bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 2
Matthew 2
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
1
Bara Heroodis mootii ta'eeru, qachaa Beetelihem Yihuuda'aa keessatti Yesuus dhalate. Achiin maayii ogeeyyiin Urjii qoran karaa baya adu'uutii gara Yeruusaalemii dhufan.
2
«Mootiin Yihuudotaa ka dhalate, eessa jira? nu urjii isaa karaa aduun baatutti arginee, isaa sagadu'uuf dhufneerra» jedhanii iyyaafatan.
3
Mootiin Heroodisillee kana dhagayee naye.
4
Inni bulchoota gadootaatii fi barsiisoota Seera Muuse'ee wolitti qabee, «Kiristoos eessatti dhalata?» jedhee isaan gaafate.
5
Isaan akkana jedhaniin «Biyya Yihuuda'aa qachaa Beeteliheemiititti dhalata; kun dubbii raagaan,
6
‹Ati Beeteliheemii Yihuudaa keessaa! qachoota gugurdaa Yihuuda'aa maraa keessaa ati horoma hin diqqaattu; Sababaanillee ka banii kiyya Isiraa'eliin bulchu, Bulchaan si keessatti dhalata› jedhamee barreeffameera» jedhaniin.
7
Heroodiis ogeeyyii dhossa'aan waamee, bara urjiin mudhatte isaan irraa sirri'itti qulqulleefatee hubate.
8
«Dhaqa'aatii, waan daa'imaa midhaassa'aa qoradha'aa; hennaa isa argitan, anillee dhaqee akka isaa sagadu natti himaa'a» jedhee, gara Beeteliheemii isaan erge.
9
Isaan waan Mootiin isaaniin jedhe dhagayanii, ka'anii bayanii deeman; Baya biftu'uutitti urjiin isaan argan sun, haga hulee daa'imni jiruu san irra dhaabattutti afoo isaanii deemte.
10
Isaanillee urjiin akka dhaabatte hennaa argan guddisanii gammadan.
11
Mana seenanii, daa'ima haadha isaa Maariyaamiin woliin arganii, gad kufanii isaa sagadan. Achiin maayii Saanduqa ufii bananii, kennaa worqi'ii, Hiixana fi qumbii isaa kennan.
12
Achiin maayessa isaan gara Heroodisii akka hin deebine, Rabbi eebju'uun waan isaan uf eeggachiiseef, karaa biraatiin gara biyya ufii deebi'an.
13
Haga ogeeyyiin sun gara biyya ufii deebi'an, ergamaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhatee, «Heroodis daa'ima ajjeesuu waan barbaaduuf, ka'iitii, daa'imaa fi haadha isaa qabadhuutii gara Misirii baqadhu; haga ani sitti himutti achuma taa'i» jedheen.
14
Yooseefillee halkanniin ka'ee haadha fi daa'imallee qabatee, gara biyya Misirii deeme.
15
Haga Heroodis du'utti achuma taa'e; Gooftaan afaan raagaatiin, «Ani biyya Misiriitii ilma kiyya waame» jedhee dubbate suni akka raawwatamuuf kun ta'e.
16
Worri urjii qoru akka isa soban hennaa hubate, Heroodis guddisee aare. Hennaa urjiin itti mudhatte worra urjii qoran irraa akka gaafatee hubatetti, daa'imman Beetelihem keessaatii fi naannoo san maraa, ta woggaa lamaa yookiin achii gadi ta'an loltoota ufii ergee ajjeesisiise.
17
Akka kanaan wonti raattichi Ermiyaas jedhe raawwatame.
18
Wonti inni raagallee, «Laagaan Raama'atti dhagayame, laagaa wocaa fi booyaa ti. Raahel ijoollee ufiitiif bootte; ijoolleen isi'ii waan dhumatteef, jajjabaachuu dadhabde» jedha.
19
Haga Heroodis du'een maayessa, Maleekaan Goofta'aa eebju'uun Yooseefitti mudhate.
20
«Worri lubbuu daa'imaa soqan waan du'aniiraniif, ka'ii, daa'imaa fi haadhallee qabadhuutii gara biyya Israa'elii dhaqi!» jedheen.
21
Innillee ka'ee daa'imaa fi haadha qabatee, gara biyya Isira'eelii gale.
22
Arkelawoos bakka abbaa isaa Heroodisii akka mooye hennaa dhagaye, garas deemuu waan sodaateef, eebju'uun ka gara biyya Galiila'aa deemu argee, gara biyya Galiila'aa deeme.
23
Raattotaan waan Yesuusii, «Inni ‹Naazireeticha› jedhama» jedhamee ka dubbatame akka raawwatamuuf, gara qachaa Naazireeti jedhamtuu dhaqee achi taa'e.
← Chapter 1
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 3 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28