bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 4
Micah 4
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 5 →
1
Hennaa barri dhumaa gaye; gaarri manni woyyuun Rabbii irratti ijaarame; gaarran kaawwan maraa caalee mudhata; Tulloota maraa caala; baniin mootota hedduu gara isaa hurrisan.
2
Kanaafuu baniin hedduu seerri Tsiyoonitti, dubbiin Rabbii waan Yerusaalemitti argamuuf koottaa'a gaara Rabbii irra ol baanaa; gara mana woyyuu Waaqa Yaaqoobii deemnaa; inni akka fedha isaa goonu nu barsiisa; nu'u karaa isaa irra deemna» jedhan.
3
Inni banii heddu keessatti murteessa; wolii galtee dhabuu mootota gugurdoo fago'oo fi dhiyoo jiran keessa jiru hin balleessa; waan kana ta'eef isaan guraadee ufii gara maarasha'aa eboo ufii gara haamtu'uu jijjiiran; mootummaan mootummaa irratti lola hin kaasu; achiin maayessa namni barumsa lolaa baratu hin jiru.
4
Namni maruu gaaddisa biqiltuu woyini'iitii fi muka hurbu'uu ka ufii dhaabe jalatti hara baafata; wonti isa sodaachisullee hin jiru; Rabbi Gooftaan banii maraa waan kana dubbateera.
5
Worri Yihuudii hin taane maruu waaqolee tolfamaa ufii waaqeffatan; nu'u ammo Rabbii Waaqa keenna baraa haga bara baraa waaqeffanna.
6
Rabbi akkana jedha, «Guyyaa san worra hokkolanii fi banii kiyya ka ani adabnaan rakkoon isaan irra gaye wolitti isaan qaba.
7
Worra hokkolan akka jiraatan taasisa; worra gatamanii turan banii jabaa isaan taasisa; ani gaara Tsiyoonii irratti hennaa san irraa jalqabee baraa haga bara baraa mooya.»
8
Ati gaara Tsiyoonii ta dallawa dhaga'aa ka waa itti eegan! abdiin sii kenname hin raawwatama; guddummaan kee ka duraa qachaa guddoo Yerusaalemii sii deebi'a.
9
Ati wonti hagana maraa laagaa kee ol qabattee iyyituuf, akka dubartii ciniinsuun qabeetittillee hucuucamtuuf maali'i? waan mootii hin qabneefii? yookaan mo'o worri gorsa sii kennan maruu waan badaniif?
10
Banii Yerusaalemii! akka dubartii ciniinsuun qabeetitti woyata'aa gangaladhaa'a; isin qachaa keessaa ari'amtanii raasa'atti quphattanii gara Baabilooniillee hin deemtan; ammo Rabbi achitti isin oolcha; diintota teessan jalaallee isin baasa.
11
Amma ammo baniin hedduu wol gayanii akkana jedhan, «Yerusaalem haa battooftu! nullee diiggamuu isi'ii arginaa!»
12
Baniin kunniin ammo karoora Rabbii hin beenne; akkuma midhaan dhayamu oobdi'itti wolitti qabamu, akkasuma isaan wonti Rabbi wolitti isaan qabeef adabbi'iif akka ta'e hin hubanne.
13
Rabbi akkana jedha, «Isin banii Yerusaalemii! deema'aatii diintota teessan akka midhaaniititti ayyiidaa'a! ani isin akka sangaa gaafni isaa sibiilaatii fi ka qeensi isaa sibiila diima'aatitti akka jabaattan isin taasisa; mootota hedduu hin balleessitan; qabeenna isaan dharaan wolitti qabatan maraa adunyaa guutuu ana Rabbii Goofta'aa fiddanii dhiyeessitan.»
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7