bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 28
Matthew 28
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
1
Haga Sambanni diqqaan lufeen maayessa guyyaa Sambata gudda'aa barii, Maariyaamiin biyya Magidalaatii fi Maariyaamiin lammaaffa'aa awwaala laalu'uuf dhaqan.
2
Maleekkaan Goofta'aa waan sami'ii bu'eef lafti guddiftee sochoote. Innillee dhufee dhagaa awwaala irraa garagalchee irra taa'e.
3
Bifti Maleekka'aa akka bakakka'aa, uffanni isaallee akka barada'aa adi'i.
4
Worri awwaala eegu Maleekkaa Goofta'aa waan sodaataniif raafamanii akka waan du'anii ta'an.
5
Maleekkanillee dubartootaan akkana jedhe, «Hin sodaatinaa'a; isin Yesuusii fannifame akka soqa'aartan hin beeka.
6
Inni as hin jiru, akkuma dubbate ka'eera. Hulee reeffa isaa kaayan kootta'aa laalaa'a.
7
Daddafa'aa deema'aatii inni worra du'an keessaa ka'eera gara Galiila'aa isin firrisa, achitti hin argitan jedha'aatii darasoota isaatitti himaa'a. Kunoo ani isinitti himeera» jedhe.
8
Soda'aa fi gammachuu gudda'aan ariifatanii awwaala biraa deemanii, darasoota isaatitti himu'uuf fiigan.
9
Dimmaa Yesuusillee isaan argee, «Nageenni isiniif haa ta'u!» isaaniin jedhe. Isaanillee isatti dhiyaatanii luka isaa qabatanii sagadaniif.
10
Hennaa san Yesuus, «Hin sodaatinaa'a; gara Galiila'aa akka dhaqan obboleeyyan tiyyatti dhaqa'aa himaa'a; isaan achitti na arganii» isaaniin jedhe.
11
Dubartoonni uduu karaa irra jiran, worra awwaala eegan keessaa gariin gara qacha'aa dhufanii, waan ta'e maraa bulchoota gadootaatitti odeessan.
12
Bulchoonni gadootaa manguddoota woliin wolgayanii mari'atanii, birrii hedduu loltootaa kennanii,
13
«Isin, ‹Darasoonni isaa uduu nu rafaa'arru halkan dhufanii reeffa isaa hatanii deeman› jedha'aa gumi'itti himaa'a.
14
Bulchaan biyyaa yoo dubbii kana dhagaye, nu itti himnee, akka isin hin rakkannellee hin goona» isaaniin jedhan.
15
Isaanillee birrii fudhatanii akkuma isaan jedhan godhan. Dubbiin kun haga guyyaa adhaa Yihuudota eddu'utti odeeffama.
16
Darasoonni kudha tokkoo gara gaara Yesuus isaanitti akeekee, ka Galiilaa keessa jiruu dhaqan.
17
Isaan hennaa isa argan, isaaf sagadan; worri gariin ammoo hin maman.
18
Yesuusillee gara isaanii dhufee, «Baalliin maruu ardi'ii fi sami'ittillee naa kennameera.
19
Kanaaf gara gosa biyya adda addaa deema'aatii maqaa Abba'aa, maqaa Ilmaatii fi maqaa Ayyaana Woyyu'uutiin isaan cuupha'aa, darasoota tiyya taasisaa'a.
20
Waan ani isin seere maraa akka eegan barsiisaa'a. Ani hennaa maraa haga dhuma biyya lafaa isin woliin jira» isaaniin jedhe.
← Chapter 27
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28