bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 1
Song of Solomon 1
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 2 →
1
Weedduu Solomoonii ka weedduu maraa caalu.
2
Jaalalti tee daadhii woyini'ii waan caaltuuf, afaan kiyya keessa na dhungadhu.
3
Urgoon ati dibattu akka bookaa urgoofti; maqaan kee akka dhadhaa urgo'oo ka jigeetitti foolii qaba; kanaaf durbi bareeddu maruu si jaalatti.
4
Harka na qabadhu ufitti na fudhadhu dafnee fiinnaa; mootii kiyya gara gola keetii na geessi. Nu'u sitti gammanna; guddisee nutti tola, jaalala kee daadhii woyini'ii caalaa jaalanna; Akkana si jaalachuun isaanii sirri'i;
5
Isin babbareeddan Yerusaalemii! na dhagayaa'a; ani gurraatti'i, haa ta'uu malee bareeddu'u; guraachinni bifa kiyyaa akka daasee Qeedaariiti; bareeddinni kiyyallee akka golga mana mootumma'aa ka Solomooniiti
6
Wonti bifti kiyya gurraachateef waan aduun na gubdeef; kanaafuu waan guraachadheef xiinxallitanii na hin laalinaa'a; ilmaan haadhaa tiyya waan natti aaraniif dhaaba woyini'ii na eessisan; kanaafuu ani hulee dhaaba woyini'ii kiyya hin dhiise.
7
Jaalalloo kiyya! yabo'oo mee natti himi; hoolota tee eessa bobbaafta? guyyaa akka isaan hara baafataniif eessa fidda? ani wonti si soqaa akka intala fuulatti haguuggattee gobbuu goshoota teetii faanaa olii gad raantawuuf maali'i?
8
Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu! yoo ka hulee hin beennee faana hoolota tiyyaa dhayi; ilmoolee re'iin teetiillee daasee worra re'iin tissanii biratti bobbaasi.
9
Jaalalloo tiyya! ati ganyaa fardaa ka faradoo gaarii Fari'oonii harkisu keessaa akka takkaati.
10
Boqoon fuula keetii bareeda looko'o; mormi kee ka faaya gatii gudda'aatiin bareede.
11
Nullee faaya looti'ii worqii irraa sii hujjisiifna.
12
Mootichi uduu nyaataaf taa'eeru, urgoon nafa kiyyaa isatti urgaaye.
13
Jaalalloon kiyya hennaa harma kiyya lamaan jidduu ciisu urgaan isaa akka urgaa bookaatitti natti urgaaye.
14
Jaalalloon kiyya akka abaaboo hulee dhaaba woyini'ii ka Ayingaad jedhamu ka hulee lafa gammoojji'iititti biqileeti.
15
Goshoo tiyya! ati akkam bareedda! attam midhaaddeerta! ijji tee akka ija handari'iiti.
16
Jaalalloo tiyya! atillee bareeda; guddiftee nama gammachiifta; sireen keennallee akka marga lalisa'aa nama gammachiisa.
17
Utubaan mana keennaa utubaa muka Libaanosiiti; ginnoonillee muka hindheessaatiin ijaarameera.
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 2 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8