bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Guji) 2007
/
Matthew 21
Matthew 21
Oromo Bible (Guji) 2007
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
1
Yesuusii fi barattooti isaa yennaa Yerusaalemitti dhikaataneeranu, gaara Ejersaatitti, addee Betfaagee jedhantu geyaneeranuun, Yesuus barattoota lamaan ergee,
2
“Gara ollaa isiniin dura jiruu dhaqa'a, yoosuma harree hidhanteertu takka, ta ilmayyoo woliin jirtu hin dhaggitan; hiika'aatii naa fida'a.
3
Eennulle yoo waan tokko isiniin jedhe, ‘Gootta'atti isaan barbaada, inni adoo hin turin hin deebisa’ jedha'aan” isaaniin jedhe.
4
Wonni raagaan raage akka muummottuuf tun teete;
5
wonni raagaan raagelle, “Qachaa Xiyooniitiin, ‘Kunoo, mootiin keeti gad ifi qabee, harre'ee fi ilmayyoo harre'ee irra tee'ee, gara keeti dhufaara’ jedha'aan” ka jedhu.
6
Barattooti dhaqanee akkuma Yesuus isaan ajaje godhane;
7
Isaan harree sanii fi ilmayyoo harre'ee san fidane, woyaa ifii irra keyanee, innille irra tee'e.
8
Gumiin guddoon woyaa ifii karaa irratti atte; worri dhibiille dameelee baalaa muka irraa caccassanee karaa irratti firfisane.
9
Gumiin isa dura deentuu fi isa faana deentu iyyitee, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif! Maqaa Gootta'aatiin ka dhufu ka eebbifame! Hosaa'innaa olii ol-gubba'aatitti!” jette.
10
Yesuus yennaa Yerusaalem seene, qachaan duudiin raafamee, “Inni kun eennu?” jedhane.
11
Gumiin isa woliin ideentu, “Kun Yesuusii raagicha qachaa Naaziretii ka lafa Galiila'aa keessatti dhaggamuu dhufe” jette.
12
Achiin Yesuus Galma Waaqaa seenee, worra Galma Waaqaa keessatti bitatuu fi gurguratu mara gad yaase; inni xarapheessaa worra beessee jijjiiratuutii fi barcumaa worra saphaliisa gurguratuu garagaggalchee,
13
“‘Manni kiyya mana daadimataa jedhamee hin waamama’ jedhanttee barreeffanteerti; isin ammoo goda saantu'uu gootane” isaaniin jedhe.
14
Naafii fi ballaan Galma Waaqaa keessatti gara Yesuusii dhufane; innille isaan fayyise.
15
Moototi hayyootaatii fi barsiisoti Seeraa waan baasaa ka inni godhe yennaa dhagganee fi ijoollee Galma Waaqaa keessatti, “Hosaa'innaa Ilma Daawwitiitiif” jedhaa iyyitu yennaa dhagge'ane aarane.
16
Tanaaf Yesuusiin, “Ati waan ijoolleen tun jettu dhageettaa?” jedhane. Yesuus, “Ee hin dhage'a; isin ijjumaa, ‘Afaan ijoolle'eetii fi daa'immaan hootuutiin galata ifiif qopheeffatte’ ka jedhu hin dubbinnee?” isaaniin jedhe.
17
Achiin duuba Yesuus isaan lakkisee, qachaa keessaa bayee, ollaa Bitaaniyaa jedhamuu dhaqee achi bule.
18
Yesuus barii ganama, yennaa gara qacha'aa deebi'u beelote.
19
Muka harru'uu tokko karaa cina'atti dhaggee, yennaa itti gore baala malee womaa irratti hin dhaggine. Achiin duuba inni harru'uun, “Ijjumaa deebi'ee midhaan si irraa hin dhaggamin” jedheen. yoosuma muki harru'uu sun goge.
20
Barattooti yennaa muka harru'uu san dhaggane, baaseffatanee, “Yoosuma muki harru'uu attam goge?” jedhane.
21
Yesuus deebisee, “Ani dhuguma isinitti hima, isin yoo dhugeeffannaa qabaattane, mamuulle yoo dhaddane, waan muka harru'uu irratti te'e qofaa hin gootanu; isin gaara kanalle'een, ‘Asii ka'ii abbaaya'atti darbami’ yoo jettanneeyyuu, hin teeti.
22
Dhugeeffanna'aan dadimattanee waan gaafattanu mara, hin fudhattan” isaaniin jedhe.
23
Yesuus yennaa Galma Waaqaa seenee adoo barsiisatti jiruu, moototi hayyootaatii fi jarsoleen kolba'aa gara isaa dhufanee, “Ati baallii maaniitiin waan kana goota? Baallii tana eentu sii kenne?” jedhaneen.
