bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 19
Matthew 19
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
1
Yesuus yennaa dubbii tana dubbatee fixe, Galiilaa lakkisee laga Yordaanosiitiin gama gara lafa Yihuda'aa dhaqe.
2
Gumiin guddoon isa hordottee, innille achitti isaan fayyise.
3
Worri Fariisaayotaa gariin gara Yesuusii dhufanee, haga isa ilaaliisaaf barbaadanee, “Nami tokko Sababuma fedheefuu haadha manaa ifii lakkisuun seeraa?” jedhanee isa gaafatane.
4
Yesuus deebisee, “Waaqi jalqaba, ‘dhiiraa fi dubartii’ tolchee akka isaan dade hin dubbinnee?” jedhe.
5
Itti dabaleelle, “Waan kanaaf nami haadhaa fi abbaa ifii hin lakkisa, haadha manaa ifiitiin wolitti maxxana; lamaanuu foon tokko hin te'an.
6
Maarre isaan haganaa achi foon tokko malee, lamaa moti. Tanaaf waan Waaqi wolitti qassiise nami gargar hin baasin” jedhe.
7
Fariisaayoti, “Abbaan manaa woraqata lakkeessaa kenneefii akka isii lakkisu, Muuseen maaf ajaje ree?” jedhaneen.
8
Yesuus deebisee, “Sababa mataa-jabeenna keessaniitiif Muuseen akka isin haadhotii manaa teessaan lakkittanu isinii eeyyame malee, jalqaba irratti akkasii moti.
9
Anille isiniin jedha, yoo isiin gaarayyeeffatte malee, nami haadha manaa ifii lakkisee ta dhibii fuudhu, hin gaarayyeeffata ” isaaniin jedhe.
10
Barattooti isaa deebisanee, “Wonni abbaa manaatii fi haadha manaa yoo akkas teete, fuudhuu dhabuu woyya” jedhaneen.
11
Yesuus deebisee, “Worra kennanteef malee, barsiisa kana nami marti dande'ee hin fudhatu” jedheen.
12
Worri guneessa te'anee dhalatane jiran, worri harka namaatiin guneessa te'anelle jiran, worri mootummaa Waaqaatiif jedhanee guneessa ifi godhaneelle jiran. Nami kana fudhatiisa dande'u fudhatuu ti” isaaniin jedhe.
13
Achiin duuba akka Yesuus harka ifiitiin qaqqabee daadimatuuf ijoollee diddiqqoo gara isaa fidane. Barattooti isaa ammoo worra ijoollee fide xixane;
14
Yesuus ammoo, “Mootummaan Waaqaa ta worra akkasii waan teeteef, ijoollee lakkisa'a, gara kiyya dhuttuutii hin dhooggina'a” jedhe.
15
Innille harka ifiitiin ijoollee qaqqabee achii ka'ee deeme.
16
Achiin duuba namichi tokko gara Yesuusii dhufee, “Barsiisa'a, jiruu bara baraa dhaggatiisaaf, hujii dansaa maan hujuu qaba?” jedheen.
17
Yesuus deebisee, “Marroo hujii dansa'aa maaf na gaafatta? Dansaan Waaqa tokkocha qofa. Jiru'utti galiisaaf yoo feete, ajajoota Waaqaa eegadhu” jedheen.
18
Namichi dargaggeessi, “Ajajooti kam inni?” jedheen. Yesuus deebise, “ ‘Hin ijjeesin; hin gaarayyeeffatin; hin hatin; dharaan dhugaa hin bayin;
19
haadhaa fi abbaa keetiif ulfinna kenni; ammalle, ollaa keeti akka mataa keetii jaalladhu’ ka jedhu” jedheen.
20
Dargageessille deebisee, “Ani ajajoota kana eegadheera; ammaa wonni narraa dhidhateeru maan?” jedhe.
21
Yesuus deebisee, “Ka dhidhuu hin qanne te'uu yoo feete, dhaqii, waan qaddu mara gurgurii beesee hiyyeeyyi'iif kenni; ol-gubba'atti karra hin qabaatta; achiin duuba koyiitii, na hordofi” jedheen.
22
Dargaggeessi sun tana yennaa dhage'e, karra guddoo waan qabuuf, gaddaa achii deeme.
23
Achiin duuba Yesuus barattoota ifiitiin, “Ani dhuguma isinitti hima, nami dureessi mootummaa ol-gubba'aatiti galiisi guddoo rakkisa'a.
24
Ammalle ani isinitti hima, nami dureessi tokko mootummaa Waaqaatitti galiisa irra gaalli qowa lilmoo keessa hulluuqiisatti irra kaso'o” jedhe.
25
Barattooti isaa yennaa tana dhage'ane, guddoo maalalanee, “Eentu fayyuu dande'a ree?” jedhane.
26
Yesuus ammoo gara isaanii ilaalee, “Wonni kun namaaf hin dande'antu, Waaqaaf ammoo wonni marti hin dande'anti” jedhe.
27
Achiin duuba Pheexroos deebisee, “Ilaa, nuuti waan mara lakkinnee si hordonneerra. Nuuti maan dhaggatu'uu jirra ree?” jedhe.
28
Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima, biyya lafaa haareya dhuttutti, Ilmi Namaa barcumaa mootummaa ulfinna ifii gubbaa yennaa tee'u, isin worri ana hordottanelle barcumaa mootumma'aa kudhanii lama gubbaa teettanee, gosa Israa'elii kudhanii lamatti murtan.
29
Nami anaaf jedhee mana yookiin obboleessa yookiin obboleettii yookiin abbaa yookiin haadha yookiin ijoollee yookiin fichaa lakkise, dachaa dhibba hin fudhata; jiruu bara baraalle hin dhaggata.
30
Ammoo warri hedduun amma dura jiru worra duuba jiru hin te'a; worri duuba jirulle worra dura jiru hin te'a.
← Chapter 18
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 20 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28