bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 14
Matthew 14
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
1
Yennaa san Heroodisiin bulchaan biyya Galiila'aa, gurra Yesuusii dhage'ee,
2
tajaajiltoota ifiitiin, “Kun Yohaannisii cuupha'a; isatti du'a keessaa ka'eera, kanaaf hujiin bilbaasaa tun isaan hujatamiisatti jirti” jedhe.
3
Heroodis sababa Herodiyaasii niitii obboleessa ifii ta Filiphoosiitiif jedhee, Yohaannis qassiisee mana hidha'aatitti hiisiseeraayyu.
4
Yohaannis Heroodisiin, “Niitii obboleessa keetii fuudhuun sii seeraa moti” jedheeraaniiyyu.
5
Heroodis, Yohaannis ijjeesiisaaf barbaade, ammoo kolbaan akka raaga'aatitti waan ilaalteertuuf sodaate.
6
Guyyaan dhaloota Heroodisii ulfeeffamuu yennaa geye ammoo, intalti Heroodiyaasii keessummoota duratti sirbitee, Heroodis guddoo gammachiitte.
7
Tanaaf Heroodis isi'iin, “Waan ati na gaafattu mara si'iif hin kenna” jedhee waadaa galeef.
8
Isiin Haadha ifiitiin gorfantee, “Ammuma maataa Yohaannisii cuupha'aa qori'itti naa kenni” jette.
9
Mootichi gadde; te'uu malee kakuu ifiitii fi keessummaa ifii duratti waadaa galeef jedhee, mataan Yohaannisii akka isi'iif kennamu ajaje;
10
Ittille ergee, mana hidha'aa keessatti mataa Yohaannisii irraa kuchisiise.
11
Mataan sun qori'itti fidamee intalaaf kenname; isiin gara haadha ifii fidde.
12
Barattooti Yohaannisii dhufanee reeffa isaa fuudhanee awwaalane; achiin duuba dhaqanee Yesuusitti himane.
13
Yesuus du'a Yohaannisii yennaa dhage'e, addee san lakkisee qofuu hobolo'oon addee qoommi'ii dhaqe. Kolbaan deemuu isaa yennaa dhageette ammoo, qachaa keessaa baatee miilaan isa hordotte.
14
Yesuus qarqara abbaaya'aatitti hoboloo irraa bayee, yennaa gumii guddoo dhagge, isaaniif nayee dhibamoota isaaniille fayyise.
15
Yennaa latti galgalootte, barattooti dhufanee, “Addeen tun urma, lattille dhiiteerti; gumiin tun gara ollootaa dhaxxee sagalee akka bitattu gumii tana gad lakkisi!” jedhaneen.
16
Yesuus ammoo, “Dhaquu isaan hin barbaachisu; isinuu waan nyaatanu kenna'aaf!” jedhe.
17
Isaan deebisanee, “Nuuti xaltaa shanii fi qurxummii lama qofa asii qanna” jedhane.
18
Yesuus, “Sanuma gara kiyya as fida'a!” jedhe.
19
Achiin duuba inni gumiin marra irra akka teettu ajaje. Xaltaa shanii fi qurxummii lama fuudhee, gara ol-gubba'aa ilaalee, galateeffatee xaltaa caccassee, barattootatti kennee, barattootille gumi'iif kennane.
20
Isaan martinuu nyaatanee quufane; hanbaa irraa hatte, kollonjoo kudhanii lama guutuu fuudhane.
21
Worri nyaate dubarti'ii fi ijoolleen adoo hin laakkowamin, dhiirti gara kuma shanii ti.
22
Yennuma san inni adoo gumii geegessuu barattooti hoboloo yaabbatanee abbaayaa gamatti isaan dura akka bu'anu godhe.
23
Yesuus gumii geegesseen duuba, daadimatiisaaf qofuu gara gaaraa ol baye. Yennaa galgalootte, inni qofuu achi jiraayyu;
24
yennaa san hoboloon ammoo, qilleensi waan itti dhowuuf, qarqara irraa fagaattee, danbali'iin asii fi achi dadarbante.
25
Halkan gara iyya lukku'uu ta lammeeso'ootitti Yesuus bisaan gubbaa ideemaa gara barattoota ifii dhufe.
26
Barattooti yennaa bisaan gubbaa ideemuun isa dhaggite ammoo, bararaxxee, “Kun ekera'a” jettee soda'aan iyyite.
27
Yennuma san ammoo Yesuus, “Jabaadha'a! Wonni anaa, hin sodaatina'a!” jedhee dubbate.
28
Pheexroos deebisee, “Gootta'a, yoo si teete, bisaan gubbaa gara keeti akka dhufu na ajaji” jedheen.
29
Yesuus deebisee, “Koy!” jedhe. Maarre Pheexroos hoboloo keessaa bayee, gara Yesuusii, bisaan gubbaa ideemiisa jalqabe.
30
Qilleensa jabaa yennaa dhagge ammoo, sodaatee, lixiisaafille jalqabee jennaan, “Gootta'a, na fayyisi!” jedhee iyye.
31
Yesuus yennuma san harka ifii diriirsee, isa qabee, “Ati nama dhugeeffannaa diqqo'oo! Maaf mante?” jedheen.
32
Yennaa Yesuusii fi Pheexroos hoboloo yaabane, qilleensi cadhise.
33
Worri hoboloo keessaa, “Dhugumaan ati Ilma Waaqaa ti” jedhee Yesuusiif sagade.
34
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa gamatti bu'ane, lafa Genesaarex jedhantu geyane.
35
Kolbaan lafa sanii Yesuus beetteen duuba, adaala san mara keessa ergaa ergitee worra dhibameeru mara gara isaa fichisiittee,
36
handaaruma woyaa isaalle akka isaan tuqanu kadhatte; worri tuqe martinuu fayye.
← Chapter 13
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 15 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28