bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 17
Matthew 17
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
1
Guyyaa jahaan maayessa, Yesuus Pheexroosiin, Yaaqoobii fi obboleessa Yaaqoobii Yohaannisiin hojja isaanii qabatee, gara gaara dheera'aatitti ol isaan baase.
2
Innillee afoo isaaniititti jijjiirame, fulli isaallee akka adu'uu ife, uffanni isaallee adii weeccaa ta'e.
3
Hennama san dimmaa Muuseenii fi Eeliyaas Yesuusiin woliin uduu dubbatan argan.
4
Achiin maayessa Pheexroosillee deebisee, Yesuusiin akkana jedhe, «Gooftaa kiyya, as jiraachuun nuuf misha'a. Yoo fedha kee ta'e asitti daasee sadihii tokko si'iif, tokko Muuse'eef, tokko ammoo Eeliyaasiif haa ijaarruu» jedheen.
5
Uduma inni kana dubbata'aaru, duumessi ifaa isaan golge. Duumeessa san keessaan laagaan, «Ilmi kiyya ka ani itti gammaduu fi jaaladhu kanaa, isa dhagayaa'a» jedhu dhufe.
6
Darasoonni isaallee guddisanii sodaatanii waan turaniif kana dhagayanii nayanii afoo isaatitti gad kufan.
7
Yesuusillee gara isaanii dhiyaatee, harkaan isaan tuttuqee, «Ka'aa, jabaadhaa'a hin sodaatinaa'a» isaaniin jedhe.
8
Isaanillee ol jedhanii yoo laalan Yesuusiin malee, nama tokkollee hin argine.
9
Hennaa gaaraa gadi bu'an «Yesuus, Ilmi namaa haga du'aa ka'utti waan argitan kana eennuttillee hin himinaa» jedhee isaan seere.
10
Darasoonni isaallee, «Eegasuu barsiisoonni Seera Muuse'ee duraan dursee Eeliyaas dhufuu barbaarchisa maali'iif jedhan ree?» jedhanii isa gaafatan.
11
Yesuusillee deebisee akkana isaaniin jedhe, «Eeliyaasi waan maraa hule'etti deebisu'uuf firrisee hin dhufa.
12
Haata'uu ammo, Ani akkana isiniin jedha; Eeliyaas duraanuu dhufeera, namoonni isa hin beenne, akkuma fedha isaanii isa godhan. Maarre Ilmi Namaallee harka isaaniititti hin rakkata» isaaniin jedhe.
13
Hennaa san darasoonni akka Yesuus waan Yohaannisii cuupha'aa isaanitti hime qaabatan.
14
Gara gumi'ii hennaa deebi'an, namichi tokko dhufee, Yesuusiin afo'otti jilbiinfatee, «Gooftaa'a, mucaa kiyya naa fayyisi.
15
Inni dhukkuba gaggabdo'oo waan qabuuf guddisee rakkata'aara. Hennaa hedduu ibiddaa fi bisaan keessatti kufa.
16
Ani gara darasoota keetii isa fide, isaan ammoo isa fayyisuu hin dandeenne» jedheen.
17
Yesuus deebisee, «Isin dhaloota daba'aa fi worra hin amanne nana! Haga yoomii isin woliin jiraadha? Haga yoomii isinii obsa? mucaa gara kiyya fidaa'a!» jedhe.
18
Yesuus jinnii san teedeffatee, jinniinillee mucaa keessaa baase; mucaanillee hennama san irraa jalqabee fayye.
19
Achiin maayessa darasoonni isaa hojja ufii gara Yesuusii dhufanii, «Nu jinnii maali'iif baasuu dadhabne?» jedhaniin.
20
Yesuusillee akkana jedhee isaanii deebise, «Sababaa amantaan keessan diqqaateef malee, ani dhugamaan isiniin jedhaa, amantii diqqoo haga gumaa sanaafici'ii uduu qabaattanii, gaara kanaan, ‹Asii ka'ii achi deemi!› yoo jettan, innillee hin deema; Wonti isiniif hin danda'amne hin jiru.
21
Jinniin akkanaa kun kadha'aa fi soomaan malee hin bayu» isaaniin jedhe.
22
Hennaa Galiilaa keessa deddeebi'an, Yesuus, «Ilmi Namaa harka namootaatitti dabarfamee hin kennama,
23
isaanillee isa ajjeesan, guyyaa Sadaffa'aa du'aa hin ka'a» isaaniin jedhe. Isaanillee guddisanii gaddan.
24
Yesuusii fi darasoonni isaa hennaa Qifirnaahoomiin gayan, worri gibira mana woyyu'uu guuran gara Pheexroosii dhufanii, «Barsiisaan keessan gibira mana woyyu'uu hin kaffaluu?» jedhaniin.
25
Pheexroos, «Ee, hin kaffala» jedheen. Pheexroos gara manaa dhufee uduu isatti hin dubbanne, Yesuus dursee, «Simoon, maal si fakkaata? Mootonni biyya lafaa qaraxa yookiin gibira eennuun irraa guuran? Nama biyya ufii irraa moo nama biyya biraa irraa guuran?» jedhee isa gaafate.
26
Pheexroos deebisee, «Nama biyya biraa irraa guuran» jedheen. Yesuus deebisee, «Namni biyya isaanii bilisa ta'a kaa!
27
Haata'uu ammo akka isaanitti gufuu hin taane, gara galaanaa deemiitii siiboo gara galaanaa darbi qurxummii dura qabde afaan isi'ii hennaa bante birrii keessatti argitaa, birrii san fuudhii Naa fi ufiillee kaffali!» jedheen.
← Chapter 16
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 18 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28