bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Revelation 21
Revelation 21
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 22 →
1
Kanaan maayessa ardii haarawaa fi samii haarawa arge. Ardiin duraatii fi samiin duraa lufaniiran; galaannillee duranaa hin jiru.
2
Qachattiin woyyittiin haarofni Yerusaalem akka idaayyaa abbaa manaatiif qandhaftee qophooftee Rabbiin biraa hennaa sami'ii buutu arge.
3
Laagaan guddaan sami'ii kunoo daaseen Rabbii namoota jidduu jira; «Isaan woliin bulla; isaanillee banii isaa ta'an; Rabbillee inninuu isaan woliin ta'ee Waaqa isaanii ta'a.
4
Imimmaan ija isaan maraa irraa haqa. Duuti ammaa achi hin jiru; seerri duraanii waan lufeeruuf» jedhee hennaa dubbatu dhagaye.
5
Ka teessoo ufii irra taa'e, «Kunoo ani waan maraa haarawa godha!» jedhe; «Jechoonni kun amanama'aa fi dhugaa waan ta'aniif barreessi» naan jedhe.
6
Kanaan maayessa akkana naan jedhe, «Raawwatameera! Ani Aalfa'aa fi oomeega'a; jalqabaa fi dhuma; ka dheebote burqaa jireennaa irraa akkanumaan kennaaf.
7
Ka mooyate kana dhaala; Ani Waaqa ta'aaf, innillee ilma kiyya ta'a.
8
Haa ta'uu ammo worri sodaatu ka hin amanne, worri battaaye, ka lubbuu ajjeese, worra adaba hin qabne, worra asmaa hojjatu, worra waaqa tolfamaa waaqeffatan, sobduun marti hireen isaanii dhagaa ibiddaatii fi galaana bobayu; kun du'a lammeesso'ooti.»
9
Maleekkota torbaa ka mijuu balaa torbaa qabatan keessaa tokko gara kiyya dhufee, «As koottu! Idaayyittii Hoolaa Rabbii sitti mudhisaa» naan jedhe.
10
Ayyaanaan gara gaara guddaa dheera'aa na fide. Hennaa qachaan guddoon woyyittiin Yerusaalemii ulfinni Rabbii keessa jiru sami'ii Rabbiin biraa buutu natti mudhise.
11
Ifti isi'iillee akka dhagaa gudda'aa ulfaata'a; akka Iyyaasphiidii ta'e; akka birrii qulqullayeeti.
12
Dallawa guddaa dheera'aa fi balballan kudha lamaa qabdi. Balballan isi'ii maleekkonni kudha lamaa dhaabataniiran, maqaan kudha lamaan gosa Israa'elii irratti barreeffameera.
13
Karaa baya adu'uutiin karra sadihii kaabaan karra sadihii gara kibbaatiin karra sadihii gara dhiyaatiinillee karra sadihiititu jira.
14
Dalloofni qachatti'ii bu'uura kudha lamaa irratti; isaan keessaallee maqaan kudha lamaan ergamtoota hoolaa Rabbii irratti barreffameera.
15
Ka anatti dubbate dallawaa fi karra qachatti'ii bikku'uuf ulee worqi'ii qabateera.
16
Qachattiinillee kallattii afur qabdi, dheerinnillee akkuma badhinna isi'iiti. Qachattii ulee worqi'iitiin bikkee garaan kuma kudha lamaa ta'e. Dheerinni, badhinni, ol fageenni wol qixa.
17
Maleekkaan naannaya dallawaallee bikkee bikkaa namni bikkuun ciqilee dhibba tokkoo fi afurtamii afur ta'e.
18
Dalloofni isi'iillee Iyyaasphiidiin irraa hojjatame; qachattiin bilillee worqi'ii fakkaatti.
19
Bu'uurri dallawa qachatti'ii dhagaa gatii gudda'aa maraan midhaage; bu'uurri duraa Iyyaasphiidii, bu'uurri lammeesso'oo Sanpeeri, bu'uurri sadeesso'oo Keelqedoon, bu'uurri arfeesso'oo Maraagidi, bu'uurri shaneesso'oo Sardoonikis.
20
Bu'uurri jaheesso'oo Sardiyoon, bu'uurri torbeesso'oo Kiristiloobe, bu'uurri saddeetesso'oo Biralee, bu'uurri sagaleesso'oo Worraawure'e, bu'uurri kurneesso'oo Kirisphiraasis, bu'uurri kudha tokkeesso'oo Yaakinti, bu'uurri kudha lammeesso'oo Ametesixinos.
21
Balballan kudha lamaanuu waan gatii gudda'aa kudha lama qaban; balbalti maruu waan gatii gudda'aa tokko irraa hojjataman. Bayimni qachattii sanii worqii bilille'ee mishaa fakkaata.
22
Waandhi Gooftaan maraa bulchuu fi hoolaan mana woyyu'uu isii keessa jiran; mana woyyuu isi'ii keessatti hin argine.
23
Qachatti sanii waan ulfinni Rabbii isi'ii ifuuf ibsoon isi'ii hoolaa waan ta'eef ifni adu'uutii fi addeessaa isii hin barbaachisu.
24
Worri Yihuudii hin taanellee ifa isi'ii keessa jiraatan; mootonni biyya lafaallee ulfinnaan gara isi'ii fidan.
25
Achi halkan waan hin jirreef karri guyya'aan sirima hin cufamu.
26
Worri Yihuudii hin taane gaachenaa fi ulfinna isi'ii fidan.
27
Worra kitaaba Hoolaa Rabbii keessatti barreeffamanii achi wonti shakkisiisaan maruu worri waan hama'aa fi soba hojjatan sirima isii keessa hin seenan.
← Chapter 20
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 22 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22