bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 7
Song of Solomon 7
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 8 →
1
Ee ati intala qondaalaa! lutti tee hennaa kophee baxxee keessaan mudhattu attam bareeddi? sarbaan kee faaya ogeessa jaba'aan worqii mishaa irraa hojjatame fakkaata.
2
Handhuurri kee bilillee daadhii woyini'iitiin guuttame fakkaata. naannofni mudhii keetii qixiraa qamadi'ii hidhame fakkaata.
3
Guntunni kee lamaan lakkuu ilmoolee borofaa fakkaata.
4
Mormi kee dallaya dhaga'aa ka ilkaan arbaatiin bareechisan fakkaata; ijji tee haroo qachaa guddittii Haseboon biratti argamtu fakkaata; funyaan kee dallaya dhaga'aa ka Libaanosii Damaasqoo mudhisu'uuf ijaarame fakkaata.
5
Rifeensi mataa keetii akka gaara Qarmeloosiiti; yuubni rifeensa mataa keetii haarri'i; akka dhaddoo dhayamee fakkaata; mootichi bareeddinna yuuba rifeensa keetiitiin booji'ama.
6
Jaalalloo tiyya! ati attam bareedda? attam namatti tolta! jaalalli kee attam nama gammachiisa?
7
Dhaabni kee muka meexxi'ii fakkaata; guntunni keellee hurbuu meexxi'ii fakkaata.
8
Ani muka meexxi'ii irra bayee gumaa isaa guuruu jaaladha; harmi kee akka hurbuu woyini'ii ka harkatti qabatan haa ta'u; urgaan hafuura keetii akka daraaraa muka hudha'aati.
9
Mi'aan afaan keetii akka mi'aa daadhii misha'aati. Eeganaa daadhiin woyini'ii mishaan hidhi'ii fi ilkaan jaalalloo kiyyaa keessa suuta yaa'aa haa bu'an.
10
Ani ta jaalalloo kiyyaati; hawwiin isaallee gara kiyya.
11
Jaalalloo kiyya! koottu; gara baadiyya'aa deemnee; ganda bullaa.
12
Ganamaan kaanee gara hulee dhaaba woyini'ii haa deemnuu; abaaboon woyini'ii akka dhooye roomaaniinillee akka abaaboo baaseeru haa laalluu. achitti jaalala kiyya sitti mudhisa.
13
Daraaraan Inkooyii, urgoonii fi wonti nama gammachiisu daraaraan adda addaa balbala keenna guuteera; jaalalloo kiyya! daraaraa kanniin keessaa ka bilchaatee fi ka haarawa murame sii kaayeera.
← Chapter 6
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 8 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8