bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Micah 7
Micah 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
1
Daraaraan hennaa haama'aa wolitti qabamee daraaraan woyini'ii ka harca'e haga guurameen maayessa ani akka nama hurbuu woyini'ii ka nyaatu'uuf barbaadu hin argannee waan ta'eef na hobbaasi! daraaraan muka hurbu'uu ka ani hawwe ka dura gaye hin jiru.
2
Lafa irra namni amanamaan hin jiru; namni qajeelaan tokkollee hin jiru; namni maruu nama ajjeesu'uuf riphan; isaan maruu ufii wolitti gara galanii kuun ka biraa faanaa deemee siibo'otti wol galcha.
3
Harki isaanii waan hamaa hujuu barateera; ka baallii qabuu fi abbaan murti'ii gabbarsuu gaafata; fedha ufii guddaa hunnaan raawwachiifata; akkaataa kanaan maruu murtii dabsan.
4
Isaan keessaa namni guddisee woyyaa qaba jedhamu akka qoree anshookalla'aati; namni guddisee qajeela'a jedhamu akka qoree, qummuuddu'uuti; akkuma Rabbi banii ufii raattotaan seere hennaan banii ufii adabu hin dhufa; ammumaa isaan raafama'aaran.
5
Goshoo kee hin amanin; jaalalloo kee ka sitti dhiyaatu hin hedatin; ati haadha manaa tee ta woliin bultutti hennaa dubbattuu uf eeggata'aa dubbadhu.
6
Bara san ilmi abbaa ufii tuffata; intalti haadha ufiititti, intalti ilmaa soddaatii ufiititti diina taati; diintonni namaa maatima ufiiti.
7
Ani garuu Rabbiin abdadha; Waaqa na fayyisullee hin eeggadha; inni naa dhagaya.
8
Diina kiyya! ani yoo kufellee deebi'ee waan ka'uuf kufa kiyyatti hin gammadin; yoo amma dukkana keessa jiraadhellee Rabbi naa ibsa.
9
Ani Rabbiin yakkeera kanaafuu haga inni laalee natti murteessutti lola isaa hin obsa; dhuma irratti inni ifatti na baasa; haqaan naa murteessa.
10
Diintonni tiyya waan kana maraa hin argan; diinni kiyya ka Rabbiin Waandhi kee eessa jira? naan jedha'aa ture salphinna uffata; ani kufa diina kiyyaa hin arga akka dhoqqee karaa irra jiru irra deemaniititti hennaa isa irra deeman hin arga.
11
Isin banii Yerusaalemii! hennaan dalloofni qachatti'ii ijaaramu hin dhufa; hennaa san bulchiinsi keessan hin badhata.
12
Hennaa san baniin keessan gara keessan dacha'an; garri isaan deebi'anii dhufanillee gara baya biiftu'uutii Asooriin gara kibbaatitti biyya Misirii, naannoo laga Efraaxisiitii, akkasuma fago'oo galaanotaa fi gaarran kutanii dacha'an.
13
Biyyiti ammo sababaa hammeenna namoota isii keessa jiraataniitiif ona taati.
14
Rabbii kiyya! gumii banii keetii baallii keetiin eegi; isaan hulee biqiltuu lalisee bosona keessa worra hojja ufii jiraatan; akka duriititti Baasaanii fi Gala'aadiin keessatti akka waa nyaatan isaan taasisi.
15
Maalalee hennaa biyya Misirii keessaa nu baafte goote nutti mudhisi.
16
Isaan yoma worra hunna qaban ta'anillee kana arganii saalfatanii harkaan afaan ufii qabatan; gurra ufiillee hin cufatan.
17
Isaan akka bofaatii fi akka uumama biraa ka gara'aan lafa irra looyaniititti biyyee arraaban; kushee ufii keessaa bayanii hollata'aa dhufan; sodaata'aa gara si'ii Rabbii Waaqa keennaa deebi'anii si sodaata'aa jiraatan.
18
Waandhi cubbuu namaa dhiisu, ka banii ufii ka hafe irratti yakka hin laakkofne ka akka keetii eennu? namaa araaramuun waan si gammachiisuuf dheekkamsi kee ka baraa haga bara baraa turuu miti.
19
Ati deebitee garaa nuu laafta; yakka keennallee miila keetiin irra deemta; cubbuu keenna maraa galaana xiilla'atitti gatta.
20
Ati akkuma abboota teenna ta duriitii kakattetti fiixaa Abrahaamiitii fi fiixaa Yaaqoobiitii amanamumma'aa fi jaalala kee ka baraa haga bara baraa mudhifta.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7