bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 16
Revelation 16
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
1
Kanaan maayessa Maleekkota torbaan laagaa guddaa «Deema'aatii mijuu dheekkamsa Rabbii ardii irratti jissaa'a» jedhu mana woyyuu keessaa hennaa bayu dhagaye.
2
Maleekkaan duraa dhaqee mijuu xuwwe'ee lafa irratti jisse; worri malkanni bineensaa irra jiruu fi namoota fakii isaatii sagadan, madaa nafa isaanii nyaatutu isaanitti baye.
3
Maleekkaan lammeesso'oollee mijuu xuwwe'ee galaana keessatti jisse; galaanni sunillee akka dhiiga nama du'ee ta'e; wonti galaana keessa jiru ka lubbuu qabu maruu hin du'an.
4
Maleekkaan sadeesso'oollee mijuu lagaa fi burqaa bisaanii keessatti jisse; isaanillee dhiiga ta'an.
5
Maleekkaan bisaaniillee, «Gooftaa jirtuu fi ka turte, woyyuu'u! akka kana waan murteessiteef, ati qajeela'a;
6
Waan dhiiga woyyootaatii fi raattotaa jissaniif; Akkasuma dhiiga isaan obaafteerta. Waan isaan barbaachisuuf!» jedhee yoo dubbatu dhagaye.
7
Waan kennaa irratti dhiyeessan keessaa, «Ee, Waaqa Gooftaa maraa bulchitu, murtiin kee dhuga'aa fi sirri'i» jedha'aa hennaa dubbatu dhagaye.
8
Maleekkaan arfeesso'oo mijuu aduu irratti jisse; namootallee ibiddaan akka gubdu isi'ii kenname.
9
Namoonnillee oo'a gudda'aan gubatan. Maqaa Rabbii ka balaa kanniin irratti baallii qabu abaaran; aagii galanii ulfinna isaa hin kennine.
10
Maleekkaan shaneesso'oo mijuu teessoo busaaya'aa irratti jisse; mootummaan isaallee hin dukkanoofte. Waan dhiphataniif arraba ufii alanshan.
11
Waan hucuucamanii fi waan madaayaniif Waaqa sami'ii arrabsan. Hujii isaanii irraallee deebi'anii aagii hin galle.
12
Maleekkaan jaheesso'oollee mijuu laga guddaa Efraaxis jedhamu irratti jisse. Mootota baya biiftu'uutii dhufan karaan akka isaanii qophaayuuf bisaan goge.
13
Afaan Jawwe'eetii, afaan busaaya'aatii, afaan raaga sobaatii wonti raacha fakkaatan, ayyaanni battiin sadihii hennaa bayan arge.
14
Waan ayyaana jinni'ii ta'aniif malkata godha'aa guyyaa lola guddaa Rabbii waa maraa bulchuutiif wolitti qabu'uuf gara mootota adunyaa maraa dhaqan.
15
«Ani akka hattu'uu ta'ee dhufa! akka qullaa hin deemne saala isaallee akka hin argine, ka dammaqee uffata ufii eegu ka eebbifame!»
16
Afaan Ibraayisxiitiin gara hulee «Armaageedoon» jedhamutti wol gayan.
17
Maleekkaan torbeessoon mijuu qilleensa keessatti jisse; mana woyyuu keessaa laagaan guddaan, «Raawwatameera» jedhu teessoo irraa dhagayame.
18
Laagaan Bakakka'aatii fi gigissaan dhagayamee lafti guddiftee sochoote. Haga namni lafa irratti uumamee jalqabee sochiin akkanaa guddaan sirima ta'ee hin beeku; kun maraa caale.
19
Qachattiin guddoon bakka sadihitti qoodamte. Qachoonni worra Yihuudii hin taanee hin kufan. Baabiloonii guddoon daadhii woyini'ii ta dheekkamsaa jabduu akka isi'ii kennamuuf Rabbiin afo'otti yaadatamte.
20
Tulluun bisaaniin marfaman maruu hin dheessan; gaarranillee hin badan.
21
Baradaan guddaan madaalaan taalentii tokko ta'u Samii irraa namoota irratti bu'e; balaan guddisee waan guddaa ta'eef namoonnillee sababaa balaa barada'aatiin Rabbiin arrabsan.
← Chapter 15
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 17 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22