bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 5
Song of Solomon 5
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 6 →
1
Obboleettii tiyya! idaayyaa jaalallo'oo! ani gara hulee biqiltuu kiyyaa ka ati naa kennitee seeneera; karbe'ee fi abaaboo urgo'oo kiyya guuradheera; nadhii dhaaba dammaa nyaadheera; daadhii woyini'iitii fi aannan kiyyallee hin dhugeera. Jaalalloota teenna! jaalalaan haga nadha baataniif nyaadhaa; dhugaa'a.
2
Ani rafeera; qalbiin tiyya garuu hin rafne; jaalalloon kiyya hennaa akkana jedha'aa balbala dhadhawu dhagaye; «Obboleettii tiyya idaayyaa jaalallo'oo! handarii tiyya ta mudaa hin qabne! yabo'oo balbala naa bani; rifeensi mataa kiyyaa kirfaffu'uun na shameera; tiifuu halkaniitiinillee jiidheera.»
3
Ani uffata kiyya mulqadheeraa; deebi'ee uffadhaa ree? luka kiyyallee dhiqadheeraa; deebi'ee xureessaa?
4
Jaalalloon kiyya qaalawaan harka natti loose; garaan kiyya waan isaatiif raafame.
5
Kanaaf ani jaalalloo kiyyaa balbala banu'uuf ka'e; cufanaa balbalaa hennaa harka kiyyaan banu'uuf qabe urgooftuun harka kiyya irraa jige; qubbiin kiyyallee bisaan karbe'ee jissan.
6
Ani lafaa ka'ee jaalalloo kiyyaa balbala bane; jaalalloon kiyya garuu balbala gayee uf irra gara galee deeme; ani laagaa isaa dhagayuuf guddisee hawwee ture; guddisee soqe garuu isa argachuu hin dandeenne; waamnaanillee na jalaa hin awwaanne.
7
Worri qachattii keessa naannaya'aa eegan na arganii dhayanii na madeessan; worri qachattii eegan waan fuulatti maradhu na jalaa fudhatan.
8
Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya yoo argitanii jiraattan sababaa jaalala isaatiif akka dhibame akka itti himtan yaboo isinitti kennadha.
9
Ati dubartii dubartoota maraa caalaa bareeddu! dhugama jaalalloon kee kaawwaniin addaa? ka hagana mara waan isaatiif yaboo nutti kennitu inni maali'iin kaawwan caala?
10
Jaalalloon kiyya ka guddisee bareeduu fi fayyaalessa; dhiira kuma kudhanii keessaa ka isa fakkaatu hin jiru.
11
Mataan isaa quunqoo worqi'ii fakkaata; rifeensi mataa isaa gurraacha; yuuba akka koola harraagessaati.
12
Ijji isaa akka ija handarii laga bira jiraattuutii fi adii akka aannanii bareedu.
13
Boqoon isaa akka urgooftuu hulee dhaaba biqiltu'uutitti argamuutitti bareeda; hidhiin isaa akka abaaboo bisaan urgoo karbe'ee coccobsuutitti mi'aaya.
14
Irreen isaa akka ulee qubee worqi'ii uf irraa qabuutitti bareeda; nafti isaa faaya ogeessi ilkaan arbaatiin hojjate fakkaata.
15
Lutti isaa utubaa worqii qulqullu'uun hojjatame fakkaata; akka gaara Libaanosii ka mukaan bareedeeti.
16
Afaan isaa akka dammaatitti mi'aaya; akkaataan isaa maruu namatti tola; isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloon kiyya ka akkanaati.
← Chapter 4
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 6 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8