kudhanii lamaan kana erge; qajeefama asii gad jirulle itti kennee, “Gara worra Yihudoota hin te'inii hin dhaqina'a, yookiin qachoota Samaariyya'aa hin seenina'a.
6
Addee akkasii, Worra akka hoolotaa bade gara kolbaa Isra'elii dhaqa'a.
7
Akkuma dhaxxaneen, ‘Mootummaan Waaqaa dhikaateerti’ jedhaa lallaba'a.
8
Dhibamaa fayyisa'a, du'aa kaasa'a, worra dhukkuba goga'aa farrisiisa'aan qabameeru fayyisa'a, durriisota baasa'a. Gatii malee fudhattaneertan, gatii malee kenna'a.
9
Marxoo kessatti worqii, meetii yookiin sibiila diimaa hin qabatina'a.
10
Ideemiisa kara'aatiif korojoo, shaamisii lama, yookiin kophee lama, ulee lama hin qabatina'a. Hojjattootaaf wonni isaan barbaachisu kennamuufii malte.
11
Isin gara qachaa yookiin ollaa tokkoo yennaa seentane, nama isin fudhatiisaa te'u tokko barbaada'a, haga addee san lakkittanutti isa bira tura'a.
12
Yennaa mana tokko seentanu, ‘Nageenni isinii te'u’ jedha'a.
13
Worri mana sanii yoo isin fudhate, nageenni keessan isaanii te'u; yoo isaan isin hin fudhatin ammoo, nageenni keessan isinii deebi'u.
14
Eennulle yoo isin fudhatuu dhabe yookiin dubbii teessan dhage'uu dhabe, mana san yookiin qachaa san lakkittanee yennaa baatanu bukuu miila keessanii dhodhowadha'a.
15
Ani dhugaa isinitti hima, guyyaa mura'aa worra qachaa sanii irra worra Sodoomii fi Gomora'aatiif irra kasoo hin teeti.
16
Yesuus itti dabalee, “Ani akka hoolotaa odduu yayyi'ii isin erga; maarre akka bofaa qaroolee, akka saphaliisaa gadhi-laafeyyii te'a'a.
17
Namoota irraa ifi eeggadha'a; isaan gara kora mura'aa dabarsanee isin hin kennan, mana itti wolitti qabamanu keessatti isin hin dhaanan.
18
Sababa kiyyaaf akka isinitti muranu gara bulchitootaa fi moototaa waan geeffantanuuf, isaanii fi worra Yihudoota hin te'in duratti dhugaa baatota tiyya hin teetan.
19
Yennaa isaan dabarsanee isin kennanu ammoo, maan akka jettanu yookiin attam akka dubbattanu hin yaadina'a; yennuma san wonni dubbattanu isiniif hin kennanti.
20
Ayyaana Abbaa keessan ka ol-gubba'aatitti isin keessa jiraatee dubbata malee, isinii moti.
21
“Obboleessi obboleessa ifii, abbaalle ilma ifii du'atti dabarsee hin kenna; ijoolleelle worra ifii irratti hin kaati; hin ijjeesisiittille'e.
22
Sababa kiyyaaf nami marti isin jibba. Nami haga muumme'eetitti ossu ammoo hin fayya.
23
Yennaa isaan qachaa tokko keessatti isin miidhane, gara ka dhibi'ii baqadha'a. Ani dhugumaan isinitti hima, Ilmi Namaa adoo hin dhufiniin dura qachoota Israa'elii mara keessa deentanee hin fixxanu.
24
“Barataan barsiisaa ifii hin caalu, hojjataan hojjachiisaa ifii hin caalu.
25
Barataan akka barsiisaa ifii te'uun, hojjataan akka hojjachiisaa ifii te'uun hin geya. Isaan yoo abbaa manaa, ‘Bi'el Zebul ’ jedhanee waamane worra mana isaa maqaa irra caalaa badaa attamiitiin waamu'uu jiran ree!
26
Maarre nama hin sodaatina'a. Wonni gollame mudhatuu hin ooltu; wonni dhoffame beekkamuu hin ooltu.
27
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifa guyya'aatiin dubbadha'a. Waan hasaasa'aan dhageettane guutuu manaa irraa lallaba'a.
28
Worra foon namaa ijjeesu, ammoo ka lubbuu ijjeesuu hin dandeenne hin sodaatina'a; irraa caalaa, qilee keessatti lamaanuu foonii fi lubbuulle ka balleessuu dande'u Waaqa sodaadha'a.
29
Simbirrooti didiqqoon lamaan saantimii tokkotti hin gurguramanii motii? Fedhii Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiruutiin malee simbirroota san keessaa takkaalle lafa hin buutu.
30
Isin rifeensi mataa keessaniituu marti laakkowameera.
31
Maarre hin sodaatina'a; isin simbirroota didiqqoo hedduu caalaa gatii qaddan.
32
Yesuus itti dabalee, “Nama duratti ka dhugaa naa bayu duudi'iif, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti dhugaa isaaf baya.
33
Ka nama duratti na mormatu duudii ammoo, anille Abbaa kiyya ka ol-gubba'aa duratti isa hin mormadha.
34
Yesuus itti dabalee, “Ani gara biyya lafaa nageya fidiisaaf waan dhufe isinitti hin fakkaatin. Ani goraadee malee, nageya fidiisaaf hin dhunne.
35
Ani ilma abba'aan, intala haadha ifiitiin, niitii ilmaa haadha dhirsa isi'iitiin gargar baasiisaaf dhufeera.
36
Diinoti keessan maatuma teessan keessaa hin te'a.
37
“Nami abbaa ifii yookiin haadha ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti; nami ilma ifii yookiin intala ifii ana caalaa jaallatu anaaf ka malee moti.
38
Nami fannoo ifii ba'atee ana hin hordonne anaaf ka malee moti.
39
Nami jiruu ifii fayyifatuu barbaadu hin dhaba, nami anaaf jedhee jiruu ifii dhabu hin fayyifata.
40
Ka isin fudhatu ana fudhata; ka ana fudhatu ka ana erge fudhata.
41
Ka raagaa tokko waan inni raagaa te'eef fudhatu, gatii raagichaa hin dhaggata. Ka nama balchaa waan inni nama balchaa te'eef fudhatu, gatii balcha'aa hin dhaggata.
42
Dhugaa isiniin jedha, eennulle worra didiqqaa ana hordofu kana keessaa tokkoof, waan inni barataa kiyya te'eef, bisaan unto'oo qabbanaawaa xuuxxoo tokkolle yoo kenne, gatii hin fudhata” jedhe.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28