bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 3
Micah 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 4 →
1
Ani achiin maayessa akkana isaaniin jedhe, «Isin bulchoota ijoollee banii Israa'eliitii fi masakkoota banii Israa'elii! dhagayaa'a! murtii qajeelaa beekuun isin hin barbaachisuu?
2
Isin ammo waan mishaa jibbitanii waan hamaa jaalattan; banii kiyya dhaabatatti gogaa isaanii irraa quunciftan; foon isaanii lafee isaaniitiin gar gar baaftan.
3
Gogaa banii kiyyaa quunciftanii lafee isaanii caccabsitanii akka foon ibiddatti woddaniitii fi otte'etti affeelanii isaan gootan; foon isaanii nyaattan.
4
Hennaan isin rakkattanii gara Rabbii iyyitan hin dhufa; garuu inni isinii hin deebisu; waan hamaa waan hojjattaniif kadhaan keessan isinii hin dhagayamu.»
5
Rabbi waan raattota sobaa waan bu'aa itti argatan yoo ta'e nageenni isinii bu'a jedha'aa lallaban; hennaa bu'aa hin arganne ammo lolatu isinitti gala jedha'aa labsa'aa banii dogoggorsan.
6
Kanaafuu halkan isaan mudhata itti hin argine hin dhufa; dukkana isaanii hin ifne isaanitti ta'eera; ammaa achi mudhata hin argan; raagallee hin dubbatan.
7
Worri mudhata hin argina, raaga hin dubbanna jedhan maruu waan isaanii hin milkoofneef hin salphatan; Rabbi waan deebii isaanii hin kennineef saalfatanii harkaan fuula dhoffatanii deeman» jedha.
8
Ana ammo Rabbi Hafuuraa fi hunna ufiitiin na guuteera; Inni akka ani banii Israa'elii yakkaa fi cubbuu isaanii maal akka ta'e akka isaan beessisu ifatti murtii qajeelaa akka murteessu jabeenna naa kenneera.
9
Isin bulchoonni banii Israa'eliitii fi masakkoonni ijoollee Yaaqoobii haqa jibba'aa waan qajeelaa maraa dabsitan waan kana dhagayaa'a.
10
Isin dhiiga namaa jissa'aa Tsiyooniin, yakka hojjata'aa Yerusaalemiin ijaartan.
11
Worri jajjabaan qachattii keessa jiran horii fudhata'aa murteessan; gadoonni gatii malee hin barsiisan; raattonnillee qarshii malee raaga hin dubbatan; isaan waan kana maraa godha'aa «Rabbi waan nu woliin jiruuf wonti hamaan woyiituu nutti hin dhufu jedha'aa» Rabbiin dhaadatan.
12
Kanaafuu sababaa keessaniif Tsiyoon akka maasa'aatitti qotamti; Yerusaalem diiggamtee tuulamti; huleen manni woyyu'uu itti ijaarame bosona jaamaa ta'a.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7