bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 17
Matthew 17
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Guyyaa jaan duuba, Yesuus Pheexroosii fi Yaaqoob, Yohaannisii obboleessa Yaaqoobille fudhatee, gara gaara dheeraa tokkoo qofitti ol isaan baase.
2
Innille isaan duratti bifa jijjiiramee, fuulli isaalle akka adu'uu ifee, woyaan isaalle adii calalaxxuu teete.
3
Dedhuma Muuse'ee fi Eliyaas Yesuus woliin dubbatanuun dhaggane.
4
Achiin duuba Pheexroos Yesuusiin, “Gootta'a, asitti dhaggamuun keenna nu'uuf dansa'a! Yoo feedhii keeti te'e, gosee sadiin, takkattii si'iif, takkattii Muuse'eef, takkattii Eliyaasiif ijaaraa” jedhe.
5
Adoo inni tana dubbatiisatti jiruu, dedhuma duumensi ifaalessi isaan golle; duumensa san keessalle'ee qoonqoon takka, “Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, isa dhage'a'a!” jette.
6
Barattooti yennaa tana dhage'ane, rifatanee lafa irratti fuulaan gad jigane.
7
Yesuus ammoo isaanitti dhikaatee harkaan isaan qaqqabee, “Ka'aa, hin sodaatina'a!” jedheen.
8
Isaan yennaa ol jedhanee ilaalane, Yesuus malee nama tokkolle hin dhaggine.
9
Isaan gaara irraa adoo gad bu'iisatti jiranuu, Yesuus, “Ilmi Namaa du'aa haga ka'utti waan dhaggittane kana nama tokkolle'etti hin himina'a” jedhee barattoota ifii ajaje.
10
Barattooti isaalle, “Barsiisoti seera Muuse'ee Eliyaasitti dursee dhufuu qaba maaf jedhan ree?” jedhanee isa gaafatane.
11
Inni deebisee, “Eliyaas waan mara adde'etti deebisiisaaf dhugumaan hin dhufa;
12
Ani ammoo isinitti hima Eliyaas duruu dhufeera, kolbaan isa hin hubanne, akkuma fedhane isa godhane. Maarre Ilmi Namaalle harka isaaniititti hin rakkata” jedheen.
13
Achiin duuba barattooti akka inni marroo Yohaannisii cuupha'aa isaanitti dubbatiisatti jiru hubatane.
14
Yennaa Yesuusii fi barattooti isaa sadiin gara gumi'ii deebi'ane, namichi tokko dhufee, Yesuus duratti jilbiiffatee,
15
“Gootta'a, mucaa kiyya mararfadhu, inni dhukkuba gaggaddu'uu waan qabuuf guddoo rakkatiisatti jira; inni yennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti jiga.
16
Ani gara barattoota teetii isa fidee, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne” jedhe.
17
Yesuus deebisee, “Isin dhaloota hin dhugeeffannee fi dabaalessa! Haga yoomii isin woliin jiraadhaa? Haga yoomii isin ossadha? Mucaa gara kiyya fida'a!” jedhe.
18
Yesuus ayyaana hamaa san xixee, mucaa keessaa baase; mucaalle yoosuma fayye.
19
Achiin duuba barattooti qofuu gara Yesuusii dhufanee, “Nuuti maaf ayyaana hamaa san baasuu dadhanne?” jedhanee isa gaafatane.
20
Yesuus deebisee, “Waan dhugeeffannaan teessan diqqaatteef re! Ani dhugumaan isinitti hima, dhugeefannaa haga midhaan sanaaficci'ii adoo qabaattanee, gaara kanaan, ‘Asii ka'ii achi deemi!’ yoo jettane, innille hin deema; wonni isiniif hin dande'anne hin jirtu. [
21
Ka akkanaa kun daadimataa fi laamaan malee hin bawu” isaaniin jedhe.]
22
Yennaa barattooti isaa Galiilaa keessatti wolitti qabamane, yesuus isaaniin, “Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama,
23
isaanille isa hin ijjeesan, inni ammoo guyyaa sadeesso'ootitti du'aa hin ka'a” isaaniin jedhe. Isaanille guddoo gaddane.
24
Yesuusii fi barattooti isaa yenna Qifirnaahom gayane, worri gibira Galma Waaqaa guuru gara pheexroosii dhufanee, “Barsiisaan keessan gibira Galma Waaqaa hin kaffaluu?” jedhaneen.
25
Pheexroos, “Ee, hin kanfala” jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee adoo isatti hin dubbatinuu, Yesuus dursee, “Simoon, maan sitti fakkaata? Moototi biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennu irraa guuran? Nama biyya ifii irraa moo nama biyya dhibi'ii irraa guuran?” jedhee isa gaafate.
26
Pheexroos deebisee, “Nama biyya dhibi'ii irraa guuran” jedheen. Yesuus deebisee, “Nami biyya isaanii bilisa ree!
27
Te'uu malee, nuuti gufuu akka isaanitti hin teene, gara abbaaya'aa dhaqiitii malxaqqoo bisaanitti darbadhu; qurxummii qara baatu fuutee, afaani isi'ii yoo bante, beesee keessatti hin dhaggita; beesee san fuudhiitii anaaf, ifille'eef kaffali!” jedheen.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28