bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 8
Amos 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 9 →
1
Rabbi Gooftaan mudhata biraa natti mudhise; ka daraaraan bilchaate keeshe'etti guuteeru arge.
2
Rabbi, «wonti ati argitu kun maali'i?» jedhee na gaafate, anillee «daraaraa bilchaate ka keeshee keessa guuteeru arge» jedheen; Rabbi akkana naan jedhe, «dhumti banii kiyya Israa'elii gayeera; ammaa achi ani isaan adabuu hin dhiisu.
3
Laagaan sirbaa ka isaan mana mootumma'aa keessatti dhageessisan guyyaa san gara booyichaatitti jijjiirama; reeffi nama hedduu hulee maratti kufee argama; cadhisanii hulee maratti gatan.»
4
Isin worri mirga worra rakkatanii dhiibdanii fi worri hiyyeeyyii biyya keessaa balleesuu barbaaddan maruu kana dhagayaa'a!
5
Isin akkana jettan, «Nu'u akka midhaan keenna gurguratuu dandeennu maal ayyaanni jalqaba ji'aa uduu dafee lufee! akka qamadii gabayaa fidannu Sambanni yoom lufa? ayyaannan yoo lufan bikkituu midhaanii diqqeessinee gatii guddaa gaafanna; madaala sobaatiin banii soba.
6
Habaqii qamadi'ii hin gurguranna; hiyyeessa meeti'iin, rakkataa kophe'een bitanna.»
7
Rabbiin Yaaqoobii fi fiixaan isaa ka isaan dhaadatuu akkana jedhee ufiin kakate «Ani hujii isaan hojjatan maraa hin irraanfadhu;
8
waan kanaan biyyiti hin raafamti; worri biyyattii keessa jiraatan maruu hin booyan; akkuma lanni Abbaayii guutee dhidhatee raafamu biyyi maruu hin raafamti»
9
Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Ani guyya'aan akka aduun seentu godha; «guyyaa wodhakka'tti lafa dukkaneessa.
10
Gammachuu ayyaana woggaa keessanii gaddatti, sirba keessan gara booyichaatitti jijjiira; akkuma maatiin mucaan tokkochi qaban jalaa du'ee booyan akkasuma akka isin rifeensa mataa keessanii haadattanii uffata gaddaa uffattan godha; dhumti guyyaa sanii hadhaayaa ta'a.
11
Hennaan ani biyyattii irratti beela fidu hin dhufa; hennaa san ka namoonni beelayanii fi dheebotan dubbii Rabbii dhagayuu malee midhaanii fi bisaan dhabu'uunii miti; ani Rabbi Gooftaan waan kana dubbadheera.
12
Baniin maruu kaabaa haga kibbaa, baya biiftu'uutii haga dhiya adu'uu dubbii Rabbii argachu'uuf hulee maratti raantayan; garuu hin argatan.
13
Hennaa san durbi babbareedanii fi dhiirti dargaggeeyyiin jajjabaanuu sababaa dheebotaniif hin dadhaban.
14
Worri maqaa waaqa tolfamaa dubartii Samaariya'aa ta Ashmaa jedhamtee waamamtuun kakatan Waaqa Daanii yookaan Waaqa Beersaabeehii jedha'aa kakatan maruu hin kufan; isaan hulee kufanii sirima ka'uu hin danda'an» jedha.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 9 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9