bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 18
Matthew 18
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
1
Hennaa san darasoonni isaa gara Yesuusii dhufanii, «Jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu eennuun ta'inna laata?» jedhaniin.
2
Inni daa'ima tokko waamee, afoo isaanii dhaabsisee akkana jedhe.
3
«Ani dhugamaan isiniin jedha, deebitanii akka daa'ima kanaa yoo hin taane, gara jeennata sami'ii horoma hin galtan.
4
Eennullee ka akka daa'ima kanaa ka gad uf qabu jeennata sami'ii keessatti ka maraa caalu ta'a.
5
Eennullee daa'ima akkasii ka maqaa kiyyaan simatu maruu na simata.
6
Worra natti amanan didiqqaa kanniin keessaa tokko ka gufachiisu maruu, dhakaan daaku'uu guddaan morma isaatitti hidhamee gara qilee galaanaatitti gatamuu isaa woyyaa.
7
Biyyi lafaa waan nama gufachiiftuuf isii aanne'e! Wonti gufachiisu dhufuu hin oolu. Haata'uu ammoo ka nama gufachiisuuf aanne'e!
8
Harki kee yookiin lutti tee yoo ka si gufachiiftu taate, uf irraa kutii gati. Harka lamaan yookiin luka lamaan qabaattee gara asaaba bara baraatitti gatamu'uu mannaa, Hokkolaa yookiin duundumaa taatee gara jireennaa galuu sii woyya.
9
Ijji tee yoo si gufachiifte, uf keessaa baasii gati, ija lamaan qabaattee gara ibidda asaabaatitti gatamu'uu mannaa, ija takkattii qabaattee jeennata galuu sii woyya.
10
Yesuus, «Ani isinitti hima, maleekkonni Rabbii ta sami'ii, ta isaan eeddu hennaa maraa fuula Abbaa kiyya ka samii jiruu waan arganiif, daa'imman didiqqaa kanniin keessaa tokkollee akka hin tuffanne uf eeggadhaa'a» isaaniin jedhe. [
11
Ilmi Namaa worra bade fayyisu'uuf dhufe.]
12
Maal isinitti fakkaata? Namni tokko uduu hoolota dhibbaa qabaatee, isaan keessaa takkattiin yoo jalaa badde, sagaltamii sagal gaara irratti dhiisee ta badde san hin soquu?
13
Ani dhugamaan isiniin jedha, inni yoo argate, ta hin badin sagaltamii sagal caalaa itti gammada.
14
Akkasuma didiqqaa kanniin keessaa tokko akka badu fedhii Abbaa keessan ka Sami'iitii miti.
15
«Obboleessi kee yoo si yakke, dhaqiitii hulee isin lamaan callaan jirtanitti yakka isaa itti himi. Inni yoo si dhagaye, obboleessa kee godhadhu.
16
Inni yoo si hin dhageenne ammoo, murtiin maruu ragaa nama lamaatiin yookiin sadihiitiin waan mirkanaayuuf, deebi'iitii nama tokko yookiin nama lamaa qabadhuu bira dhaqi.
17
Inni yoo isaanillee dhagayuu dide, Woldaa Kiristaanaatitti himi; Woldaa Kiristaanaallee yoo dhagayuu dide, akka nama hama'aatii fi nama cubbama'aatitti laakkayiin.
18
«Ani dhugamaan isiniin jedha, wonti isin lafarratti hiitan maruu, sami'ittillee ka hidhame ta'a. Wonti isin lafarratti hiittan maruu sami'ittillee hin hiikkama.
19
Ammallee, ani akkana isiniin jedha, isin keessaa namni lamaa, biyya lafaa irratti woma kamiifuu wolii galee yoo faateffate, Abbaan kiyya ka samii irra jiru waan isaan kadhatan san isaanii godha.
20
Hulee namoonni lama yookiin sadihii taa'anii maqaa kiyyaan hennaa wolgayanitti ani isaan woliin jira» jedhe.
21
Achiin maayessa Pheexroosi gara Yesuusii dhiyaatee, «Gooftaa'a, obboleessi kiyya yoo na yakke, hennaa meeqa dhiisaaf? hennaa torbaa?» jedheen.
22
Yesuus deebisee, «Ani haga hennaa torbaatamii torbaa malee, hennaa torbaa callaa siin hin jedhu» jedheen.
23
«Waan kanaaf jeennanni sami'ii mootii herrega hojjattoota isaa irra jiru herregatu'uuf barbaade tokko fakkaatti.
24
Inni hennaa herreguu jalqabe, nama inni gatii Miliyoona hedduu irraa qabu tokko itti fidan.
25
Innillee waan kafalu dhabnaan, gooftaan isaa inni haadha manaa ufii, ijoollee ufiitii fi waan qabu maraa woliin gurguramee gatiin akka kafalamu ajaje.
26
Maarre hojjataan sun luka isaa jalatti kufee, ‹Naa obsi, anillee waan maraa sii kaffala› jedhee kadhate.
27
Gooftaan hojjataa sanii gaddee, gatii isaallee dhiiseefii, akka deemuuf gad isa dhiise.
28
Haata'uu ammoo hojjataan sun, achii bayee, hojjattoota keessaa hiriyyaa ufii ka gatiin birrii dhibbaa irra jiru tokko argee, ‹Gatii kiyya naa kanfali› jedhee, hudhee isa qabe.
29
Achiin maayessa hojjataan akka isaa sun gad kufee, ‹Naa obsi ani maraa sii kanfalaa› jedhee isa kadhate.
30
Inni ammoo hin barbaanne; kanaafuu qabee haga gatii kanfaluufiif mana hidha'aatitti hiisiseen.
31
Worri hiriyyaa isaa waan inni godhe kana arganii guddisanii gaddaniiti dhaqanii waan inni godhe maraa gooftaa ufiititti himan.
32
Achiin maayessa gooftaan isaanii isa waamsisee, ‹Ati hojjataa hamaa'a! Waan na kadhatteef gatii san maraa sii dhiise.
33
Akka ani sii dhiise hojjataa hiriyyaa kee ta'e sanii hin dhiiftuu?› jedheen.
34
Gooftaan isaallee aaree, haga gatii isa irra jiru maraa kafaluuf worra isa rakkisutti dabarsee kenne.
35
Maarre isin keessaa tokko tokko obboleessa ufiitiif gara'aan yoo dhiisu'uufii dhabaate, Abbaan kiyya ka sami'iillee akkasuma isin irratti godha» isaaniin jedhe.
← Chapter 17
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 19 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28