bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 22
Revelation 22
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
1
Kanaan maayessa maleekkaan bayima isi'ii jidduu teessoo Rabbiitii fi teessoo Hoola'aa waan akka bilille'ee calanqisu laga bisaan jireennaa natti mudhise.
2
Laga gamaa fi gamana ji'a ji'aan muka jireennaa ka daraaraa kudha lamaa kennutu jira. Baallii mukaa ka baniin itti fayye.
3
Ammaa achi abaarsi sirima hin ta'u; teessoon Rabbiitii fi Hoolaan Rabbii isii keessa ta'a. Garboonni isaa worri isa waaqeffatan fuula isaa keessa laalan.
4
Maqaan isaa kallacha isaanii irra jira.
5
Ammaa achi hin halkanaawu. Waandhi Gooftaan waan isaanii ibsuuf ifaa fi ifti adu'uullee isaan hin barbaachisu; baraa haga bara baraa hin mooyan.
6
Innillee, «Jechoonni kunniin amanama'aa fi ka dhuga'aati. Ayyaanni raattotaa, Waandhi Gooftaan keenna waan dafee ta'u'uuf ta'u garbootatti akka mudhisu, Maleekkaa erge.»
7
«Ani dafee dhufa, ka raaga dubbii kitaaba kanaa eegu, eebbifama'a» naan jedhe.
8
Kanallee ka arge ana Yohaannis; hennaa dhagayee fi arge, hennaa kana natti mudhise, luka maleekka'aa afo'otti sagadu'uuf gad kufe.
9
Inni ammo, «Akkas akka hin goone uf eegi! Ani sii fi obboloota kee, raattota woliin namoota dubbii kitaabaa kana eegan woliin anillee garbichaa Rabbii sagadi» naan jedhe.
10
Anaan, «Barri dhiyaateera, dubbii raagaa ka kitaabaa kana chaappa'aan hin cufin.
11
Hamaanillee hammeennuma ufii haa hojjatuu; battaayaanillee battummama ufii haa hojjatuu, qajeelaanillee qajeellummama ufii haa hojjatuu, woyyuunillee woyyummaa ufiitiin haa jabaatuu» jedhe.
12
«Ani dafee dhufa; isaan maraafuu akkuma hujii isaaniititti isaanii kennu'uuf gatiin isaanii na bira jirti.
13
Aalfa'aa fi oomeegaa, ka duraatii fi ka maayessaa, ka jalqabaatii fi ka dhumaa ana.»
14
Worri gara muka jireennaa gayu'uuf baallii qabaatu'uuf gara balbala qachatti'ii seenu'uuf uffata ufii miicatan eebbifamtoota.
15
Worri asmaa godhan, sariinii fi seebartoonni worri lubbuu namaa ajjeese, worri waaqa tolfamaa waaqeffatan, worri kijiba jaalatanii fi raawwatan maruu diida jiran.
16
«Ani Yesuus tokkummaa woldaa Kiristaanaatitti kana akka isinii ragu Maleekkaa kiyya erge. Ani hidda fiixaa Daawitii, urjii ganamaa ka ifu.»
17
Ayyaanninii fi idaayyittiinillee «koottu!» jedhan. Ka dhagayullee «Koottu!» haa jedhuu; ka dheebotellee haa dhufuu ka fedhe bisaan jireennaa akkanumaan haa fudhatuu.
18
Raaga Kitaaba kana irratti barreeffame kana ka dhagayu maraafuu ani hin raga. Eennullee kana irratti waan tokko yoo eda'e, Rabbi balaa kitaaba kana keessatti barreeffame maraa isa irratti raawwata.
19
Eennullee dubbii kitaaba raagaa kana keessaa yoo hanqise, hiree isaa muka jireennaa ka kitaaba kanatti barreeffame, qachattii woyyittii Rabbii keessaa gayee isaa jalaa hanqisa.
20
Ka kana ragu, «Ee, dafee dhufa!» jedha. Amiin! Gooftaa Yesuus, dafii koottu!
21
Badhaani Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii isin maraa woliin haa ta'u; amiin!
← Chapter 21
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22