bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 1
Amos 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 2 →
1
Bara Ooziyaan biyya Yihuuda'aa irratti, Iyyoorbi'aam ilmi Yoo'aasii Israa'eliin irratti mooyan dubbiin raagaa ka tissee Tequha'atti argaman keessaa Amootsi uduu lafti hin raafamne woggaa lamaan dura waan Israa'eliitiif dubbate kana.
2
Amootsi akkana jedhe, «Rabbi gaara Tsiyoonii irra dhaabatee akka leenca aaduu laagaa ufii ka nama sodaachisu dhageessisa; dubbiin isaa Israa'eliin keessatti dhageessisa; margi tisseen horii itti bobbaafatanillee hin quura; margi lalisaan gaara Qarmeloosii irratti argamu hin goga» jedhe.
3
Rabbi akkana jedha, «Ani waan baniin Damaasqoo keessa jiran deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif mamii malee isaan adaba; isaan banii Gala'aadii gaarii fardaa ka ilkaan sibiilaa qabuun xamadanii isaan rakkisan.
4
Ani mana mootummaa Azaahelii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan mootichi Beenhaadaad hojjate guba.
5
Balbala dallawa qachaa Damaasqo'oo maraa hin caccabsa; banii dhooqa Aawerii keessa jiraatanii fi bulchaa Beeti'eedanii hin balleessa; banii biyya Sooriya'aa booji'anii gara Qiirii fidan.»
6
Rabbi akkana jedha, «Baniin Gaaza'aa waan deddeebi'anii cubbuu hojjataniif mamii malee isaan adaba; isaan banii biyya keessa jiran maraa haga booji'aniin maayessa namoota Eedoomiititti dabarsanii isaan kennaniiran.
7
Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Gaaza'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kushee isi'ii maraa hin guba.
8
Banii biyya Aashdoodii keessa jiraatanii fi bulchaa Asqaloona'aa hin balleessa; worra qachaa Eeqroonii keessa jiraatanillee hin balleessa; worri Filisxeemii ka hafanillee hin du'an.»
9
Rabbi akkana jedha, «Baniin Xiroosii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan waadaa obbolumma'aa ka galan diiganii banii booji'an dabarsanii worra Eedoomiitii kennaniiran.
10
Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Xiroosii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kushee isi'ii maraa hin guba.»
11
Rabbi akkana jedha, «Baniin Eedoomii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan obboleewwan ufii worra Israa'elii guraade'een ari'aaniiran; haga qabaniin maayessallee garaa isaanii hin laafne; lolli isaan irra jiru hin qabbanoofne.
12
Kanaafuu ani qachaa Teemaamii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Bootsiraanii hin guba.»
13
Rabbi akkana jedha, «Baniin Amoonii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; marfama isaan bulchiinsa ufii babadhifatu'uuf godhaniin dubartoota biyya Gala'aadii keessa jiran garaa isaanii tarsaasaniiran.
14
Kanaafuu ani dallaya dhaga'aa ka qachaa Raaba'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan isi'ii maraa hin guba; achiin maayessa guyyaa lolaa san iyyansaa fi raafamatu baay'ata; lolli sun akka qilleensa bubbisuu ariifata.
15
Mootichi isaaniitii fi abboonni murti'ii booji'amanii deeman.»
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9