bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 20
Matthew 20
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
1
“Mootummaan ol-gubba'aa nama fichaa woyni'ii qabu, ka barii halkaniin addee woynii ifiitiif hojjattoota qaxaru'uuf baye tokko fakkaatti.
2
Beesee mindaa guyyaa tokkootiin hojjattootaan wolii galeen duuba, gara fichaa woynii ifiititti isaan erge.
3
Gara sa'aatii sadiititti inni yennaa gad bawu, worra dhibii addee dikko'oo hujii malee dhaabbatiisatti jiranu dhagge;
4
innille isaaniin, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a; anille kaffaltii malte isinii kaffala’ jedheen.
5
Maarre isaanille dhaqane. Gara sa'aatii jaatii fi gara sa'aatii sagaliille'etti inni bayee akkasuma godhe.
6
Gara sa'aatii kudhanii tokkoolle'etti inni bayee worra dhibii adaala san dhaabbateeruun dhaggee, ‘Guyyaa guutuu hujii malee maaf as dhaabbattan?’ jedheen.
7
Isaanille, ‘Nama nu qaxaru waan dhanneef as dhaabbanna’ jedhaneen. Inni, ‘Isinille gara fichaa woyni'ii dhaqa'aa huja'a’ jedheen.
8
Yennaa galgalootte, abbaan fichaa woyni'ii towataa hojjattootaatiin, ‘Hojjattoota waamiitii, worra duubarra qaxarameen jalqabii haga worra dursee qaxarameetitti, kaffaltii isaanii kenniif’ jedheen.
9
Worri gara sa'aatii kudhanii tokkootitti qaxaramane dhufanee, tokko tokkoon isaaniituu mindaa guyyaa tokkoo fudhatane.
10
Worri dursee qaxarame yennaa dhufe, isaan caalaa waan fudhatanu seyane; isaanille ammoo minduma guyyaa tokkoo fudhatane.
11
Isaan yennaa beesee fudhatanelle, abbaa fichaa woyni'ii irratti gungumanee,
12
‘Hojjattooti duubarra qaxaramane sa'aatii tokko qofa hujane, ati ammoo nu worra adu'utti woxalamaa guyaa guutuu dadhabaa oolle isaan woliin nu qixxeessite’ jedhane.
13
Inni deebisee isaan keessaa tokkochaan, ‘Jaali, ani womaa si hin balleessine; ati guyya'atti mindaa guyyaa tokkootiin motii ka anaan wolii galte?
14
Kaffaltii teeti fudhadhuu deemi; haguma si'iif kenne namicha duubarra qaxarame kanaafille kenniisa fedha.
15
Beesee tiyyaan waan fedhe godhuu hin dande'uu? Yookiin ati waan ani arjoomeef hinaattaa?’ jedhe.
16
Achiin duuba Yesuus, “Worri duubaa dura, worri duraa duuba hin te'an ” jedhe.
17
Yesuus gara Yerusaalemii ol deemisatti jiruun, barattoota kudhanii lamaa qofiitti fudhee,
18
“Kunoo, nuuti gara Yerusaalemii ol bayiisatti jirra, Ilmi Namaa mootota hayyootaatii fi barsiisota Seeraatitti dabarfamee hin kennama; isaanille yakkaa du'aa isatti murane.
19
Achiin duuba akka isaan itti taphatanee, dhaananee fannisanu worra Yihudoota hin te'initti dabarsanee isa hin kennan. Guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe.
20
Achiin duuba haati ilmaan Zabdewoosii ilmaan ifii woliin gara Yesuusii dhuttee, isa duratti jilbiiffattee, waan tokko akka godhuuf isa kadhatte.
21
Innille isi'iin, “Ati maan barbaadda?” jedhe. Isiille isaan, “Ilmaan tiyya lamaan tun mootummaa teeti keessatti tokkochi midda keetitti, tokkochi bitaa keetitti, akka tee'anu naa godhi” jetteen.
22
Yesuus ammoo deebisee, “Isin waan kadhatanu hin beettanu. Isin muduunuu rakko'oo ta ani uniisa geyeeru unuu hin dandeettanii? ” isaaniin jedhe. Isaanille, “Nuuti hin dandeenna” isaan jedhane.
23
Innille, “Isin dhugumaan muduunuu rakko'oo ta ani unu hin untan, ammoo ka namoota midda kiyyaa fi bitaa kiyyatti teessiisu anaa moti; addeen tun worra Abbaan kiyya isaaniif qopheesseeruuf kennanti.
24
Barattooti kudhan marroo waan kanaa yennaa dhage'ane, obboleeyyan lamaan sanitti aarane.
25
Yesuus ammoo gara ifii isaan waamee, “Bulchitooti worra Yihudoota hin te'inii kolbaa ifii irratti akka goottomanu, qondaaltoti isaaniille isaan irratti baallii guutuu akka qabanu isin hin beettan.
26
Odduu teessanitti akkas hin teetu; eennulle isin keessaa nami guddaa te'uu fedhu tajaajilaa keessan te'uu ti;
27
akkasuma eennulle isin keessaa nami nama namaan duraa te'uu fedhu garbicha keessan te'uu ti;
28
Ilmi Namaalle tajaajiliisaa fi kolbaa heddu'uuf jiruu ifii wodoo godhee kenniisaaf dhufe malee, akka isa tajaajilanuuf hin dhunne” jedhe.
29
Yesuusii fi barattooti isaa Yeriko'oo bayanee deemanuun, gumiin guddoon Yesuus hordotte.
30
Namooti ballaan lamaan achi karaa cinaa tetee'anee jiraniiyyu. Akka Yesuus karaa san dabariisatti jiru yennaa dhage'ane, iyyanee, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane.
31
Gumiin akka isaan cadhisanu xixxe; isaan ammoo ittumaa caalchisanee qoonqoo guddo'oon, “Gootta'a, Ilma Daawwitii, nuu marar!” jedhaa iyyane.
32
Yesuus dhaabbatee isaan waamee, “Maan akka ani isiniif godhu barbaaddan?” jedheen.
33
Isaan deebisanee, “Gootta'a, ilti teenna akka banantu barbaanna” jedhaneen.
34
Yesuus isaanii nayee ila isaanii qaqqabe; yoosuma ilti isaanii banantee, isaan isa hordofane.
← Chapter 19
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 21 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28