bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 9
Revelation 9
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
1
Maleekkaan shaneesso'oollee xurumbaa afuufee urjii sami'ii gara lafaa darbame arge. Furtuun ashuuteellee hin kennameef.
2
Boolla ashuuteellee hin bane; aarrillee akka aara ibidda gudda'aa dhagaa keessaa baya; aduunii fi qilleensi aara boolla ashuutee keessaa bayuun dukkanaayan.
3
Aara san keessaa Awwaannifni gara lafaa bayee akkuma buutiin lafaa baallii qaban baalliin isaanii kenname.
4
Isaanillee namoota kallacha isaanii irra chaappaan Rabbii hin jirre callaa akka miidhan ajaje malee, waan lafa irra jiru maraa, waan lalise yookaan muka kamiinillee akka hin miine isaanitti himan.
5
Isaan akka ji'a shanii callaa rakkisaniif kennameef malee akka ajjeesaniifii miti; miidhaan isaan miidhaman akka miidhaa nama buutiin idditeeti.
6
Ji'oota sanniin namoonni du'a soqan. Haa ta'uu ammo hin argatan, du'uu dharra'an; duuti ammo isaan dheessiti.
7
Bifti Awwaannisaa akka faradoo lolaaf qophooftee mataa isaanii irraa gulloo worqii fakkaatu qaban; fuulli isaaniillee akka fuula namaati.
8
Rifeensa akka rifeensa dubarti'ii fakkaatu qaban; ilkaan isaanii akka ilkaan leencaati.
9
Uffata sibiila fakkaatu qaban; laagaan koola isaanii akka konkolaataa faradoo hedduu ka lolaaf yaabbataniiti.
10
Eegeen isaanii akka eegee buuti'iiti. Eegee isaanii irra woraanatu jira; namootallee haga ji'a shanii miidhu'uuf baallii qaban.
11
Isaan mootii qaban; innillee Maleekkaa ashuuteeti. Maqaan isaa afaan Ibraayisxiitiin «Abdoon» Afaan Giriikiitiinillee «Aphaliyoon» jedhama.
12
Aanne'een duraa lufteerti. Kunoo asiin maayii ammallee aanne'ee lamatu dhufa.
13
Maleekkaan jaheesso'oo xurumbaa afuufe. Gaafa worqii irraa hojjatame ka kennaa irratti dhiyeessan ka Rabbiin afoo jiru keessaa laagaa tokko dhagaye.
14
Maleekkaan xurumbaa qabu ka jaheesso'oo, «Maleekkota arfan laga guddaa Efraaxisitti hidhaman isaan hiiki!» jedheen.
15
Maleekkonni afurii namoota sadihi keessaa harka tokko akka ajjeessan sa'aatii, guyyaa, ji'aa fi wogga'aafillee worri qophaayanii turan hin hiikkaman.
16
Laakkobsi loltuu farado'oollee shikita hennaa shikitaa, shikita hennaa shikitaati jedhu dhagaye.
17
Farado'oo fi worra faradoo yaabbatanillee akkasuma manaabaan arge. Uffata diimaa akka ibiddaa, gurraacha akka baddeessa'aa, boora akka bookaa fakkaatu qaban. Mataan Faradoo sanniinii akka mataa leencaati. Afaan isaanii keessaa holataan dhagaa ibiddaa baye.
18
Badiin sadiin afaan isaanii ibiddaa fi aara dhagaa ibiddaatiin ajjeefame.
19
Baalliin farado'oo afaan isaaniitii fi eegee isaanii irra waan ta'eef eegeen isaanii bofa fakkaata. Mataallee hin qaban, sanniinillee hin miidhan.
20
Balaa kanaan ka hin ajjeefamne namoonni hafan jinnii arganii yookaan dhagayanii yookaan deemuu dadhabanii worqii, birrii, waan akka sibiilaa, dhaga'aa fi muka irraallee waaqa tolfamaa hojjatamanii akka hin saganne, waan hujii harka isaaniitiifillee aagii hin galle.
21
Waan ajjeesuu isaaniillee, yookaan waan asmaa isaanii, yookaan waan seebaruu isaanii, waan hatuu isaaniitiifillee aagii hin galle.
← Chapter 8
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 10 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22