bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 1
Micah 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 2 →
1
Bara Iyyoo'aataam, Akaazii fi Hisqiyaas wol faana biyya Yihuuda'aa irratti mooyan dubbiin Rabbi Mikiyaasii nama gosa Mooriititti mudhataan waan Samaariya'aatii fi waan Yerusaalemii mudhise kana.
2
Isin baniin maruu waan kana dhagayaa'a! worri biyyattii keessa jiraattan maruu waan kana caqasaa'a! Rabbi Gooftaan hulee woyyuu ufii irra taa'ee isin ajiifata.
3
Rabbi hulee ufiitii ka'ee dhufa; bu'eellee gaarran irra deema.
4
Hennaa san akkuma gagaan dammaa ibiddaan baquu fi bisaan gooddaa gad yaa'u akkasuma gaarran isa jalatti baqan; lafti dhooqaa maruu hin babbaqaqa.
5
Kun maruu wonti ta'eef sababaa worri Israa'elii yakka hojjataniif; akka baniin Israa'elii dhiban wonti sababaa ta'e maali'i? qachaa guddittii Samaariya'aatii mitii? baniin Yihuuda'aa waaqa tolfamaa waaqeffata'aa akka cubbuu hojjatan ka godhe eennu? Yerusaalemii mitii?
6
Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani Samaariyaa akka tuulaa mana diiggamee ka raasa'atti mudhatuu isii godha; isiin hulee biqiltuu woyini'ii itti dhaaban taati; dhagaa diiggame ka qachatti'ii gara dhooqaa gad jissa; hunndeewwan isi'ii ifatti baasa.
7
Fakiiwwan isi'ii maruu hin caccaban; gatiin worra hulee woyyu'uutitti seebaranii kennamu maruu ibiddaan gubata; waaqolee tolfamaa isi'ii maraa hin balleessa; Samaariyaan wonti fakiiwwan kanniin wolitti qabdeef gatii seebaraaf kennamu godhatu'uuf; ammallee diintonni isi'ii seebaraaf itti fayyadaman.»
8
Achiin maayessa Mikiyaas akkana jedhe, «Ani sababaa kanaaf Bade! bade! jedha'aa booya; gadda kiyya mudhisu'uuf nafa qulla'aa fi luka duwwaa deema; akka jeedalaa iyya; akka guchi'iititti laagaa booyichaa dhageessisa.
9
Madaan Samaariya'aa ka fayyuu danda'uu miti; rakkinni kun Yihuudaa irrallee gayeera; hulee baniin kiyya itti wol gayan bayima itti bayan ka Yerusaalemiillee gayeera»
10
Rakkoo nu irra gaye diintota teenna ta Geetiin keessa jiranitti hin himinaa'a; achitti sirima hin booyinaa'a; worra keenna ka Oofraa jiran keessatti ammo daaraa irratti gangalata'aa booyaa'a.
11
Isin banii biyya Shaafirii! qullaa booji'ama'aatii saalfata'aa lufaa'a; worri biyya Tsaa'inaanii keessa jiraatan ugganii qachattii keessaa hin bayan; Beeti'eeltseel hulee booyaa waan taateef irkoo isinii taatee hin dandeettu.
12
Baniin biyya Maarootii waan misha'atu nuu dhufa jedhanii abdatan; Rabbi ammo Yerusaalemiin irratti badii buuseera;
13
worra biyya Laakishii keessa jiraatan! yakki Israa'elii waan isin irra jiruuf worra jalqaba Yerusaalemiin keessatti cubbuu hojjate waan taataniif faradoo keessan ta gaarii fardaa lugaamadhaa'a.
14
Banii Yihuuda'aa, eeganaa isin Moresheet gaatii kennaa geegessa'aa kennitan; baniin biyya Akizibiimii mootota Israa'elii gowwoomsan.
15
Banii biyya Mariisa'aa! ani diintota isin woraanan isinitti fida; bulchoonni Israa'elii worri kabajjaman goda Adulaamiititti dhokatan.
16
Isin banii biyya Yihuuda'aa! ijoollee teessan waan booji'anii fudhataniif sababaa kanaaf ijoollee teessan ta jaalattan tanaaf gadda'aa mataa haadadhaa'a; mataan keessan akka rumichaatitti moluu haa ta'uu.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7