bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 6
Song of Solomon 6
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 7 →
1
Ati ta dubartoota maraa caalaa bareeddu! jaalalloon kee garam dhaqe? nullee akka deemnee si woliin sondhu gara inni deeme nutti himi.
2
Jaalalloon kiyya tika hoolotaa bobbaasu'uu fi abaaboo bareedu muru'uuf gara hulee biqiltuun urgaayu argamuu bu'eera.
3
Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati; abaaboo suufi'ii keessatti tika hoolotaa bobbaasa.
4
Jaalalloo tiyya! ati akka qachaa Teersa'aa bareedda; akka Yerusaalemii guddiftee bareedda; gaachenni kee akka duula hiriiree meeshaa woraanaa qabatee wol faanaa deemuutitti nama sodaachisa.
5
Yabo'oo ijji tee waan na boojiteef na irraa buqqisi; rifeensi mataa keetii akka tika re'iinii ka gaara Gila'aadii irraa gad hurrisaniiti.
6
Ilkaan kee akka ilmoolee hoolotaa ta lakkuu dhalattuutii fi akka hoolota hin maseennee ta bisaaniin dhiqaniititti addaatee bareeda.
7
Boqoon tee lamaanuu roomaanii baqaqe fakkaatti; shaashii ati haguuggattu keessaan mudhatti.
8
Mootonni jahaatamaa, mata galtoonni saddeettamaatii fi babbareeddan laakkobsaa olii yoo jiraatanillee,
9
Ani garuu takkattima jaaladha; isiin ta mudaa woyiituu hin qabne ta akka handari'ii bareedde; isiin haadha ufiitiif tokkotti'i; haati isii deettellee maraa caalaa isii jaalatti; worri babbareeddanillee isii laala'aa jajaniin; mootonninii fi mata galtoonni moototaa isii jajan.
10
«Tun ta akka ifa bariisa'aa, ta akka addeessaa addaattu ta akka adu'uutitti iftu, ta gaachenni isi'ii akka loltuu hiriiree deemuutitti nama sodaachisu isiin tun eennu?» jedhan.
11
Biqiltuu adda addaa ka dhooqa keessatti dhaabame laalu'uuf woyiniin muteeruu fi daraaraan roomaani'iillee akka daraare laalu'uuf gara hulee dhaaba biqiltuu meexxi'ii gad bu'e.
12
Uduma ani hin beekin yaanni kiyya na butee konkolaataa gugurdootaa ka saba kiyyaa irra na kaaye» jedhe.
13
Ati intala gosa Sulaamii koottuu deebi'i; akka midhaassinee si laallu koottuu deebi'i. Intala gosa Sulaamii maaf akka loltoonni lamaan wol lolaniititti isii laaltan?
← Chapter 5
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 7 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8