24
Yesuus deebisee, “Anille gaaffii tokko isin gaafadha; isin yoo deebii naa deebittane, achiin duuba anille baallii maaniitiin waan kana akka godhu isinitti hima.
25
Cuuphaan Yohaannis cuuphe Waaqa irraa dhutte moo, yookiin nama irraa dhutte?” isaaniin jedhe. Isaanille wol mormanee, “ ‘Waaqa irraa dhutte’ yoo jenne, inni, ‘Isin maaf isa hin dhugeeffatinaa ree?’ nuun jedha;
26
Ammoo yoo nuuti, ‘Nama irraa’ jenne, martinuu akka raaga'aatitti waan Yohaannis fudhatanuuf, kolbaa sodaanna” jedhane.
27
Maarre isaan deebisanee, “Nuuti hin beennu” Yesuusiin jedhane. Yesuusille, “Baallii maaniitiin waan kana akka godhu anille isinitti hin himu” isaaniin jedhe.
28
Yesuus isaaniin, “Maan isinitti fakkaata? Nami tokko ijoollee lama qabaayyu; inni gara angafichaa dhaqee, ‘Ilma kiyya, adha addee woyni'ii dhaqii huji’ jedheen.
29
Inni deebisee, ‘Ani hin dhaqu’ jedhe; eegas ammoo yaada jijjiiratee dhaqe.
30
Abbaan gara ilma lammeesso'oolle dhaqee akkasuma jedhe; ilmi, ‘Hin dhaqa, abbayyoo!’ jedhe; ammoo hin dhandhe.
31
Isaan lamaan kana keessaa kamitti waan abbaan barbaade tolche?” jedheen. Isaan, “Angaficha” jedhane. Yesuus, “Ani dhugumaan isinitti hima, worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti mootummaa Waaqaatitti galiisa isin dursan” isaaniin jedhe.
32
Yohaannisiin cuuphaan karaa balchumma'aa isinitti dhufee jennaan isin isa hin dhugeeffanne; worri dabaan qaraxa guuruu fi sagaagaltooti ammoo isa dhugeeffatane; isin eeguma kana dhaggitanelle, yaada keessan jijjiirattanee isa hin dhugeeffanne” jedhe.
33
Yesuus ammalle, “Mammaassa dhibii dhage'a'a! Namichi tokko muka woyni'ii dhaabee, dalleya itti marsee ijaaree, boolla midhaan isi'ii itti cunfu qotee, xelleephoo irra tee'anee eeganu ijaare. Achiin duuba inni qonnaan boltootaaf kireessee, gara biyya dhibi'ii deeme.
34
Yennaan midhaan woyni'ii guuranu geennaan, inni qooda midhaan ifii fudhatiisaaf tajaajiltoota ifii gara qonnaan bultootaa sanii erge.
35
Qonnaan bultooti sun ammoo tajaajiltoota isaa qabanee, tokko dhaananee, kaan ijjeesanee, kaanille dhaka'aan tumane.
36
Inni ammalle tajaajiltoota worra qaraa laakkossaan caalanu ka dhibii itti erge; isaan akkuma worra duraa kaan isaan godhane.
37
Dhuma irratti inni, ‘Isaan ilma kiyya hin ulfeessan’ jedhaa ilma ifii gara isaanii erge.
38
Qonnaan bultooti ammoo yennaa ilma san dhaggane, ‘Ka dhaalu kana; koya'a, isa ijjeennee dhaala isaa fudhannaa’ woliin jedhane.
39
Maarre isaan isa qabanee, addee woyni'iitii alatti darbanee baasanee ijjeesane.
40
Amma abbaan addee woyni'ii yennaa dhufe, qonnaan bultoota san maan godhinna laati?” isaaniin jedhe.
41
Isaan deebisanee, “Inni worra hamaaleyyii san du'a farraamettii hin ijjeesa. Addee woyni'iille qonnaan bultoota worra yennaa midhaan woyni'ii guuramu qooda isaaf kennuuf kireessa.
42
Yesuus, “Isin Barreeffama Wayyicha keessatti, ‘Dhakaan worri mana ijaaru tuffate, dhakka dhakaa maraa caalaa barbaadamu te'e; tana Gootta'atti godhe, ila teennalle'etti waan baasaa ti!’ ka jedhu ijjumaa hin dubbinnee?
43
“Tanaaf, ani isinitti hima, mootummaan Waaqaa isin irraa fuudhantee kolbaa midhaan buuttuuf hin kennanti. [
44
Nami dhakaa kana irratti jigu hin caccaba; Nami dhakaan kun irratti jigu ammoo hin bututa.]
45
Moototi hayyootaatii fi Fariisaayoti yennaa mammaassa isaa dhage'ane, akka inni marroo isaanii dubbatiisatti jiru beekane.
46
Isaan isa qabiisaaf barbaadane, ammoo waan gumiin akka raaga'aatitti Yesuus fudhatteef, isaan sodaatane.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28