bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 18
Revelation 18
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
1
Kanaan maayii Maleekkaa biraa ka baallii guddaa qabu hennaa sami'ii bu'u arge. Sababaa ulfinna isaatiin lafti ifte.
2
Laagaa gudda'aan, «Baabilooniin guddittiin kufte! kufte! hulee jinniin jiraatu taate; hulee ayyaanni batti'ii marti itti irkatan ayyaanoonni hamaanii fi ka simbirroonni jibbaman maruu itti irkatan taate.
3
Worri Yihuudii hin taane maruu daadhii woyini'ii, sababaa seebaruu isi'iitiif kufaniiran mootonni biyya lafaa isii woliin seebaran; daldaltoonni biyya lafaa sababaa hunna qananii isi'iitiin, dureeyyii ta'an» jedhee iyye.
4
Sami'ii laagaa biraa ka akkana jedhu dhagaye; Banii kiyya! Cubbuu isi'iitiin wolii gala'aa, balaa isi'ii akka hin fudhanne, isii keessaa bayaa'a!
5
Cubbuun isi'ii haga sami'ii waan gayeef, Rabbi hammeenna isi'ii yaade.
6
Haguma isiin kenniteen gatii isi'ii deebisaaf, Akkuma hujii isi'iitiin; dachaa lamaa godha'aatii mijuu isiin wolitti matte dachaa lamaa godha'aatii bulbulaa'a!
7
Haguma isiin uf kabajjitee fi haga uf boonsiteen miidha'aa fi gadda isi'ii kennaa'a. Onnee isi'ii keessatti, «Ani mootittii ta'ee jiraadha, haadha hiyyeessaa hin ta'u, horomaa hin gaddu» waan jetteef.
8
Kanaafuu balaan hedduu, duuti, gaddinii fi beelli, guyyaa tokkoon isii irra gaya. Waandhi Gooftaan isi'itti murteessu jabaa waan ta'eef, ibiddaan gubatti.
9
«Mootonni adunyaa tanaa ka isii woliin seebaranii fi isii woliin boonan, aara hennaa isiin gubattu aaru arganii waan isi'iitiif «banne! banne!» jedha'aa booyan.
10
Ati Baabiloonii qachaa gudditti'ii jabduu si hobbaasi! murtiin kee sa'aatii tokko keessa waan si irra gayuuf» jedha'aa qaaqan.
11
Fe'aa markaba isaanii ammaa achi namni bitu waan hin jirreef, daldaltoonni lafa irraa booya'aa gaddaniif.
12
Fe'aan sunillee worqi'ii fi birri'ii, dhagaa gatii gudda'aa, waan gatii gudda'aa, uffata fuutta'aa, diimaa dhiilgee, muka urgaayu maraa, mi'a ilkaan arbaa irraa hojjatame maraa, muka gatii gudda'aa sibiila diimaa, mi'a dhagaa adii irraa hojjatame mara,
13
Qarafaa, urgooftuu, muka hurbu'uu, qumbii, hixaana, daadhii woyini'ii, dhadhaa ejersaa, daakuu qamadi'ii, loowwan, hoolota, faradoo, konkolaataa fardaa, garbootaa fi namoota biraallee.
14
«Daraaraan ati dharraate si bira lufeera. Wonti si boonsuu fi ka si qandhafsiisu martuu si jalaa badeera; ammaa achi namoonnillee sirima isaan hin argatan»
15
Worri waan kanniin gurgura'aa durooman rakkinna isi'ii sodaatanii fagoo dhaabatan; isaan hin gaddan, hin booyan.
16
Laagaa ufii ol qabatanii akkana jedhan, «Ta uffata talba'aa, diimaa dhiilgee uffattee, worqii, dhagaa gatii gudda'aatiin uf qandhafte, qachaa guddittii sanii hobbaasi! hobbaasi!»
17
Sun maruu sa'aatima tokko keessatti badan. Worri markaba ajajan maruu worri markabaan karaa deeman maruu, worri markaba keessa hojjatan martinii fi worri jireenna ufii galaana irratti hundeeffatan maruu, fagoo dhaabatan.
18
Hennaa isiin gubattu aara isi'ii arganii, «Qachaan qachaa guddittii san fakkaatu eessa jira?» jedha'aa iyyan.
19
Daaraa uf irratti firfirsanii gaddanii booya'aa, «Qachattii guddoo, durummaa isi'iitiin worra galaana irraa, markabaan dureeyyii gootee bille'e!, bille'e! sa'aatii tokkotti badde» jedha'aa iyyan.
20
«Samii'i! isi'itti gammadi; woyyoota, ergamtoonninii fi raattonnillee gammadaa'a! waan isiin isin irra geessiteef Rabbi waan isi'itti murteesseeruuf»
21
Maleekkaan jabaan tokko dhagaa guddaa haga baaburaa gawu ol fuudhee akkana jedhee, gara galaanaa darbe; «Qachaan Baabiloonii guddittiin akkanatti dhiibamtee kufti; ammaa achi sirima hin argamtu.
22
Worri dibbee dhayanii fi laagaa faarfatu meeshaa laagaa adda addaa qabu; laagaan finge'eetii fi xurumbaa afuufamu; ammaa achi sirimaa si keessatti hin dhagayamu; ogummaan harkaa marti, ogeessi tokkollee ammaa achi si keessatti sirima hin argamu; laagaan baaburaa, ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu;
23
Ifti ibsa'aallee, ammaa achi si keessatti sirima hin ifu; Laagaan idaayya'aatii fi idaayyitti'ii ammaa achi si keessatti sirima hin dhagayamu. Daldaltoonni teellee'e, bulchoota adunyaa tanaa waan ta'aniif, asmaa keetiin worri Yihuudii hin taane maruu, waan dogoggoraniiraniif.
24
Isii keessa dhiinni raattotaatii fi woyyootaa, dhiinni worra lafa irratti goorra'amee maruu, isii keessatti argameera.»
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22