bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 2
Song of Solomon 2
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 3 →
1
Ani akka abaaboo lafa gammoojji'iitii fi akka abaaboo arfaasa'aati.
2
Jaalalloon tiyya dubartoota keessaa akka abaaboo bareedaa qoree keessaa mudhatuuti.
3
Jaalalloon kiyya hennaa dargaggeeyyi'iin wol bira qabamu akka muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniiti; anillee jaaladhee gaaddisa isaa jala taa'ee hara baafadhe; daraaraa isaa nyaadhee natti mi'aaye.
4
Gara mana nyaataa na seensise; kaayoon inni na irraa qabu jaalala.
5
Ani waan guddisee isa jaaladhee dhibameeruuf daraaraa woyini'ii na nyaachisaa'a; muka hurbu'uu ka daraaraa isaa nyaataniinillee na gammachiisaa'a.
6
Harka ufii ka bita'aa na boraasisa; harka mirgaatiin garuu na ammata.
7
Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloo kiyya ka akka borofaatii fi ka akka gadamsa muka keessaa, haga inni ufumaa ka'utti tuxxanii isa hin dammassinaa'a. Faaruu Lammeesso'oo
8
Jaalalloon kiyya hennaa gaarranii fi tulloota irra utaala'aa daddarbama'aa dhufu; laagaan isaa hin dhagayama.
9
Jaalalloon kiyya borofa yookaan ilmoo gadamsaa fakkaata; Ani hennaa fodda'aan isa laalu dallawa keenna duuba dhaabateera.
10
Jaalalloon kiyya akkana naan jedha; Jaalalloo tiyya! ka'i; bareedduu tiyya koottu.
11
Ganni lufeera; roobni dhaabateera;
12
hulee gara garaatitti daraaraan daraaree mudhatuu jalqabeera; hennaan faaru'uullee gayeera; laagaan handari'iillee dhagayama'aara.
13
Munni hurbu'uu daraaruu jalqabe; woyiniinillee daraare; abaaboonillee urgaaye kanaafuu jaalallee tiyya! ka'i; bareedduu tiyya! koottu woliin deemnaa.
14
Ati akka handarii goda keessatti dhokatteeti; mee hennaa tokko fuula kee na argisiisi; laagaa kee dhageessisi; qoonqi kee namatti tola; fuulli kee bareeda.
15
Waan woyiniin keenna daraareef jeedallanii fi jeedallan ka woyinii keenna balleessan siibo'oon nuu qabaa'a.
16
Inni jaalalloo kiyya; anillee ta isaati; horii ufii abaaboo keessatti bobbaafata.
17
Jaalalloo kiyya! uduu lafti hin bariine uduu qilleensi bariisa'aa hin kaane akka ilmoo borofaa yookaan akka ilmoo gadamsaa gaara irra utaala'aa koottu.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8