bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 6
Micah 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 7 →
1
Waan Rabbi banii Israa'eliititti dubbatu dhagayaa'a; Ka'aa'a! komii qabdan gaarran afo'otti dhiyeessaa'a! tulloonnillee waan isin jettan haa dhagayanii.
2
Isin gaarran! waan Rabbi banii ajiifatu dhagayaa'a! isin hundeewwan jajjabaan lafaa! dhagayaa'a! Rabbi banii ufii Israa'eliin hin ajiifata; isaan xixalle'e.
3
Rabbi akkana jedha, «Banii kiyya! maal si godhe? wonti ani sitti jabeesse maali'i? mee naa deebisi.
4
Biyya Misiriitii si baase; biyya garbumma'aa keessaa si oolche; Muusee, Aaroonii fi Maariyaamiin akka afoo kee deema'aa si masakkan sii kenne.
5
Banii kiyya! mootii Moo'aabii Baalaaq maal akka sitti karoorfatee fi Bala'aam ilmi Bi'oorii maal akka isaa deebise yaadadhu; ati Shiximii kaatee hennaa gara Gelgela'aa deemtu waan karaa irratti ta'e qaabadhu; uduu waan kana maraa qaabattee waan ani si oolchu'uuf godhe kana maraa hin beetta.»
6
Ani hennaa Rabbii Waaqa jaba'aa sagadu'uuf dhufu maal qabadhee dhufa? akka isaa ciincaa ciincawu ta'an waatilee woggaa tokkoo qabadhee dhufuu ree?
7
Inni uduu ani korbeeyyii hoola'aa kumaatamatti laakkayaman yookaan dhadhaa ejersaa ka laga kuma kudhanii gawu qabadhee dhufee yoo dhiyeesse gammadinnaa laata? waan yakkaa fi cubbuu kiyyaatiif ilma kiyya ka hangafaa ciincaa dhiyeessuufii laata?
8
Rabbi waan misha'aa fi waan si irraa barbaadu sitti himeera; kunillee akka haqaan bulchitu, akka waan mishaa jaalattu, Waaqa kee woliin akka kasumma'aan jiraattuuf.
9
Rabbiin sodaachuun ogumma'a; inni qachatti'iin akkana jedha, «Isin namoonni qachattii keessatti wol geettan dhagayaa'a!
10
Ani qabeenna cubbamaan karaa hammeennaatiin wolitti qabatee fi bikkituu sobaa ka abaarame irraanfachuu danda'aa?
11
Ani eeganaa namoota madaala sobaatii fi bikkituu sobaatitti fayyadamanii obsaa?
12
Worri dureeyyiin keessan dharaan guuttamaniiran; worri qachattii keessa jiraatan soba dubbatan; arraba ufiitiinillee hin fakkeessan.
13
Kanaafuu ani sababaa cubbuu keessaniitiif isin balleessu'uu fi isin diigu'uuf ka'eera.
14
Hin nyaattan garuu hin quuftan; beelli isin irraa hin bawu; isin jalaa ofoolla malee wolitti isinii hin qabamu; qabeenni isin kuufattanillee yoo jiraate woraanaan balleessa.
15
Midhaan hin facaaftan ammo hin galfattan; daraaraa ejersaa hin cuunfitan garuu sayitii isaatitti hin fayyadamtan; daraaraa woyini'ii hin cuunfitan daadhii woyini'ii ammo hin dhuddan.
16
Sababaan wonti kun maruu isin irra gawuuf waan isin seera mooticha Omriinii duukaa deemtanii fi waan jireenna mooticha Aki'aabii maraa faanaa deemtaniif; isin waan aadaa isaaniitiin masakkamtaniif isin balleessa; worra qachattii keessa jiraatan akka namni maruu isaanitti kolfu taasisa; mudaa banii kiyya irratti ta'e akka baadhattan isin taasisa.»
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7