bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
/
Matthew 15
Matthew 15
Oromo Bible (WAADAA LAMMATAA) 2013
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
1
Achiin maayessa Fariisotaa fi barsiisonni Seera Muuse'ee Yeruusaaleemii gara Yesuusii dhiyaatanii,
2
«Darasoonni kee maaf aadaa manguddootaa hin kabajjine? isaan hennaa xoroshoo nyaatan harka ufii hin dhiqatan!» jedhaniin.
3
Yesuus deebisee akkana isaaniin jedhe, «Isin aadaa keessaniif jettanii, maaf seera Rabbii kabajjuu diddan?
4
Rabbi, ‹Abbaa keetii fi haadha tee kabajji!› akkasuma, ‹Namni abbaa ufii yookiin haadha ufii arrabsu horomaa du'uu barbaachisa qaba!› jedhee seere.
5
Isin ammoo, ‹Namni tokko abba'aan yookiin haadhaan, gargaarsi isin na biraa argata'aa turtan Rabbiif kenneera yoo jedheen,
6
inni abbaa fi [haadha ufii] kabajjuu hin barbaachisu› jettan; aadaa teessaniif jettanii, seera Rabbii diiddan.
7
Isin fakkeessitoota! Isaayyaas waan keessan raagee,
8
‹Baniin kun afaaniin na kabajja, garaan isaanii ammoo narraa guddaa ka fagaate;
9
Baniin kun ajaja namaa akka seera Rabbiititti barsiisa'aa, ufii ammoo, duwwama na kaddaamani› ka jedhe dhuga'a» jedhe.
10
Achiin maayessa Yesuus gumii gara ufii waamee, «Dhagayaa'a, hubadhalle'e:
11
Wonti nama batteessu waan afaan namaa keessaa bayu malee, waan gara afaan namaa seenuu miti» isaaniin jedhe.
12
Achiin maayessa barattoonni gara isaa dhufanii, «Worri Fariisotaa waan ati jette haga dhagayan akka gufatan beettaa?» jedhaniin.
13
Yesuus ammoo deebisee, «Biqiltuun Abbaan kiyya ka sami'ii hin dhaabne maruu hin buqqa'a.
14
Waan isaanii dhiisaa'a; isaan ballaa ballaa masakku. Ballaan ballaa yoo masakke lamaanuu wol qabatanii boollatti badan» jedhe.
15
Pheexroos ammoo deebisee, «Mammaaka kana nuu hiiki» jedheen.
16
Achiin maayessa Yesuus akkana jedhe, «Isinillee haga ammaa worra qaabii hin qabnee?
17
Wonti gara afaanii seenu maruu gara gara'aa gadi lufee, nafa namaa keessaa akka bayu hin argitanii?
18
Wonti afaan keessaa bayu ammoo garaa keessaa waan bayuuf ka nama batteessu isa.
19
Sababaanillee garaa keessaa yaanni hamaan, ajjeesuun, seebaruun, hatuun, sobaan ragaa bayu'uu fi arrabsuu kanniin fa'atuu baya.
20
Wonti nama batteessu waan kana malee, harka uduu hin dhiqanne nyaatuun nama hin batteessu» jedheen.
21
Yesuus achii bayee gara biyya Xiroosii fi Siidoonii deeme.
22
Achiin maayessa dubartiin biyya Kana'aanii takka hulee sanii dhuftee, «Ilma Daawitii, Gooftaa'a! Mucattii tiyya jinniin dhayee waan rakkata'aartuuf, naa fayyisi» jedha'aa iyyite.
23
Inni ammoo womaa isi'iif hin deebifne. Darasoonni isaallee dhufanii, «Isiin iyya'aa waan nu duukaa deema'aartuuf, isii uf irraa geegessi!» jedha'aa isa kadhatan.
24
Yesuus deebisee, «Ani banii Isiraa'eelii ta akka hoolotaa baddeef malee ta biraatiif hin ergamne» jedhe.
25
Isiin ammoo dhufteeti isa afo'otti jilbiinfattee, «Gooftaa'a, na gargaar» jettee sagaddeef.
26
Yesuus deebisee, «Hurbaata ijoolle'ee fuudhanii sare'ee darbuun hin ta'u» jedhe.
27
Isiin deebitee, «Ee, Gooftaa kiyya, sareenillee woma qorii Gooftaa isaanii irraa harca'u nyaatti» jette.
28
Achiin maayessa Yesuus deebisee, «Dubartii nana, amantaan kankee gudda'a! Akkuma hawwii keetii siif haata'u» jedheen. Mucattiinillee yoma san fayyite.
29
Yesuus galaana Galiila'aa bira lufee, gaararra bayee achi taa'e.
30
Gumiin hedduu naaftota, balloota, worra duudotaa fi ka biraallee heddu qabatanii gara isaa fidanii luka Yesuusii jala kaayan. Innillee isaan fayyise.
31
Kanaafuu duudonni hennaa dubbatan, dundumoonni hennaa fayyan, worri hokkolan hennaa deeman, balloonni hennaa argan maalalfataniiti Waaqa Israa'eliillee galateeffatan.
32
Achiin maayii Yesuus darasoota gara ufii waamee, «Gumiin kun guyyaa sadihii waan na woliin tureef, waan nyaatan hin qaban. Kanaafuu ani isaaniif gadda. Karaa irratti akka hin dadhabne qooqa isaan gadhiisuu hin barbaadu» isaaniin jedhe.
33
Darasoonni, «Lafa udume'ee kana keessatti xoroshoo banii haganaa kana quubsu eessaa fuuna?» jedhaniin.
34
Yesuus, «Xoroshoo meeqa qabdan?» jedhee isaan gaafate. Isaan, «Xoroshoo torbaa fi qurxummii didiqqoo qabna» jedhaniin.
35
Yesuus gumiin marga irra akka taa'an ajaje.
36
Achiin maayii xoroshoo torbaa fi qurxummii fuudhee galateeffatee, cabsee darasootatti kenne. Darasoonnillee gumi'ii kennan.
37
Isaan martinuu nyaatanii qufaniiti, hambaa hafe Gindoo torba guutuu kaasan.
38
Laakkofsi worra nyaatanii dubartootaa fi ijoolleen uduu hin laakayamne dhiirti callaan kuma afur.
39
Yesuus gumii haga geegesseen maayessa, yabala keessa seenee gara biyya Maqidooniya'aa dhufe.
← Chapter 14
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
Chapter 14
Chapter 15
Chapter 16
Chapter 17
Chapter 18
Chapter 19
Chapter 20
Chapter 21
Chapter 22
Chapter 23
Chapter 24
Chapter 25
Chapter 26
Chapter 27
Chapter 28
Chapter 16 →
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13
14
15
16
17
18
19
20
21
22
23
24
25
26
27
28