bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 5
Amos 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 6 →
1
Banii Israa'elii! faaruu booyaa ka ani isin irratti gad dhiisu kana dhagayaa'a;
2
Israa'eliin durbummaa qabdu waan kufteef, deebitee ka'uu hin dandeettu; isiin ka isii gargaaree lafaa isii kaasu dhabdee biyya ufii keessatti ta hojjatti gatamte taate.
3
Rabbi Gooftaan akkana jedha, «Qachattii Israa'elii takka keessaa loltoota kumatu duula; worri lubbu'uun jiraatan ammo dhibba tokko; qachaa biraa keessaallee loltoota dhibbatu duula; achi keessaa kudhan calla'atu uf irra deebi'a.»
4
Rabbi akkana jedha, «Banii Israa'elii! gara kiyya deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii;
5
Gara Beersaabeehii hin deeminaa'a; Beeteel diiggamtee waan badduuf banii Gelgelaa keessa jiraatan irrattillee akka baqatan waan isaanitti murteeffameef gara Beeteeliitii fi gara Gelgela'aa hin deeminaa'a.»
6
San irra gara Rabbii deebi'aa'a; lubbu'uun jiraattanii; yoo kana hin taane Rabbi banii Israa'elii akka ibiddaatitti isaan fixa; worra Beeteeliin keessa jiraatan ibiddi isaan guba; ka ibidda isaan irraa dhaamsu hin jiru.
7
Isin worri murtii dabsitanii fi dhugaa gara sobaatitti jijjiirtan isin hobbaasi!
8
Tuuta urjiiwwan torbaa ka, «Piliyaadis» jedhamuu fi urjiiwwan heddu ka, «Ooriyoon» jedhamu uume, ka halkan gara guyya'aa, ka guyyaa gara halkanii jijjiiru, ka bisaan galaanaa ajajee akka lafa irratti jigu godhu, worra jajjaba'aa fi ka kusheewwan isaanii diigu isa; maqaan isaa Rabbi.
10
Isin ka dhaddacha murti'iititti isin gorsu jibbitan; ka dhugaa dubbatullee hin ceem'itan.
11
Isin hiyyeeyyii gad qabdanii midhaan gabbarsiiftanii dhagaa bocameen manniin ijaarattaniirtan; ufii garuu keessa hin jiraattan; woyinii nama gammachiisu dhaabdaniirtan; garuu daadhii woyini'ii ka isa irraa argamu hin dhuddan.
12
Ani yakki keessan hagam akka baay'atee fi cubbuun keessanillee hagam akka ulfaataa ta'e hin beeka; isin namoota mimmishaa rakkiftanii gabbarsiifata'aa dhaddacha murti'iititti murtii haqa hiyyeessaa dabistan.
13
Kanaafuu barri hamaa waan ta'eef namni waa hubatu hin cadhisa.
14
Akka lubbu'uun jiraattan waan mishaa godhaa malee waan hamaa hin godhinaa'a; yoo waan kana gootan akkuma isin jettan Rabbi Waandhi banii maraa isin woliin ta'a.
15
Waan hamaa jibbaa'a; waan mishaa jaaladhaa'a; dhaddacha murti'iititti akka murtiin haqaa hin dabne godhaa'a; maal laataa Rabbi Waandhi banii maraa banii Israa'elii ka hafanii araaramuu danda'aa.
16
Kanaafuu Rabbi Waandhi banii maraa akkana jedha, «Kara'aa fi hulee bayaa maratti laagaa booyichaatitu dhagayama; worri qonnaan bulan booyaaf waamamanii worra faaruu booyaa baasan woliin namoota du'anii booyan.
17
Hulee dhaaba biqiltuu woyini'ii marattuu hin booyan; wonti kun maruu ta'uuf waan ani isin jidduu bayuuf.» ka waan kana dubbate Rabbi.
18
Isin worri guyyaa dhufa Rabbii eeddan isin hobbaas! guyyaan sun guyyaa dukkanaati malee guyyaa ifaa waan hin taaneef maaf guyyaa san eeddan?
19
Guyyaan sun akka nama uduu leenca jalaa dheessu doobba'aan wolitti dhufuu, yookaan dheessee mana ufiititti galee harkaan yoo dhaaba manaa qabatellee bofni idduu isinitti ta'a.
20
Guyyaa murtii Rabbii dukkana malee ifti isinii hin bayu; guyyaan sun dukkana jaama'a; ka ifni woyituu keessaa hin mudhanne isinitti ta'a.
21
Rabbi akkana jedha, «Ani ayyaannan wogga'aa keessan maraa hin jibba; hin tuffadhalle'e; wol geettiin waaqeffannaa keessaniillee na hin gammachiisu.
22
Yoma isin ciincaa ciincawuu fi kennaa midhaanii naa dhiyeessitanillee isin irraa hin fudhadhu; ciincaa mirgoolee waan fayyumma'aatiif naa dhiyeessitan hin laalu.
23
Iyya faaruu keessanii na irraa fageessaa'a; laagaa meeshaa faaru'uu keessan sirima ani hin dhagayu;
24
Kana irra murtiin haqaa akka bisaan jiguu, balchummaan akka bisaan lagaa ka yaa'ee hin cinnee haa jiguu.
25
«Banii Israa'elii! isin amma ciincaa woggaa afurtamaa lafa onaa keessa deemtaniif kennaa naa dhiyeessitaniirtanii?
26
Isin waaqa tolfamaa saakut jedhamu ‹ka mooti'i› jettan akkasuma waaqa tolfamaa keessan ka urji'ii ‹keewwaan› jedhamu baadhattan.
27
Ani akka Damaasqoo irraa ari'amtanii fagaattan isin godha» jedha; ka waan kana dubbate ana Rabbi Waaqa banii maraati.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9