bible
ra
🌐 Language
English
Español
Français
Deutsch
Português
Italiano
Nederlands
Русский
中文
日本語
한국어
العربية
Türkçe
Tiếng Việt
ไทย
Indonesia
All Languages
Home
/
Oromo
/
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
/
2 Corinthians 13
2 Corinthians 13
Oromo Bible (Kitaaba Woyyuu) - No Year
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
1
Gara keessan dhufuun kiyya kun hennaa sadeesso'ooti; «Wonti maruu ragaa lamaa fi sadihiin mirkanaaya»
2
Akkuma hennaa lammata isin laalu'uuf dhufe isin seeree ture; ammallee fagoo taa'ee deebi'ee isin seera; yoo deebi'ee gara keessan dhufu worra asiin dura cubbuu hojjatan ta'ee'e worra kaawwaniillee garaa hin laafu.
3
Kun wonti ta'uuf Kiristoos akka na keessaan dubbatu waan ragaa barbaaddaniif. Inni isin jiddu'utti jaba'a malee dadhabaa waan hin turreef.
4
Dadhabbi'iin fannifameera. Haa ta'uu ammo hunna Rabbiitiin jireennaan jiraata. Nullee akkasumaa isa woliin waan dadhabneef. Haa ta'uu ammo waan isinii ta'een hunna Rabbiitiin isa woliin jireennaan jiraanna.
5
Isin amanti'iin jiraatu'uu fi jiraatuu dhabuu keessan uf gora'aa uf laalaa'a; maal laataa yoo ka dandeettii hin qabne waan isinitti fakkaate, Yesuus Kiristoos isin keessa akka jiru hin beettanii?
6
Nu ammo worra dandeettii qabu akka hin taane akka beettan abdii godha.
7
Akka waan hamaa hin goone Rabbiin isinii kadhanna; Nu worra dandeettii qabu taanee mudhatu'uufii miti. Haa ta'uu ammo nu hagamillee yoo worra dandeettii hin qabne taane, isin hennaa maraa waan mishaa akka gootaniif.
8
Nu dhuga'aaf hojjanna malee dhugaa irratti mormii hin qabnu.
9
Nu dadhabnee, isin hennaa jabaa taatan waan gammanneef. Isin guutuu akka taatan, kanaafillee akkasuma Rabbiin kadhatan.
10
Ani hennaa gara keessan dhufu wonti Gooftaan baallii naa kenneef isin diigu'uuf uduu hin taane, baallii naa kennametti fayyadamee isin ijaaru'uuf akka isin hin miineef fagoo taa'ee, waan kana isinii barreesseera.
11
Waan hafeen obboleewwan tiyya! nagayaan taa'aa'a. Guutuu ta'aa'a; gorsa kiyya dhagayaa'a; yaada tokko ta'aa'a; nagayaan jiraadhaa'a; Waandhi jaalalaatii fi nagayaa isin woliin ta'a.
12
Dhungoo woyyu'uun nagaya wol gaafadhaa'a.
13
Woyyoonni maruu nagaya isinii dhaamaniiran.
14
Ayyaanni Gooftaa keenna Yesuus Kiristoosii, jaalalti Rabbiitii fi tokkummaan Ayyaana Woyyu'uu isin maraa woliin haa ta'u. Amiin!
← Chapter 12
Jump to:
Chapter 1
Chapter 2
Chapter 3
Chapter 4
Chapter 5
Chapter 6
Chapter 7
Chapter 8
Chapter 9
Chapter 10
Chapter 11
Chapter 12
Chapter 13
All chapters:
1
2
3
4
5
6
7
8
9
10
11
12
13