bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 2
Micah 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 3 →
1
Worra hujii hamaa hojjachu'uuf karoorfatanii fi worra siree ufii irra ciisanii dhara yaadanii hobbaas! isaan waan san godhu'uuf waan baallii qabaniif yoo lafti bariite waan karoorfatan san hin raawwatan.
2
Isaan lafa qonnaa yoo barbaadan ka nama biraa hunnaan fudhatan; manallee yoo barbaadan hunnaan fudhatan; mirga namaa dhiiba'aa qabeenna namaa saaman.
3
Kanaafuu Rabbi akkana jedha, «Ani badii isinitti fida; isa jalaa sirima bayuu hin dandeettan; hennaan rakkinnaa sun waan dhufuuf uf jaja'aa jiraachuu hin dandeettan.
4
Guyyaa san namoonni isinitti baldan akkana jedha'aa faaruu minsho'oo mararama'aa isinii faarsan; «Nu'u sirima banneerra! Rabbi qabeenna banii keennaa fudhate; ristii keenna worra nu booji'anii qoqqoode.»
5
Lafti deebitee hennaa banii Rabbiitii kennamtu isin gayee woyiituu hin argattan.
6
Raattonni isaanii, «Raaga hin dubbatin; salphinni akkanaa kun waan nu irra hin geenneef waan kanniiniif raaga hin dubbatin» naan jedhan.
7
Isaan uduu dubbii ufii wol irraa hin kunne! «Ijoollee Yaaqoobii kun jedhamuu barbaachisaa? obsi Rabbii dhumateeraa? kunniin waan inni hojjatee?» jedhanii gaafatan; worra jireenni isaanii qajeelee dubbiin kiyya waan mishaa isaanii hin godhuu?
8
Rabbi akkana jedhee isaanii deebise; «Isin banii kiyyatti akka diinaatitti kaataniirtan; namoota nagayaa ka lolaa dacha'anii abdi'iin isin keessa lufan salphiftaniirtan;
9
Dubartoota banii kiyya keessa jiran mana misha'aa fi qabeenna isaanii irraa buqqiftanii ariitaniirtan; ijoollee isaaniillee hennaa maraa eebbaa fi ulfinna kiyya irraa akka fagaatan gootaniirtan.
10
Sababaa battumma'aatiif badiin guddaan waan dhufuuf kanaan hara baafachuun hin danda'amu; kanaafuu ka'a'aa deemaa'a.
11
Namni tokko dubbii sobaatiin waan woyini'iitii fi waan dhuddoo jaba'aa isin barsiisa uduu jedhee isatu raatticha banii kanaa ta'a.
12
«Banii Israa'elii! akkuma hoolonni gooruu keessatti, tinni hoolotaa hulee dheedanitti wolitti qabaman ani akkasuma dhugamaan worra banii Israa'elii ka hafan hulee tokkotti wolitti qaba; biyyattii keessa bani'itu guute» jedha Rabbi.
13
Isaan bulchaa karaa badhisee isaanii baneen karra badhaa saniin wol faanaa yaa'an; Rabbi mootiin isaanii isaan afoo deema'aa isaan masakka.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7