bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 4
Matthew 4
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
1
Achiin maayessa akka Yesuus daabiloosiin ataabamu, Ayyaanni Woyyuun gara gammooji'ii isa fide.
2
Inni guyyaa afurtamaa fi halkan afurtamaa haga soomeen maayessa hin beelaye.
3
Achiin maayessa ataabtichii gara isaa dhufee, «Ati Ilma Rabbii yoo taate, dhagaa kana xoroshoo akka ta'u ajaji» jedhe.
4
Innillee deebisee «Namni dubbii afaan Rabbiitii bayuun jiraata malee, xoroshoo calla'aan hin jiraatu» jedhamee barreeffameera jedheen.
5
Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin gara qachaa woyyitti'ii fidee, Ginnoo mana woyyuu gubbaa irra akka dhaabatu godhe.
6
Barreeffamin Woyyuun, lutti Kee dhaga'aan akka hin gufanne, akka isaan harka ufiitiin si qaban, maleekkota ufii sii erga «Ati Ilma Rabbii yoo taate as irraa gad uf dhiisi» jedheen.
7
Yesuusillee deebisee, Barreeffamni Woyyuun, «Waaqa Gooftaa kee hin qorin jedhamee barreeffameera» jedheen.
8
Ammallee daabiloos gara gaara dheeraa tokko gubba'atti ol isa baasee, Mootoolee biyya lafaatii fi ulfinna isaanillee itti mudhiseeti,
9
«Yoo kuftee naa sagadde, kana maraa sii kenna» jedheen.
10
Hennaa san Yesuus, «Ati seexana, narraa fagaadhu! kitaaba Woyyuu keessatti, ‹Waaqa Gooftaa keetii sagadi, isuma callaa kaddaami› jedhamee barreeffameera» jedheen.
11
Achiin maayessa daabiloos Yesuusiin dhiisee deeme; maleekoonnillee dhufanii isa tajaajilan.
12
Yesuus akka Yohaannis dabarfamee kenname hennaa dhagaye, gara Galiila'aa deebi'e.
13
Qachaa Naazireetii gadhiisee Zaabiloonii fi Niftaaleemiin keessaa gara biyya galaana biraa gara Qifirnaahoomii dhaqee achi taa'e.
14
Wonti Isaayyaas raattichi raage,
15
«Lafa Zaabilooniitii fi lafa Niftaalemii, karaa galaana Yordaanoosiitiin gama, Galiilaa lafa worra Yihuudota hin taaneetitti!
16
Baniin dukkana keessa jiraate, ifa guddaa arge; worra lafa du'aatii fi gaadidduu du'aa jala jiraataniif, ifni ife» jedhu akka raawwatamuuf kun ta'e.
17
Hennaa san irraa kaasee Yesuus, «Jeennanni sami'ii waan dhiyaatteertuuf, cubbuu irraa deebi'aa'a!» jedhee lallabuu jalaqabe.
18
Qarqara galaana Galiila'aatiin uduu lufa'aaru obboleeyyan lamaan, Simoonii ka Pheexroos jedhamee fi Indiriyaas obboleessi Simoonii hennaa isaan siiboo gara galaanaa darban arge; Isaan worra qurxummii qaban.
19
Yesuus isaaniin, «Na faana koottaa'a! Ani worra namoota qabdan isin taasisaa» jedheen.
20
Yomasan siiboo ufii dhiisanii isa faana deeman.
21
Inni akkuma achii deemeen, obboleeyyan lamaan Yaaqoobii fi Yohaannisiin, ilmaan Zabdewoosii arge. Isaan yabala ufii keessatti abbaa ufii Zabdewoosiin woliin Siiboo uduu midhaaffatan argee, isaan waame;
22
Isaannillee yoosuu yabalaa fi abbaa ufiillee dhiisanii isa faanaa deeman.
23
Yesuusillee manniin sagada Yihuudotaa keessatti barsiisa'aa, Oduu Nagayaa waan jeennata Rabbii lallaba'aa, dhibe'ee fi dhukkuba adda addaa maraa irraa banii fayyisa'aa Galiilaa maraa keessa deddeeme.
24
Gurri isaallee biyya Sooriya'aa maratti dhagayame. Kanaafuu worra dhibamanii, dhukkuba adda addaatiin rakkatan, worra jinniin qabeeru, worra dhukkuba gaggabdo'oo qabanii fi ka qaamni isaanii laamshaye maraa gara isaa fidan. Yesuusillee isaan fayyise.
25
Achiin maayessa gumiin hedduun Galiila'aa, qachaa qachoota kudhanii jedhamuu keessaa, Yeruusaalemii, Yihuuda'aa fi Yoordaanosiin gamaallee baniin hedduu isa faanaa deeman.
← Chapter 3
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 5 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28