bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 5
Matthew 5
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
1
Yesuus yennaa gumii hedduu dhagge, gaaratti ol bayee tee'e; barattooti isaalle gara isaa dhufane.
2
Achiin duuba inni isaan barsiisiisa jalqabee:
3
“Worri le'ii Ayyaanaatiin hiyyeeyyii akka te'ane itti dhage'antu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
4
Worri gadde gammaduu; Waaqi isaan hin jajjabeessa!
5
Worri ifi gad qabu gammaduu; isaan lafa hin dhaalan!
6
“Worri balchummaa beelotuu fi dheebotu gammaduu; Waaqi isaan hin quussa.
7
Worri namaaf mararfatu gammaduu; Waaqi isaaniif hin mararfata!
8
Worri gadhaa qullu'uu gammaduu; isaan Waaqa hin dhaggan!
9
Worri nageya buusu gammaduu; isaan ijoolee Waaqaa hin jedhaman!
10
Worri balchumma'aaf miidhamu gammaduu; mootummaan Waaqaa ta isaanii ti!
11
“Sababa kiyyaaf jettee yennaa kolbaan isin arrassitee, isin miitee, dharaan gurra isin balleessite gammmada'a.
12
Isaan raagota worra isiniin duraatuu akkasuma miidhane. Gatiin teessan ol-gubba'atti guddoo waan teeteef, gammada'aatii ilillisa'a” isaaniin jedhe.
13
Yesuus itti dabalee, “Isin soodda lafaa ti; ammoo sooddi yoo kuraa ifii dhabe, attam deebi'ee kurawuu dande'a? Alatti gatamee miilaan dhiitama malee, womaa bu'aa hin qabu.
14
“Isin ifa biyya lafaa ti. Qachaan gaara gubba'atti ijaarame dhokatiisa hin dande'u.
15
Eennulle ifa issee, akka nama mana keessa jiru maraaf ifa kennu, waan ifi irra keyamu irra keya malee, gonbisoo jala hin keyu.
16
Akkasuma akka kolbaan hujii dansaa teessan dhaggitee Abbaa keessan ka ol-gubbaa jiru ulfeessitu, ifi keessan nama duudii duratti ifuu ti” jedheen.
17
“Ani Seeraa fi barsiisa raagotaa diigiisa dhufe hin seyina'a. Ani barsiisa isaanii muummessiisaa dhufe malee, diigiisaaf hin dhunne.
18
Ani dhugumaan isinitti hima, haga ol-gubba'aa fi latti dabartutti Seera keessaa qubeen takkaan, bixxilleen adoo hin muummoyin hin baddu.
19
Tanaaf nami ajajoota kana keessaa ka irra diqqa'aa tokko diigee, akka diiganu namoota barsiisu, mootummaa Waaqaa keessatti ka irra diqqaatu hin jedhama; nami ajajoota kana eegee akka eeganu barsiisu ammoo, mootummaa Waaqaa keessatti guddaa hin jedhama.
20
Ani isinitti hima, balchummaan teessan balchummaa worra barsiisota Seeraatii fi Fariisaayotaa yoo caalte malee, mootummaa Waaqaatitti ijjumaa hin galtanu” isaaniin jedhe.
21
“‘Hin ijjeesin; nami nama ijjeesse mura'aaf dhikaata’ jedhamee worra duriititti akka himameeru dhageettaneertan.
22
Ani ammoo isinitti hima, eennulle sababa malee obboleessa yookiin obboleettii ifiititti yoo mufate mura'aaf dhikaata; obboleessa ifiitiin, “Gowwa'a!” yoo jedhe, kora mura'aa dura dhikaata; obboleessa ifiitiin, ‘Daallee!’ yoo jedhe gara muraa qilee ibiddaa dhikaata.
23
Maarre kennansa keeti Waaqaa dhikeessiisaaf addee ciincaa itti ciincessanutti fiddee, waan obboleessi keeti sitti quuqameeru yoo qaabatte,
24
kennansa keeti achuma addee ciinca'aa duratti lakkisiitii, dhaqii obboleessa keeti woliin araaramii, achiin duuba deebi'iitii kennansa keeti dhikeessi.
