bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 6
Amos 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 7 →
1
Baniin Israa'elii gargaarsa barbaadanii gara bulchoota ufii dhufan; isaan ammo Tsiyoonii irratti waan bashannana'aa taa'aniif gaara Samaariya'aa irrattillee waan sodaa malee jiraataniif bulchoota beekkaman kanniinii hobbaas!
2
Isin mee gara qachaa Kaalne'ee deema'aatii laalaa'a; achillee lufa'aatii gara qachaa guddittii Haamaat jedhamtee waamamtuu fi gara qachaa Gaatii worra Filisxeemii dhaqaa'a; isin isaan caaltanii? bulchiinsi keessan bulchiinsa isaanii caalaa?
3
Isin, «Guyyaan hamaan dafee hin dhufu» jettanii yaadu'uun bulchiinsa keessan keessatti hujiin miidha'aa akka dhiyaatu gootan.
4
Isin siree ilkaan arbaatiin hojjatame irra raftan; tika hoolotaa keessaa foon korbeessa hoola'aa; gobbuu hori'ii keessaa foon waati'ii nyaata'aa siree gabaabaa irratti hara baafattan!
5
Meeshaa sirbaa midhaaffata'aa meeshaa faaru'uu ka laagaa guddaa dhageessisuun sirba faayidaa hin qabne sirbitan; akka Daawitii faaruu qopheessa'aa meeshaa sirbaatiin faarfattan.
6
Daadhii woyini'ii bilille'een uduu hin taane waaba'aan dhuddan; urgooftuu gatii gudda'aa dibattan; isin badii banii Israa'eliin irra gayeef sirima hin gadditan; kana maraa waan gootaniif isin hobbaas!
7
Kanaafuu isin booji'amtanii deemtanii worra booji'aman keessaa worra jalqabaa taatan; hennaa san quufni keessan ka akka dhabe hin dhaabata.
8
Rabbi Waandhi banii maraa, «Ani raaga banii Israa'elii jibbeera; mana mootummaa isaanii ka bareedellee ceem'eera; ani sababaa kanaaf qachatti'ii fi worra isii keessa jiraatan maraa diinatti dabarsee kenna» jedhee ufiin kakateera.
9
Maatii tokko keessaa namoonni kudhanii yoo hafanuu isaanillee hin du'an.
10
Namni firaa ka worra du'aniitii fi namni seera awwaalaa raawwatu reeffa manaa baasee fudhata; inni hennaa san nama mana san keessatti hafe tokko waamee «Si woliin namni biraa ka hafe jiraa?» jedhee gaafata; namichillee «Eennullee hin hafne!» jedhee deebisaaf; ka gaafatu sunillee «Maqaa Rabbii waamuun waan nu hin barbaachifneef cadhis!» jedhaan.
11
Ajaja Rabbiitiin manniin gugurdaan hin diiggaman; manniin didiqqaanillee diiggamee tuulama.
12
Namni farda yaabbatu lafa dhaga'aa irra gulufuu danda'aa? qonnaan bulaan sangaa xamadee galaana irratti qotuu danda'aa? isin ammo murtii gara hadha'aatitti jijjiirtaniirtan; dhugaallee akka muka hadhaayuu hadheessitan.
13
Isin «qachaa Loodabaar jedhamtu waan mooyattaniif gammaddaniirtan; qachaa Qaarnaayim jedhamtu hunna keennaan qabanneerra» jettanii dhaadattan.
14
Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Banii Israa'elii! ani banii biraa ka hunna qabu isinitti kaasa; inni karra seensa Haamaatii ka gara kaabaatii jalqabee gara kibbaatiin haga dhooqa Arabaa ceeyee isin rakkisa.»
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9