bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 5
Micah 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 6 →
1
«Ati qachaa loltoota qabdu loltoota kee hiriirsi! jabeessanii nu marsaniiran; bulchaa Israa'elii ule'een boqoo keessa dhayan.»
2
Rabbi akkana jedha, «Ati Beeteliheemiin biyya Eefraata'aa keessatti argamtu! yoma qachoota Yihuuda'aa didiqqoo keessa taatellee akkuma armaan dura bulchaan si keessaa jalqabe baraa haga bara baraa ka banii kiyya Israa'eliin bulchu achi keessaa naa baya» jedha.
3
Kanaafuu haga haati isa deettutti Rabbi banii hin dhiisa; achiin maayessa worri isaa ka ari'aman deebi'anii worra ufiititti eda'aman.
4
Inni hunna Rabbiitiin ka'ee tika hoolotaa bobbaasa; inni wonti kana godhuun gaachena maqaa Rabbii Waaqaatiin, inni amma haga daangaa lafaa waan jabaa ta'uuf isaan sodaa malee hollatan.
5
Inni nagaya isaanii ta'a; worri biyya Asoorii biyya keenna marsu'uuf yoo dhufanii fi yoo kusheewwan keenna irra bayan worra eegu torbaa fi bulchoota saddeetii isaan irratti kaafna.
6
Qachaa biyya bulchiinsa Naamruudiin jala turte hunna loltoota ufiitiin mootii biyya Asoorii mooyatanii qabatan; worri Asoorii uduu biyya keenna marsanii fi uduu daangaa keenna irra ejjatanii inni isaan jalaa nu oolcha.
7
Baniin Israa'elii ka du'a irraa hafan banii heddu keessatti akka fixeensaatii fi akka shinina Rabbii akka lafa irratti shininu godhuu ta'an; isaan nama heddatanii eeggatuu dhiisanii Rabbiin callaa hedatan.
8
Leenci bineensa bosonaa hedduu irratti, leenci darmiinillee tika hoolotaa irra utaalanii bu'anii ciccira'aa hennaa deeman bineensi biraa ka isaan gargaaru hin jiru; ijoollee Yaaqoobii ka du'a irraa hafan banii hedduu keessatti akkasuma godhan.
9
Worri Israa'elii maruu diintota ufii irratti ka'an; diintonni isaanii maruu hin badan.
10
Rabbi akkana jedha, «Ani dursee faradoo keessan isin keessaa balleessa; gaarii fardaa keessanillee hin diiga.
11
Qachoota biyya keessan keessatti argaman hin balleessa; kusheewwan keessan maraa hin diiga.
12
Mita keessan hin balleessa; worri moran ammaa achi isin keessatti hin argaman.
13
Ani waaqolee tolfamaa keessan ka bocamanii fi utubaawwan keessan ka isin itti sagaddan hin balleessa; isin ammaa achi waaqolee tolfamaa harka keessaniin hojjattanii hin sagaddan.
14
Fakii waaqa tolfamtuu Asheeraa jedhamtuu biyya keessan keessaa bubuqqisa; qachoota teessan hin diiga.
15
Mootota anaa ajajamuu didan maraa lola kiyya gudda'aan haluu isaan baya.»
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7