bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Amos 2
Amos 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 3 →
1
Rabbi akkana jedha, «Baniin Moo'aabii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan lafee mootii Eedoomii haga daaraa ta'utti gubaniiran.
2
Kanaafuu ani biyya Moo'aabii irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Qiriyootimii hin guba; loltoonni dhaaduu'u, iyyansaa fi laagaa xurumba'aa dhageessisa'aa banii biyya Moo'aabii fixan.
3
Ani bulchaa Moo'aabiitii fi worra jajjabaa biyya bulchan hin balleessa.»
4
Rabbi akkana jedha, «Baniin Yihuuda'aa waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan seera kiyya diiganiiran; ajaja kiyya hin eenne; waaqoleen tolfamaan sobaa ka abboonni isaanii faana deema'aa turan isaan dogoggorsan.
5
Kanaafuu ani biyya Yihuuda'aa irratti ibidda gad dhiisa; ibiddi sun kusheewwan Yerusaalemiillee hin guba.»
6
Rabbi akkana jedha, «Baniin Israa'elii waan deddeebi'a'aa cubbuu hojjataniif ani mamii malee isaan adaba; isaan namoota qulqulluu birrii argachu'uuf hiyyeeyyiillee kophee argachu'uuf jedhanii gurguratan.
7
Isaan worra dadhabanii fi worra gargaarsa hin qabne daaraa keessatti kuffisanii mataa isaanii dhidhiitan; hiyyeeyyii darbanii kara'aa dhooggan; abba'aa fi ilmi dubartii takkatti seebaran; hujii isaanii kanaan maqaa kiyya woyyuu batteessan.
8
Hiyyeeyyii liqaa isaanii kaffaluu hin dandeenne irraa uffata isaanii akka qabdi'ii godhanii fudhatanii hulee ciincaa itti dhiyeessan marattuu afatanii irra ciisan; daadhii woyini'ii maqaa liqaa ufiitiif adabbii godhanii fudhatan; mana woyyuu waaqa ufii keessatti dhugan.
9
Ani ammo isiniif jedhee worra Amoorotaa ka dheerinni isaanii akka muka Libaanosii, jabeenni isaanii ka akka muka Qilxu'uu ta'an hiddaan bubuqqisee isinii balleesse.
10
Ani biyya Misirii keessaa isin baasee woggaa afurtamaa guutuu lafa gammoojji'ii keessa isin masakkee biyya Amoortotaa ristii godhee isinii kenne.
11
Ani ijoollee teessan ta dhiiraa keessaa garii raattota, ka'imman keessaa garii worra woyyoome godhee isinii kaase; banii Israa'elii! eeganaa wonti kun dhuga'aamii? ani Rabbi waan kana dubbadheera.
12
Isin ammo worra Waaqaaf adda baye daadhii woyini'ii obaaftanii dogoggorsitan; raattota akka raaga hin dubbanne dhooggitan.
13
Kanaafuu ani akkuma gaariin fardaa ka midhaan hagaa ol baatee deemu waan isa jala jiru daaku anillee akkasuma isin daaka.
14
Ka fiiguu danda'u ariifachuu dadhaba; worri jajjabaan hin dadhaban; loltoonni uf hambisuu hin danda'an.
15
Worri buundhee darban aggaamuu hin danda'an; worri guddisanii fiigan dheessanii hin bayan; worri fardaan gulufan uf hambisuu hin danda'an.
16
Guyyaa san loltoonni guddisanii jabaatanuu meeshaa ufii ka lolaa gata'aa dheessan» jedha; Rabbi waan kana dubbateera.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9