bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 3
Amos 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 4 →
1
Banii Israa'elii! dubbii Rabbi isin banii guddaa biyya Misiriitii isin baasetti dubbate kana dhagayaa'a;
2
«Banii adunyaa keessa jiraatan maraa keessaa worri ani filadhe isin calla'a; wonti ani cubbuu isin hojjattan maraaf isin adabuuf kanaaf.
3
Namoonni lamaan woliin deemu'uuf yoo wolii haaganfatanii achi woliin deemuu danda'anii?
4
Leenci bosona keessa dhadhoolee uduu hin arganne akkanumaan aadaa? leenci darmiin uduu waan tokkollee dhadhoolee hin qabne hulee jiraatutti laagaa ufii hin dhageessisaa?
5
Simbirti uduu woshaadoon hin dhaabamne qabamuu dandeettii? siiboon uduu wonti tokko hin tundhe akkanumaan filliidamaa?
6
Qachaa keessatti xurumbaan akka lolaaf qophaayan hennaa afuufamu baniin sodaatee hin hollanne hin jiraa? Uduu Rabbi hin eeyyamne wonti hamaan hin dhufaa?
7
Rabbi Gooftaan uduu firrisee raattota isa tajaajilanii hin ibsine womaa hin godhu.
8
Hennaa leenci aadu dhagayee ka hin sodaanne eennu? Rabbi Gooftaan yoo waan dhossa'aa ibseef ka raaga hin dubbanne eennu?
9
Worra kusheewwan biyya Ashdoodiitii fi biyya Misirii jiran keessa jiraatan marattuu «Gaara Samaariya'aa irratti wol gayaa'a; miidhaa achi keessatti raawwatamuu fi raafama jiru laalaa'a» jedha'aa labsaa'a.
10
Rabbi akkana jedha, «Baniin kun waan mishaa godhuu hin beekan; qabeenna didda'aa fi miidha'aan fudhataniin kushee ufii guuttatan.
11
Kanaafuu diinni biyya isaanii marsee kushee isaanii diigee manniin isaanii saama.»
12
Rabbi akkana jedha, «Worri Israa'elii ka Samaariyaa keessa jiraatan siree gudda'aa fi siree gabaabaa fudhatanii dheessan; kunillee tisseen a'oo afaan leencaatii luka lamaa fi gurra diqqoo hafte buusisiisuu danda'u fakkaata.»
13
Rabbi Gooftaan Waandhi banii maraa akkana jedha, «Isin waan kana dhagayaa'a; fiixaa Yaaqoobiititti rageessaa'a.
14
Guyyaa ani cubbuu isaan hojjataniif banii Israa'elii adabu hulee ciinca'aa ka Beeteeliin keessa jiran maraa hin diiga; gaafni hulee ciinca'aa caccabanii lafatti gad kufan.
15
Manniin isaan ji'a gannaatii fi ji'a bonaa keessa jiraatan maraa hin diiga; manniin ilkaan arbaatiin ijaaraman maruu hin diiggaman; manniin gugurdaan maruu hin jiga.»
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9