bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 3
Song of Solomon 3
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 4 →
1
Ka garaan kiyya jaalatu halkan guutuu siree kiyya irra ta'ee hawwe; garuu barbaadee hin arganne.
2
Ani amma ka'ee qachoota keessa naannaya'aa ka garaan kiyya jaalate karaa ijoo namni keessa deemuu fi raasaa keessa isa soqee garuu hin argine.
3
Worra qachaa naannaya'aa eegan argee «Ka garaan kiyya jaalate argitanii?» jedhee isaan gaafadhe.
4
Ani isaan bira diqqoo achi lufee ka garaan kiyya jaalate san argadhe; jabeessee qabadhe; gara mana haadha tiyyaa geesse, gola ufii itti dhaladhetti galfadhe.
5
Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi gadamsa muka keessaa haga inni ka'utti isa hin dammassinaa'a. Faaruu sadeesso'oo
6
Ta akka qumbii waan gara garaatiin wolitti makamee tolfamee ka daldalaan fiduu fakkaattu ta biyya gammoojji'iitii dhuftu tun eennu?
7
Isiin konkolaataa fardaa ka Solomooniitiin namoota gugurdaa Israa'eliitii fi namoota Solomooniin eegan woliin kabajja'aan dhufa'aarti.
8
Isaan maruu worra akka meeshaa lolaa itti qabatan leenji'anii fi worra lola keessatti qormaataman; namni maruu balaa halkan dhufu dhooggu'uuf akkuma guraadee hidhatanitti bulan.
9
Teessoon Solomoon konkolaataa fardaa keessatti irra taa'u muka Libaanosii irraa hojjatame.
10
Lutti teessuma isaa birri'iin dibame ka inni itti irkatu ka worqi'iin bareechifame teessuma isaallee uffata diimaa dhiilgee itti uwwisan keessa isaa babbareeddan Yerusaalemiititu midhaassee hojjateef.
11
Isin babbareeddan Tsiyoonii! mooticha Solomooniin laalu'uuf koottaa'a; inni guyyaa cidha isaa gammadee gulloo ulfinnaa ka haati isaa mataa isaatitti goote godhateera.
← Chapter 2
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 4 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8