bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
Song of Solomon 8
Song of Solomon 8
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
1
Maal ati obboleessa kiyya ka harma haadha tiyyaa hodhe uduu naa taatee; uduu karaa irratti argee si dhungadhee; silaa eennullee na hin tuffatu.
2
Ani silaa gara mana haadha tiyya ta na deettee si seensisa; silaa achitti waan jaalalaa na barsiifta; daadhii woyini'ii mishaa ka akka cuunfaa roomaani'ii mi'aayu uduu si obaasee.
3
Harka ufii ka bita'aa na boraafachiisa; harka mirgaatiin garuu na ammata.
4
Isin babbareeddan Yerusaalemii! jaalalloon kiyya haga ufiin ka'utti akka isa hin dammassine jabeessee isin kadhadha.
5
Gurmuu jaalalloo ufiititti irkattee ta lafa gammoojji'iitii ol baatu tun eennu? Hulee duraan haatee ciniinsifattee si deette muka baddeessa'aa ka urgaayu jalaa si dammasse.
6
Jaalala kee ka bara baraa san onnee tiyya keessatti akka chaappa'aatitti na kaayadhu; akka chaappa'aatitti anuma callaa harkatti qabadhu; jaalalti akka du'aa namatti jabaatti. hinaaffaanillee akka awwaalaatitti garaa namatti jabaatti; arrabni isi'ii akka arraba ibiddaa ka mallisuuti.
7
Baay'inni bisaanii jaalalaa dhaamsuu hin danda'u; lolaanillee fudhatee deemu'uunii hin danda'u; namni qabeennuma qabu maraa uduu jaalala bitu'uuf kennee sirima hin tuffatama.
8
Nu'u obboleettii diqqoo harma hin baafne takka qabna; isii uduu nu gaafatanii maal godhuu dandeenna?
9
Isiin uduu dallaya taatee, silaa goom'ee birrii sibiilaa ijaarraaf; isiin uduu balbala dallayaa taatee muka Libaanosiitiin itti dalloofna.
10
Ani dallaya; harmi kiyyallee akka goom'ee dallaya irratti ijaarameeti; ani yoo ija jaalalloo kiyyaa afoo jiraadhe nagayaa fi gammachuu isaa ta'a.
11
Solomoon hulee Ba'aalhaamootiititti hulee muka woyini'ii itti dhaabatu qaba; inni hulee muka woyinii ufii worra biqiltuu dhaabutti kireesse; worri kireeffatan maruu saqilii kuma tokko tokko fida'aafii turan.
12
Huleen dhaaba woyini'ii kiyya; kiyyuma calla'a; Solomoon! ati birrii kuma tokkoon; worra daraaraa san eeganiillee saqilii dhibba lamaa haa ta'uu.
13
«Ati idaayyittii tiyya! hulee dhaaba biqiltu'uutitti hiriyyoonni kiyya laagaa kee dhagayuu barbaadan; mee laagaa kee na dhageessis» jedhe.
14
Jaalalloo kiyya! dafii gara kiyya koottu; gaarran munni urgooftuu adda addaa itti biqilu irratti gadamsa utaaluu fi ilmoo borofaa fakkaadhu.
← Chapter 7
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8