bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 10
Matthew 10
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
1
Yesuus darasoota kudha lamaa gara ufii waamee, ayyaana battii akka baasan, dhukkubaa fi dhibee maraa akka fayyisan baallii isaanii kenne.
2
Maqaan ergamtoota kudha lamaan kanniinii ka duraa, Simoonii «Pheexroos» jedhamu fi obboleessa isaa Indiriyaas; ilmaan Zabdiwoosii, Yaaqoobii fi obboleessa isaa Yohaannis;
3
Filiphoos, Bartolomewoos, Toomaas, Maatewoosii qaraxa qaraxu Yaaqoobii ilma Alfewoosii, Taadewoosii Libidiyuus jedhamu.
4
Simoonii hinaafticha, Yihuudaa nama biyya keriyoot ka Yesuusiin dabarsee kenne.
5
Yesuus ergamtoota kudha lamaa kanniin akkana jedhee seeree isaan erge. «Gara worra Yihuudota hin taanee hin dhaqinaa'a, yookiin qachoota Samaariya'aa hin seeninaa'a.
6
Kanaa mannaa, gara worra akka hoolotaa karaa irraa badanii mana Israa'eelii dhaqaa'a! jedhe.
7
Akkuma dhaxxaniin, jeennanni sami'ii dhiyaatteerti jedha'aa lallabaa'a.
8
Dhibamtootallee fayyisaa'a, worra du'an kaasaa'a, worra dhibee gogaa kukkutu qaban fayyisaa'a. Jinnii baasaa'a, waan tola fudhattan tolumaan kennaa'a.
9
Korojoo keessan keessatti, worqii yookiin meetii yookiin sibiila diimaa qabattanii hin deeminaa'a.
10
Imala keessaniif korojoo yookiin shamisii lama yookiin kophee yookiin ulee hin qabatinaa'a. Hojjata'aaf nyaanni waan barbaachisuuf haa kennamuufii.
11
Isin gara qacha'aa yookiin ganda tokkoo hennaa seentani, haga achii baataniif mana nama isin simatee san taa'aa'a.
12
Yoo mana tokko seentan, nagaya isaan gaafadhaa'a.
13
Abbaan manaa nagaya keessan yoo isinirraa fudhate, nageenni keessan isaanii haa ta'u, yoo fudhachuu baatan ammoo nageenni keessan isinii haa deebi'u.
14
Ka isin hin simanneef ka dubbii keessan hin dhageenne yoo jiraate, mana sanii yookiin qachaa sanii yoo baatan, daaraa luka keessanii dhadhayadhaa'a.
15
Ani dhugamaan isiniin jedha, guyyaa murti'ii san qachaa san irra biyya Soodoomii fi Goomoora'aatii hin salphata» jedhe.
16
Yesuus ammallee, «Ani akka hoolotaa Yayyii jidduu isin erga; maarre akka Bofaa qaroo, akka handari'ii gara-laafeyyii ta'aa'a.
17
Haata'uu ammoo, gara Gumi'ii dabarsanii isin kennan. Manniin sagada Yihuudotaa keessatti waan isin tumaniif, namoota irraa uf eegaa'a.
18
Sababaa kiyyaaf isinitti murteessu'uuf jedhanii, gara bulchootaa fi moototaa isin dhiyeessan, isaaniif worra Yihuudota hin taane afo'otti worra ragaa naa bayu taatan.
19
Hennaa dabarsanii isin kennan, wonti dubbattan hennama san waan isinii kennamuuf, attamitti yookiin maal akka dubbattan hin yaadinaa'a.
20
Ka isin keessaa dubbatu Ayyaana Abbaa keessanii ka samii jiruuti malee, ka dubbatu isinii miti.
21
Obboleessi obboleessa ufii, abbaanillee ilma ufii dabarsee du'aaf kenna. Ijoolleen worra ufii irratti hin ka'an, hin ajjeesanille'e.
22
Naaf jettanii nama maraa afo'otti worra jibbame taatan. Ka haga dhumaa jabaate ammoo hin fayya.
23
Qachaa tokko keessatti yoo isin rakkisan, gara qachaa biraatitti dheessaa'a. Dhugamaan isiniin jedha, haga Ilmi Namaa dhufuuf qachoota Israa'eelii keessa deemtaniituu hin fixxan.
24
Barataan barsiisaa ufii, hojjataanillee hojjachiisaa ufii hin caalu.
25
Barataan akka barsiisa'aa, hojjataanillee akka hojjachiisaa ufii haa ta'uu. Eega abbaa manaatiin Bi'elizebul jedhan, maatii isaatiin ammoo attamitti kana caalaa hin jenneeniree!
26
Kanaafuu isaan hin sodaatinaa'a, wonti golgame mudhatuu hin oolu, wonti dhokatellee ifa bayuu hin oolu.
27
Waan ani dukkana keessatti isinitti himu, isin ifaan dubbadhaa'a. Waan hasaassi'iin dhageettan gumii afo'otti lallabaa'a.
28
Worra Foon namaa ajjeesee lubbuu ammoo ajjeesuu hin dandeenne hin sodaatinaa'a. Rabbii lubbu'uu fi foonillee asaaba keessatti gatuu danda'u sodaadhaa'a.
29
Sinbirroonni didiqqoon lamaan saantibii tokkotti gurguramanii mii? Fedhii Abbaa keessanii ka samii jiruu malee, isaan keessaa tokkottiinillee lafa hin buutu.
30
Rifeensi mataa keessanii martuu laakkayameera.
31
Kanaafuu isin sinbirroota didiqqoo hedduu waan caaltaniif hin sodaatinaa'a.
32
Ammallee Yesuus, «Ka nama afo'otti ragaa naa bayu maraafuu, anillee Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti ragaa isaa baya.
33
Ka afoo namaatitti na waakkatu maraa, anillee akkasuma Abbaa kiyya ka samii jiru afo'otti isa waakkadha.»
34
Yesuus ammallee, «Ani lafa irratti nagaya buusu'uuf waan dhufe isinitti hin fakkaatin; lola malee, nagaya buusu'uuf hin dhufne.
35
Ani ilma abbaa irraa, intala haadharraa, soddaatii soddaa irraa adda fooyu'uuf dhufeera.
36
Diintonni keessan, maatima keessan keessaa ta'a.
37
Namni na caalaa abbaa ufii yookiin haadha ufii jaalatu naaf hin malu. Ilma ufii yookiin intala ufii ka na caalaa jaalatu naaf hin malu.
38
Fannoo baatee na faanaa ka hin deemne naaf hin malu.
39
Namni lubbuu ufii jaalatu hin balleeffata, naaf jedhee lubbuu ufii ka balleeffatu ammoo hin argata.»
40
Ka isin simatu na simata. Nallee ka simatu ka na erge simata.
41
Ka raaga maqaa raagaatiin simatu, gatii raagaa argata. Ka nama qajeelaallee maqaa qajeellumma'aatiin simatu gatii qajeela'aa argata.
42
Eennullee worra gad-aanaa kanniin keessaa, waan inni darasaa kiyya ta'eef, bisaan qabbanaayaa xuwwee tokkottii obaasu, dhugamaan isiniin jedha gatii ufii argata.
← Chapter 9
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 11 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28