25
Nama si himate tokko woliin gara mura'aa adoo ideentuu dafii karaa irratti isa woliin wolii gali. Achi geettee jennaan, abbaan mura'aa ka si hidhutti dabarsee si kennee, ka si hidhu mana hidha'aatitti si galcha.
26
Ani dhugumaan sitti hima, waan sitti murame keessaa saantimiin cadduulle adoo hin hafin haga kaffaltutti ijjumaa hin baatu” jedhe.
27
Yesuus, “ ‘Hin gaarayyeefatin’ akka jedhame dhageettaneertan.
28
Ani ammoo isinitti hima: nami ila halcha'aatiin dubartii ilaale, gadhaa ifii keessatti isii gaarayyeeffateera.
29
Ilti teeti ta middaa yoo cubbuu si hujachiitte, ifi keessaa baasiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee gatamu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko fafoottu si'iif woyya.
30
Harki keeti ka middaa yoo cubbuu si hujachiise, ifi irraa kutiitii gati; nafi keeti duudiin gara qile'ee deemu'uu mannaa, nafa keeti keessaa tokko dhabuu si'iif woyya” jedhe.
31
Ammalle Yesuus, “ ‘Nami niitii lakkisu mara woraqata lakkeessaa barreessee isi'iif kennuu ti’ jedhameeraayyu.
32
Ani ammoo isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeffatte malee, nami niitii ifii lakkisu, akka isiin gaarayyeeffattu hin godha; nami isii fuudhelle hin gaarayyeeffata” jedhe.
33
Yesuus, “Ammalle, ‘Dharaan hin kakatina'a; waan Gootta'aaf kakattane ammoo godha'a’ akka worra duriitiin jedhame isin dhageettaneertan.
34
Ani ammoo isinitti hima, ijjumaa hin kakatina'a. Ol-gubbaan barcumaa mootummaa Waaqaa waan teeteef, ol-gubba'aan yookiin,
35
lattille waan ijjata miila isaa teeteef lafaan hin kakatina'a; qachaa mootii gudda'aa waan teeteef Yerusaalemille'een hin kakatina'a.
36
Rifeensa tokkocha adii yookiin gurraacha godhiisa waan hin dandeenneef, mataa keetille'een hin kakatin.
37
Dubbiin teessan ‘Ee’ yoo teete ‘Ee’, yookiin ‘Waawwoo’ yoo teete ‘Waawwoo’ teetuu ti; wonni kana irra caale seexana irraa dhutte” jedhe.
38
“‘Ilti, ilaaf; ilkaan, ilkaaniif’ akka jedhame isin dhageettaneertan.
39
Ani ammoo isinitti hima: nama si yakke haluu hin bayin. Nami tokko yoo boqoo middaa si dhabanaase, taanille itti garagalchi;
40
nami tokko shaamisii teeti fudhatiisaaf barbaadee yoo si himate, kootii teetille kenniif.
41
Nami tokko hunnaan kiloo meetra tokko akka ati woliin deentu yoo si tolche, kiloo meetra lama woliin deemi.
42
Nama si kadhatuuf kenni; nama si irraa liqeeffatiisaaf barbaadu hin dhooggatin” jedhe.
43
Yesuus, “ ‘Ollaa keeti jaalladhu, diinota keeti jibbi’ akka jedhame dhageettaneertan.
44
Ani ammoo isinitti hima: diinota keessan jaalladha'a; worra isin miidhuufille daadimadha'a.
45
Tana yoo gootane ijoollee Abbaa keessan ka ol-gubba'aa hin teetan; inni aduu ifii worra hama'aa fi dansa'aafille hin baasa; worra balchootaa fi balchoota hin te'iniifille hin roobisiisa.
46
Worra isin jaallatu callaa yoo jaallattane, gatii maan qaddan ree? Cubbaaleyyiinuu sanuma godha!
47
Obboleeyyan teessan callaa nageya o'aa yoo fuutane, worra dhibii caalaa isin maan gootane? Worri Yihudoota hin te'inille sanuma godhan!
48
Abbaan keessan ka ol-gubba'aa mijuu akka te'e, isinille mijuu te'a'a” jedhe.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28