bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 7
Amos 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 8 →
1
Rabbi Gooftaan mudhata kana natti mudhise; midhaan mootichaa ka gaye haga haamameen maayessa midhaan gabo'oo ka deebi'ee biqile irratti Rabbi akka tuunni awwaannisaa bu'u godhe.
2
Isaan akka awwaannifni marga lalise maraa dheedanii fixan hennaa arge, «Rabbii Gooftaa'a! yabo'oo yakka banii keetii dhiisi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabatanii jiraachuu danda'an?» jedhee kadhadhe.
3
Rabbi garaa isaanii laafee «Wonti ati argite kun hin raawwatamu!» naan jedhe.
4
Mudhanni biraa ka Rabbi Gooftaan natti mudhise kana; Rabbi Gooftaan murtii adabbii ibiddaa dabarse; ibiddi sun galaana nyaatee haga gosseen maayessa lafa gubuu jalqabe.
5
Ani hennaa san, «Rabbi Waaqa kiyya! yabo'oo akka ibiddi dhaamu godhi! baniin kee Israa'el waan hunna hin qabneef attamitti dhaabachuu danda'an?» jedhee kadhadhe.
6
Rabbillee garaa isaanii laafee «kunillee lammata hin raawwatamu» naan jedhe.
7
Rabbi mudhata biraa natti mudhise; Rabbi dallawa dhaga'aa ka meeshaa ijaarsa manaa bikkanii ijaarame bira ka dhaabateeru arge; inni tumbii harkatti qabateera.
8
Inni, «Amootsi! wonti ati arga'aartu maali'i?» jedhee na gaafate. Anillee «Tumbi'i» jedheen. Gooftaanillee «Baniin kiyya Israa'el akka dallawa Tumbi'iin qajeelee hin ijaaramnee worra daban ta'anii waan mudhataniif tumbiin kun fakkeenna dabnana Israa'elii mudhisu; ani uduu isaan hin adabne hin dhiisu.
9
Huleen sagadaa gugurdaan ka ilmaan ijoollee isaa hin diiggama; huleen woyyuun Israa'eliillee diiggamanii ona ta'an; ani mootummaa Iyyoorbi'aamii sirima balleessa» naan jedhe.
10
Ameesiyaasiin gadichi Beeteelii ergaa gara Iyyoorbi'aamii mootii Israa'elii «Amootsi banii Israa'elii keessa taa'ee sitti malata'aara; baniin dubbii isaa obsuu hin danda'an.
11
Innillee, ‹Iyyoorbi'aam lola keessatti du'a; baniin Israa'eliillee biyya ufii keessaa booji'amanii deeman jedha› jedhee» erge.
12
Ameesiyaas Amootsiin, «Ati abbaa mudhataa! gara Yihuuda'aa deemiitii achitti raaga dubbata'aa waan ittiin jiraattu argadhu.
13
Beeteel ammo ka mootichi itti sagaduu fi mana woyyuu bani'ii waan taateef hulee kanatti deebitee raaga hin dubbatin» jedheen.
14
Amootsillee, «Ani nama horii tissuu fi ka daraaraa oda'aa guuratu malee raagaa yookaan ilma raattichaatii miti.
15
Garuu hulee ani hoolota itti tissuu na fuudhee ka ‹Deemii banii kiyya Israa'elitti raaga dubbadhu› jedhee na ajaje Rabbuma.
16
Ati ammallee dubbii Rabbi jedhu dhagayi; ati Israa'elitti raaga hin dubbatin; banii Israa'elii ka fiixaa Yisaaqii ta'anittillee hin lallabin» jettee na dhooggiteerta.
17
Kanaafuu Ameesiyaas! «Rabbi waan keetiif ‹Haati manaa tee qachaa keessatti seebarti; ijoolleen tee ta dhiiraatii fi ta intalaa lolaan du'an; ristii keellee worri ormaa haada itti buufatanii adda qoodaman; atillee worra Yihuudii hin taane keessatti duuta; baniin Israa'elii mamii malee biyya ufiitii fudhataman› jedha» jedhee deebiseef.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9