bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 6
Revelation 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 7 →
1
Kanaan maayessa hoolaan hennaa chaappaa torbaa keessaa tokko yoo hiiku arge; busaayaa arfan keessaa tokko laagaa gigissaa fakkaatuun «Koottuu laali» hennaa jedhu dhagaye.
2
Anillee midhadhee farda adii tokko afoo kiyyatti arge. Ka farda san yaabbateeru eboo qabatee ture. Badhaafni kennameefii Inni mooyataan mooyatu'uuf baye.
3
Hennaa chaappaa lammeesso'oo hiike, busaayaan lammeesso'oo hennaa «koottuu laali» jedhu dhagaye.
4
Fardi daamaan biraallee hin baye; ka farda san irraa taa'ellee nagaya lafa irraa fudhatu'uuf namoonnillee akka wol qalan baalliinii fi guraadeen guddaan kennameef.
5
Hennaa chaappaa sadeesso'oo hiike busaayaan sadeesso'oo hennaa «Koottuu! laali» jedhu dhagaye. Anillee hennaa fardi gurraachi bayu arge, ka isa irra taa'eerullee waan madaaluun harkaa qaba.
6
Laagaa busaayota afurii keessaa bayu fakkaatu dhagaye; laagaan sun, «Qamadiin kiiloo wodhakkaa mindaa guyyaa tokkoo; garbuun kiiloon tokkoo fi wodhakkaan mindaa guyyaa tokkoo haa ta'u; sayitii ejersaatii fi woyinii garuu hin balleessin» jedhu dhagaye.
7
Hennaa chaappaa arfeesso'oo hiike laagaan busaayaa arfeesso'oo hennaa, «koottuu laali» jedhu dhagaye.
8
Ammallee hennaa fardi Hamarri bayu arge, ka isa yaabbateeru maqaan isaa du'a. Badiin bara baraa isa duukaa deeme guraade'een, beela, du'a bineensonni lafaa akka isa ajjeesan lafa irratti harka afurii baalliin kennameef.
9
Hennaa chaappaa shaneesso'oo hiike mi'a kennaa irratti dhiyeessan jalatti lubbuu worra dubbii Rabbii eeganii raganiif qalamanii arge.
10
Isaan laagaa gudda'aan, «Rabbii maraa olii, Woyyu'uu fi ka dhuga'aa! haga yoomii hin murteessitu? dhiiga keenna worra lafa irra jiraatan harkaa maaf haluu nuu hin baafne?» jedha'aa iyyan.
11
Isaan maraafuu uffanni adiin kenname akkasuma akka isaaniititti worra ajjeefamu'uuf ta'an haga laakkobsi garbootaa, goshoota isaaniitiif obboleewwanii haga raawwatamutti ammallee haga bara diqqo'oo haa harabaafatanii jedhaman.
12
Hennaa chaappaa jaheesso'oo hiiku lafti guddiftee sochoote. Aduunillee akka uffata gaddaatitti gurraachatte.
13
Addeessillee hin diimate. Munni hurbu'uu guddisee qilleensaan raafamee akka qaaraa daraaraa buuftuutitti urjiin sami'ii gara lafaa gadi harca'an.
14
Samiin akka kitaabaa maramtee lufte; gaarrinii fi tulluun maruu hulee isaaniitii badan.
15
Mootonni lafaa, bulchoonni, ajajoonni, loltuun kumaa, dureeyyii, jajjaboonni, garboonni, gooftonni maruu goda gaarran dhaga'aa keessatti dhokatan.
16
Gaarranii fi dhagaan, «Nu irratti kufaa'a lola ka teessoo irra ta'eetii fi lola hoolaa Rabbii jalaa nu dhossaa'a.
17
Guyyaan lola gudda'aa waan dhufeeruuf, eentu dhaabatuu danda'a?» jedhan.
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22